Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

1 Petro 3 - KITAABA WAAQA

1 Akasuma isani nad'eeni, d'iirsole teesani ch'eera, aka yo d'iirsoleeni gari dubbi Waaqa ind'ugefannele, adabi keesani Waaqati worra deebisu. Duuba ato isani nami tokoleeni woma injed'iini,

2 worri adaba keesani dansaafi qulqullo arge maacha.

3 Mata filachafi faahi naqachafi woya naqatani keesati shoobu himmalle.

4 Ammo mid'aagumti teesani ta garaa keesa tahinna, mid'aaguma lubbu laanafi obsa ta injaare; tunini Waaqa durati waan guddo.

5 Kara kanaani nad'eeni duri ta Waaqa abdatte ufi mid'aasite, d'iirsole ufiiti ch'eerte.

6 Sarani duri akasi taate; isiini Abrahamu ch'eerte aka Abba ufi heregatte. Isani amma ijoolle isii taatani, yo waan dansa tolchitani woma insodaanne.

7 Isani d'iirsoleeni, yo nad'eeni teesani woliini teetani, aka isiini laaftu beekha, tanaafi isii ch'eeruufi maltani; wonti akanatiifi isani ch'ufti woliini eeba jireenna Waaqa qabdani. Waan kana tolcha, aka wonti tokoleeni kad'acha teesani isani dura iyakine.


Woljaalad'a

8 Dubbi buufata: herega takafi garaa taka qabaachu maltani; aka oboleyaani woli jaalad'a, woli naha, woli saalfad'a.

9 Nama waan hamtu isani tolche waan hamtu intolchiina; nama isani abaare inabaariina, ammo eebisaafi; wonti akanatiifi Waaqi, gaafa isani yaame, Eeba isanii kenna jed'e.

10 Akuma t'aafiini jettu, Nami jireenna fed'u, ka gammadani tau fed'u, waan hamtu dubbachu himmalle, d'arale dubbachu himmalle.

11 Inni hameenna iraa deebie, waan dansa tolchu male, ammalle nagaya jabeese barbaadu male.

12 Wonti akanatiifi Aabbooni ila ufitiini worra d'uga qorqorate, gurra ufitiini hojja ch'ufa kad'acha worraa d'agaya; ammo worra hameenna tolchu inni dudda iti gargala.


Gaargala obsaa, Kristo fakaad'a

13 Eentu wo isani tolcha, yo isani waan dansa guddo tolchu feetani?

14 Ammo yo waan dansa tolchitani, isani gaargalchanile, ayyaana keesani! Nama insodaatiina, garaa ufi ind'aaniina.

15 Ammo garaa keesani keesati Kristo guddisa Aabbo isa tolfad'a. Nama waan abdi isani ufi keesa qabdani isani gaafatu, aka iti himatani hojja ch'ufa kurfo taha. Ammo garaa laafinatifi ka ch'eeratiini tolcha.

16 Qalbi teesani qulqullefad'a, aka yo isani arabsani nami maro isani adaba dansaani Kristo gula yaataniifi hameenna isaniti dubbatu ch'eeru.

17 Wonti akanatiifi guddo ira dansa, yo waan dansaafi gaargalani, fulla waan hamtuufi gaargalani, yo isiini fed'i Waaqaa taate.

18 Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.

19 Duuba lubbuuni isaa d'at'e lubbu hid'aansa keesa jirtuleti hasoofte.

20 Lubbuuni tuni ta worra Waaqa ch'aqasu dide, gaafa inni, ato Nuhuni hobolo jaaratu obsaani eege. Nama saddeeti ka hobolo keesa jiru ch'allati bahe.

21 Bisaani kunini waan batiso agarsiisaati, ta amma isani baaftu, t'uri nafa ira ind'iit'u, ammo kakhu qalbi dansaani Waaqati kakhataniini isani baafti. Batisooni maro kaisa Yeso Kristotiifi isani baafti,

22 ka gubbati oldeebie harka Waaqa ka mirga tae, malaikafi jabeennaafi humna gubba jiru ch'ufa fidu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ