Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

1 Petro 4 - KITAABA WAAQA

1 Maro Kristoni nafaani gaargaleefi, isanileeni herega suniini ufi jabeesu maltani: wonti akanatiifi nami nafaani gaargale tokoleeni iti deebie daba keesa inseenu.

2 Armaa achi jireenna keesani ch'ufaani fed'i Waaqa keesa taa, d'araa nafa lakisa.

3 Wonti akanatiifi isani ya bara heddu waan worri Waaqa imbeenne tolchu tolchitani. Jireenna keesani keesa ya waan t'uritiifi d'araa nafatiifi d'ugaati farsotiifi sabdoomafi machifi kad'acha d'ara, ta waan harkaani boch'ani, gula yaatani.

4 Amma worri Waaqa imbeenne, yo isani aka worraa waan t'uritiini imbineensomne, mame isani arabsa.

5 Ammo worri kunini ch'ufti waan qara tolche, Waaqa nama jiruufi ka duele qorisa kurfo jiru durati himachu male.

6 Maro waan kanatifi Odu Dansa worra qara due, ka aka nama ch'ufa nafaani qoraniti odeesani. Wonti worrati odeesanifi aka worri lubbuuni aka Waaqi jiru jiraatu.


Eeba Waaqa jabeesa

7 Muummeeni waan ch'ufa ya d'iaatte. Tanaafi ufi tissitani kurfo tau maltani, aka Waaqa kad'attani.

8 Waan ch'ufa ira woljaalad'a, wonti akanatiifi jaalalti daba heddu d'ossiti.

9 Gungumsu male, aananifi fooni qabdani woli kenna.

10 Nami ch'ufti ya Waaqa iraa eeba argate. Duuba inni eeba suni ha jabeese nama ch'ufaani qarqaaruti.

11 Nami wo barsiisu ha dubbuma Waaqaa barsiisuti; nami hojatu ha jabeenna Waaqi kennufiini hojatuuti; aka waan ch'ufa keesati Waaqa faarsani, Yeso Kristo, ka guddinnaafi jabeenna haga hegeri qabu keesa. Amini.


Yo maro Kristo gaargaltani, gammada

12 Jaalaani tiyya, ilaalacha guddo isani gubde d'ukubsitu tana woma insehiina, aka waan wonti nami taka inargiini tahu jirtu.

13 Ammo gammada, maro isani gaargala Kristo qoodattaniifi, aka hojja guddinni isaa mullatu gammadi keesani qit'au.

14 Ayyaana keesani yo maro maqa Kristotiifi isani arabsani; wonti kunini aka Lubbuuni Waaqa, ta guddinna, gara keesani d'ufte agarsiifti.

15 Isaniini tokoleeni nama ijeeftani yokhaani wo hattani yokhaani wo yakitani yokhaani waan nama keesa seentani ingaargaliina.

16 Ammo yo maro isani Kristianatiifi isani gaargalchani inch'eeriina, ammo galata Waaqaa deebisa, waan isani maqa Kristo qabdaniifi.

17 Hojjaani qorsuma ya geete, qaraa fiit'e worra Waaqaa qorani. Yo qara nuuni iti keyatani, worra Odu Dansa ta Waaqa ind'ugefanne maani tolchani?

18 Akuma t'aafiini jettu, Yo aki nami dansaani bahu gaargala taate, jara daba, ka Waaqa imbeenne, maani tolchani?

19 Tanaafi worri maro fed'ii Waaqati gaargalu, ha huji ufi dansaani harka nama worra uume, ka hojja ch'ufa kakhu ufi guutuuti kennuti.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ