Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Aayubu 18 - KITAABA WAAQA

1 Jennaani Bildadiini, ka gosa Shuhi, waan jed'eeni:

2 Nami aka keeti kunini yoomi afaani qabata? Yo atini ch'allifte nu ch'aqafte, nu wo siti himna.

3 Atini maanifi daalle aka looni nu seeta?

4 Atini maafi ufuma teete dallansuuni ufi d'ukubsita? Lafti dallansu teeti jette duwa taati? Waaqi sii jed'e gaara chochoosa?

5 Ifse nama ch'ubbuu inuma d'aanfani, ibidi isii deebie imbobau.

6 Ifsaani waaro isaa gaandidae, ifseeni isaa bira ejitu d'aamti.

7 Ejati isaa qara jajaba, ammo amma ingugufata; maluma isaati isa balleese buusa.

8 Inni t'urura keesa seene, t'ururaani miila isaa qaba;

9 qaampari hirba isaa qabe isa chochou d'owa.

10 Lafa irati t'urura d'ossani, qaampara kara keesa kayaniifi.

11 Gama ch'ufa waan isa mudamsiisuti isa eegate, fulla inni deemu ch'ufa gula deema.

12 Inni duri dureesa, ammo amma ya wo d'abe; gaargali d'aatu tae isa eegata.

13 D'ukubi hamaani nafa isaa qabate, harkaafi miila isaa shamse ajeesa.

14 Waaro inni nagayaani keesa tahu keesaa hirkisani, boola Duati geesani.

15 Amma tana abbaani fed'u ha waaro isaati galuti eegi dillo iti naqani qulqulleesanini.

16 Hiidi isaa jalati gogoge, dameeni isaa gubbaati qanch'oorati.

17 Gurri isaa lafa keesaa badde, maqa isaa lafa keesaa d'abani.

18 Isa lafa keesaa baasani, ifsa keesa dukanati geesani.

19 Inni gosa isaa keesa ilmaani inqabu, nami isaa ka hafe injiru.

20 Nami ilaborutiifi ka ila aduu ch'ufti baddi isaa d'ageennaani mudame holata.

21 Sunini baddi worra ch'ubbichati worri Waaqa imbeenne fulla suni yaa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ