Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Aayubu 11 - KITAABA WAAQA

1 Jennaani Sofariini, ka gosa Naamathi, waan jed'eeni:

2 Nami tokoleeni ka dubbi hagana geetu tana si jalaa qabu injiru? Nami akana dubbi d'eeresu kunini d'uga inargata?

3 Mala keeti, waan dubbini tante, ta woma keesa injirre sunini, nu ch'allisiftu seeta? Yo atini nama goyeesite waan si ch'eersani inseetu?

4 Atini waan Waaqaani jettu, D'ugefachaani tiyya aabo inqabdu, ammalle anini si durati qulqullo.

5 Ato Waaqi siini dubbate anini akami gammada!

6 Inni aka qaroomi aka heddu jiru si barsiisa; waan nami dandae inhubanne ka d'ossaati jira. Hubad'u, gaargali kanke kunini haga sila sii male ingahu.

7 Waan Waaqa ka d'ossani, dandeete keesa imbeeta? Atini dandeete guddinnaafi jabeenna Waaqaa muumme inhubata?

8 Wonti sunini muumme inqabdu, gubbale ira olfago. Atini maani dandeete taata re? Ammo Waaqi fulla ekheraa imbeekha, ammo atini imbeetu.

9 Guddinni Waaqaa lafa ira ballaa baariile ira d'eera.

10 Yo Waaqi si qabe si hid'e gaadisa koraati si geese eenuti jalaa si baasa?

11 Inni nama seseega woma keesa injirre imbeekha; inni huji worraa hamtu ch'ufa inarga.

12 Yo harreeni diidaa matat'e worrati galtu, daalleeni wo hubati.

13 Garaa toli, harka kanke Waaqati olqabad'i.

14 Ch'ubbu keesa jirtu ufi ira fageesi, waan hamtu mana kanke keesaa baasi.

15 Duuba ch'eera male biyya dura ejite, soda male garaa jabaate biyya keesa deemta.

16 Duuba gaargala kanke ch'ufa, yo suni deete, aka lola fooqateti heredda.

17 Jireenni kanke adu guyya gudda ira ifse, dukantileeni barii siti fakaati.

18 Waan atini abdi guddo qabdufi, soda male nagayaani teeta. Waaqi si qorqorate hafuura sii baasa.

19 Bultiini tante soda womatu inqabdu, nami hedduleeni qarqaarsa si kad'ata.

20 Ammo worri ch'ubbu qabu ufi jibbaate, ufi d'aatu mimilate, kara bahuuni d'aba, wonti worri abdatu duuma.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ