Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Aayubu 28 - KITAABA WAAQA

1 Fulla qarsi qotanifi boolati jira; fullaani worqi iti qulqulleesanileeni injirti.

2 Sibiila guraacha, lafa keesaa qotani, sibiila diimale d'akha iraa baasani.

3 Nami fulla guddo dukanootule keesa wobarbaade qile boolale keesa d'akha qota.

4 Nami aka male fagaate, fulla miili namaa taka ingahiini ch'ufa d'aqe, lafa qote, sibiila keesa barbaade, achiti fulla namu injirre haada gula gadibue boola keesaa wo qota.

5 Sagaleeni lafa irati baate, ammo lafuma suni, jala isii qotani garagalchani.

6 D'akhayeeni lafa dooqa qabdi, awaarti isiileeni worqi qabdi.

7 Allaatiini kara d'ossa suni inagartu, qoreleeni arti gubba imbariftu.

8 Nyeench'i, yokhaani bineensi janni aka isaaleeni, kara ch'eekhicha suni maro tokole gula indeemu.

9 Nami d'akhaye jajabdu ch'ach'abse gaareeni jala qote buqisa.

10 Inni ato d'akha qotu d'akhaye ch'uch'ulut'u arge.

11 Fulla galaani iraa bau qotani, waan d'ossani ch'ufa mullisani.

12 Ammo qarooma Eesa argani? Hubachaani eesati galti?

13 Qarooma dandaani nama keesati inargani? Nami waan qaroomi namaa bahu beekhu injira?

14 D'immuuni bisaani qaroomi na keesa injiru jetti baariinileeni inni na keesa injiru jed'a.

15 Dandaani qarsifi worqileeni imbitani.

16 Ammalle worqi dansaafi d'akhayeeni ch'ulut'uleeni haga isa woma imbaatu.

17 Inni worqi ira jira, dooqafi wonti worqiini mid'aasanileeni haga isa ingeetu.

18 Qaroomi d'akha adiifi d'akha ch'uluqafi, d'akhaa diima ch'ulkichale ira jira.

19 D'akha had'ichafi worqi qulqulloole dandaani qaroomani wolbira inqabani.

20 Qaroomi eesaa baha re? Hubachaani eesati galti?

21 Wonti lubbu qaba ka dandae qarooma arga injirtu, wonti gubba barisaleeni dandeete inargitu.

22 Badifi dootileeni, Odu isaa ch'alla d'ageenne jetti.

23 Waaqa ch'allati kara isaa hubate, fulla inni bahufi beekha,

24 wonti akanatiifi inni muumme lafatifi waan lafa gubba jira ch'ufa inarga.

25 Gaafa Waaqi bubbee irre kenne, baariinile biime mid'aase,

26 gaafa inni seera bokaya kaye, kara mandisuuni gula deemtule mid'aase,

27 gaafasi inni qarooma arge ilaalate, dansuma isaa arge quufe.

28 Waaqi waan namaani jed'e, sodaani Waaqaa qarooma, ch'ubbu lakisitini hubacha.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ