Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Aayubu 35 - KITAABA WAAQA

1 Jennaani Elihuni waan Ayubuni jed'e,

2 Jechi atini, Anini nama d'uga ufiini jettu kunini, Waaqa durati dansa seeta?

3 Yokhaani yo atini Waaqaani, ch'ubbuuni tiyya maani si tolchiti, yokhaani yo anini ch'ubbu lakise maani argad'a jette, akasi dansa?

4 Anini ammatana siifi jaalani tante waan jed'uuni qaba.

5 Gubba millad'i, aka dumansi olfago ilaali!

6 Yo atini ch'ubbu tolchite ch'ubbuuni Waaqa wo tolchiti? Yo atini maro heddu ch'ubbu tolchitele maani dandeete Waaqa tolchita?

7 Yo atini nama d'uga taate maanini Waaqa qarqaarta? Wonti Waaqi sira fed'u injirti?

8 Nami maro ch'ubbu tanteetifi gaargala argatu nama aka kanketi, yo waan dansa tolchitele nami qarqaarsa argatu isuma.

9 Nami Hojja dabsani iniyya; worri iyye nyaapa dura nu baasa namaani jed'a.

10 Ammo worri Waaqa worra uume, ka gaargala keesale worra qarqaaru, qarqaarsa inkad'atu.

11 Worri Waaqa bineensafi simpirre ch'ufa ira qalbi nuu kenne inkad'atu.

12 Worri iyye Nu qarqaari jed'a, ammo Waaqi jalaa inqabu, wonti akanatiifi worri ch'ubbicha, ammalle kiyyiba qaba.

13 Wonti worri bohufi injirtu, wonti akanatiifi Waaqi guddaani worra ind'agayu, yokhaani worra inargu.

14 Ayubu, atini anini Waaqa dandae inargu jette; obsi, waan inni sii tolchu eegi.

15 Atini waan Waaqi nama ingaargalchine seeta? Yokhaani waan inni ch'ubbicha odu inkaamne seeta?

16 Atini waan jettu imbeetu, tanaafi wonti atini teete dubbatufi injirtu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ