Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Wongeela Maatewos 9 - Waadaa Haarawa


Yesus Namicha Naafa Akka Fayyise
( Mar 2:1-12 ; Luq 5:17-26 )

1 Kanaan duubatti Yesus hoboloo yaabachu'uun garba ciisa'aan ce'ee, gara magaalaa mataa isaa ni dhufe.

2 Achii'llee namoonni siree irra ka ciisee jiru, nama naafa tokko qabatanii gara isaa ni fidan. Inni'llee amantii isaanii laalee naafttichaan, «Yaa ilma kiyya! Jabaadhu, cubbuun kee siif dhiifamee jira» jedheen.

3 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa tokko tokkoon isaan, «Naminni kun Waaqa irratti dubbii arrabaa ni dubbata!» jedha'aa, onnee isaanii titti ni yaadan.

4 Yesus'llee yaada isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Waayee maali'iitiif waan hamaa kana onnee keessantti yaaddan?

5 Haa ta'u malee, ‹cubbuun kee siif dhiifamee jira› jechu'uu fi ‹ka'iitii deemi!› jechuu, kamittu irra salpha'a?

6 Garuu Ilmi Namaa arddii irratti cubbu'uuf dhiifama taasisu'uuf aangoo akka qabu, akka beekitaniif» namicha naafttichaan, «Ka'ii siree kee baadhadhuutii, gara mana keetii deemi!» jedheen.

7 Namichi'llee ka'ee gara mana isaa ni deeme.

8 Ummanni'llee yeroo kana arganitti ni maalalffatan, aangoo akkana kana'llee namaa kennuu isaatiif, Waaqa galateeffadhaa.


Yesus Maatewosii Ka Jedhame Leewii Waamuu Isaa
( Mar 2:13-17 ; Luq 5:27-32 )

9 Yesus bakka sanii ka'ee deema'aa uduu jiru, Maatewos ka jedhame qaraacichi, bakka qaraxa wolitti itti qaban taa'ee argeeniiti, «Ana horddofi!» jedheen, inni'llee ka'ee ni horddofeen.

10 Saniin duubatti Yesus mana Maatewosii titti nyaataaf taa'ee uduu jiru, worri qaraachonni baayi'eenii fi cubbamoonni, garas dhufanii Isaa fi barattoota isaa woliin nyaataaf ni taa'an.

11 Fariisoonni kana arganii barattoota isaatiin, «Barsiisaan keessan qaraacotaatii fi fi cubbamootaan woliin, waayee maali'iitiif woliin nyaata?» isaaniin ni jedhan.

12 Yesus'llee kana dhagayee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhukkubsattoota malee fayyaaleyyiin ogeessa fayya'aa isaan hin barbaachisu.

13 Deemaa, ‹ani ka barbaadu dhiifama malee kitima'aa miti› jedhamee, ka barreeffame maal jechuu akka ta'e qoradha'aatii hubadhaa. Ani ka dhufeef qulqullaawota uduu hin ta'in, cubbamoota gara dhiifamaa titti waamu'uuf» isaaniin jedhe.


Waayee Soomaatiif Gaafii Dhiyaate
( Mar 2:18-22 ; Luq 5:33-39 )

14 Yeroo sanitti, barattoonni Yohaannisii gara Yesusii dhufanii, «Nu'uu fi Fariisoonni yeroo maraa ni soominna, barattoonni kee garuu ka hin soominne maali'iif?» jechu'uun, ni gaafataniin.

15 Inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ka fuudhu isaan woliin yoo jirutti, jaalonni gadduun isaan irraa ni malaa ree? garuu yeroon ka fuudhu isaan biraa itti fudhatamu ni dhufa, yeroo sanitti ni sooman.

16 «Uffata moofe irratti subbee haarawa ka erbbu eennu'llee hin jiru, yoo erbbame garuu subbeen haarofnni uffata moofaa muree, qaawwa isaa caala'atti ni baldhisa.

17 Akkuma kana qalqala bishaanii ka moofetti daadhii woyinni'ii haarawa ka kaayu eennu'llee hin jiru, yoo raawwatame garuu qalqalli ni dhooya, daadhiin woyinni'llee ni jiga, qalqalli'llee miidhamee faayida'aan ala ni ta'a. Daadhii woyinni'ii haarawa garuu qalqala haarawatti kaayuun ni mala, bifa kanaan'llee lamaanuu haalaan eegamanii ni jiraatan.»


Waayee Intala Iyaaroosiitii fi Dubarttii Uffata Yesusii Tuxxee
( Mar 5:21-43 ; Luq 8:40-56 )

18 Uduma Yesus kana isaanitti hima'aa jiru, itti gaafatamaan bakka wolgayii isaanii tokko gara isaa ni dhufe, kallacha isaatiin'llee Yesusiin duranatti gonbbifamee, «Kunoo, mucattiin tiyya ammuma ana jalaa duute, garuu ati uduu dhufittee harka kee isii irra keettee ni fayyit» jedheen.

19 Yesus'llee ka'eeti namicha horddofee ni deeme, barattoonni isaa'llee isa woliin ni deeman.

20 Kunoo, woggaa kudha lamaa guutuu dhiiginni isi'ii jiga'aa ni makkaraartti ka turtte dubarttiin takka, yeroo sanitti gara duuba Yesusiin dhufittee, qaccee uffata isaa harka isi'iitiin ni tuqixxe.

21 Kana'llee ka raawwatteef, «Uffatuma isaatuu uduu tuqee ni fayya» jettee, onnee isi'ii titti yaaddee waan turtteef.

22 Yesus'llee ufi irra garagalee laaleeniiti, «Jabaadhu yaa intala tiyya! Amantiin kee si fayyisee jira» jedheen. Dubarttiin'llee bakkumatti ni fayyite.

23 Kanaan duubatti Yesus gara mana itti gaafatamaa bakka woligayii isaanii yeroo gayetti, worri xurunbbaa gaddaa afuufttotaa ta'anii fi namoota asii fi achi wirttaaya'aa iyyu'uun booyan ni arge.

24 Inni'llee, «Isin marri keessanuu asii baayaa! Mucattiin mugiddee jirtti malee hin duune!» isaaniin jedhe. Isaan garuu balddu'uun itti ni kolffan.

25 Namoonni'llee eega bayaniin duubatti, Yesus gara kutaa mucattiin itti argamittuu aseenee harka isi'ii ni qabeen, isiin'llee ni kaate.

26 Gurroon waan kanaa'llee biyya san mara keessatti ni dhagayame.


Yesus Namoota Ija Jaamota Lamaan Akka Fayyise

27 Yesus bakka sanii ka'ee yeroo deemutti jaamonni lamaan ni horddofaniin, isaan'llee, «Yaa Ilma Daawiitii! Yabo'oo nu fayyis!» jedha'aa, ni iyyan turan.

28 Yesus gara manaa yeroo aseenetti jaamonni'llee gara isaa ni dhiyaatan, inni'llee, «Ani kana raawwachuu akka danda'u, ni amantanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ee, yaa Gooftaa!» jechu'uun, ni deebisan.

29 Kanaan duubatti Yesus ijoota isaanii harka isaatiin qaqabeeti, «Akka amantii keessan isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe.

30 Ijji isaanii'llee ni banaman, Yesus'llee, «Waan kana eennutti'llee hin himnaa!» jechu'uun, ciminnaan isaan ni ajaje.

31 Isaan garuu deemanii, biyya san maratti waayee gurroo Yesusii ni odeessan.


Yesus Nama Dubbachuu Dadhabe Tokko Fayyisuu Isaa

32 Namoonni ijji isaanii isaaniif baname'llee bayanii yeroo deemanitti, namoonni kuunniin namicha jinniin irra bule nama duudaa hin dubbanne tokko, gara Yesusii ni fidan.

33 Jinniin'llee isa keessaa yeroo bayetti namichi duudaan ni dubbate, ummanni'llee, «Wonitti akkanaa kun biyya Israa'eelii keessattuu, gonkumaa muldhatee hin beekkamu!» jedha'aa, ni maalaliffatan.

34 Fariisoonni garuu, «Inni jinniiwwan ka baasu, karaa itti gaafatamaa jinnooiiwwaniitiin» jedhan.


Yesus Ummataaf Garaa Laafuu Isaa

35 Yesus'llee bakka woligayii isaanii titti barsiisa'aa, wongeela Mootummaa Waaqaa'llee lallaba'aa, ummata'llee dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisa'aa, magaalotaa fi gandoota mara keessa ni naannaya ture.

36 Ummanni garuu akka hoolota tissee hin qabnnee titti sarddamaniitii fi bitaa isaanitti ta'ee yeroo isaan argetti, isaanii ni gadde.

37 Kanaaf barattoota isaatiin akkana jedhe, «Callaan baayi'e'e, hojjattoonni calla'aa garuu muraasa.

38 Eegaa hojjattoota isaa gara hujii calla'aa titti akka erguuf, abbaa calla'aa kadhadhaanii.»

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ