Wongeela Maatewos 4 - Waadaa HaarawaQormmaatamuu Yesusii ( Mar 1:12-13 ; Luq 4:1-13 ) 1 Kanaan duubatti, Yesus sheexanaan akka qormmaatamuuf Hafuurri Waaqaa gara lafa gammoojji'ii ni fudhateen. 2 Achitti'llee guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa eega soomeen duubatti, ni beelaye. 3 Qormmaataan gara Yesusii dhufee, «Ati Ilma Waaqaa yoo taate mee, dhagaayyii kanniin buddeena akka ta'aniif ajaji!» jedheen. 4 Yesus garuu, «Naminni ka jiraatu dubbii afaan Waaqaatii bayu maraan malee, buddeena qofaanii miti jedhamee barreeffamee jira» jedheen. 5 Kanaan duubatti'llee sheexanni Yesusiin gara Magaalaa Qulqullittii, gara Yerusaalemii fidee, baaxii Mana Waaqeffanna'aa irra ni dhabachiiseen, 6 «Miilli kee dhaga'aan akka hin gufanneef, ‹harka isaaniitiin akka si irkisan, maleyikkoota isaa siif ni ajaja› jedhamee barreeffamee jiraatii, Ilma Waaqaa yoo taate, asii irraa gara gadii mataa kee darbbi!» jedheen. 7 Yesus'llee deebisee, « ‹Gooftaa Waaqa kee hin qormmaatniin!› jedhamee barreeffamee jira» jedheen. 8 Deebi'ee'llee sheexanni Yesusiin gara gaara haalaan ol fagaatuu irra baaseenii, mootummoota biyya lafaa maraa ulfinna isaanii woliin itti muldhiseeti, 9 «Kufttee yoo anaaf sagadde kana maraa siif ni kenna» jedheen. 10 Yeroo sanitti Yesus, «Gooftaa Waaqa keetiif sagadi, isuma qofa'llee Waaqeffadhu! jedhamee barreeffamee jiraatii, ati sheexanni narraa fagaadhu!» jedheen. 11 Kanaan duubatti sheexanni Yesusiin ni dhiiseen, maleyikkoonni'llee dhufanii, ni tajaajilaniin. Yesus Hujii Isaa Ka Barsiisu'uu Galiila'atti Akka Jala Qabe ( Mar 1:14-15 ; Luq 4:14-15 ) 12 Yesus hidhamuu Yohaannisii yeroo dhagayetti, gara arddii Galiila'aa ni deeme. 13 Magaalaa Naazireetii'llee dhiisee, konyaa Zaabiloonii fi Niftaalemiitiin, garba ciisaa Galiila'aa biratti gara ka argamittuu gara magaalaa Qifirnaahoomii dhufee, ni jiraate. 14 Kun'llee ka ta'e, nabiyyichi Isaayaas akkana jechu'uun dubbiin raagaa ka dubbate, akka raawwatamuuf, 15 «Karaa gara garba ciisa'aa fiduu fi laga Yoordaanosiitiin gamatti ka argaman arddiin Zaabiloonii fi arddiin Niftaalemii, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka Galiila'aa'llee, 16 ummanni dukkana keessa jiraatu, ifa ol aanaa ni arge, arddii gaaddisa du'aa itti buuse worra jiraataniif'llee, ifin ni bayeef.» 17 Yeroo sanii jalaqabee Yesus, «Mootummaan Sami'ii dhiyaatee jirttiitii, gara Waaqaa deebi'aa!» jedha'aa, lallabuu jala ni qabe. Yesus Qurxummii Qabddoota Afurii Akka Waame ( Mar 1:16-20 ; Luq 5:1-11 ) 18 Yesus garba ciisaa Galiila'aa biraan yeroo dabrru qurxummii qabddoota ka turan obboleeyyan lamaan, isaan'llee Phexiros ka jedhame Simoonii fi obboleessi isaa Indriyaas, tabbaarrii isaanii gara garba ciisa'aa titti yoo darbbatan ni arge. 19 Yesus'llee, «Kootaa ana horddofaa, akkuma qurxummii qabdanitti, namoota'llee akka wolitti naa qabddan isin ni taasisa» isaaniin jedhe. 20 Isaan'llee bakkumatti tabbaarrii isaanii dhiisanii, isa ni horddofaniin. 21 Achi bira'llee dabrree, ijoollee Zebdiwoosii ka ta'an kuunniin obboleeyyan lamaan, Yaaqoobii fi Yohaannisiin ni arge. Isaan'llee abbaa isaanii Zebdiwoosiin woliin hoboloo irra ta'anii, tabbaarrii isaanii suppha'aa uduma jiran, isaan ni waame. 22 Isaan'llee bakkumatti hoboloo isaaniitii fi abbaa isaanii'llee, dhiisanii ni horddofaniin. Yesus Namoota Baayi'ee Akka Barsiisee fi Akka Fayyise ( Luq 6:17-19 ) 23 Yesus'llee bakkeewwan woligayi'ii titti, isaan ni barsiisaa fi gammachuu dubbii Mootummaa Waaqaa'llee lallaba'aa, dhukkuba adda addaatii fi dhibe'een namoota qabaman fayyisa'aa, arddii Galiila'aa mara keessa ni naanaya ture. 24 Maqaan isaa'llee biyya Soriya'aa mara keessatti waan dhagayameef, namoonni worra dhukkubaa fi dhibee adda addaatiin makkaraaran, worra hafuuronni battiiwwan irra bulan, dhukkuba gaggabdo'oo worra qabanii fi naafota mara'llee gara isaa ni fidan, inni'llee isaan ni fayyise. 25 Arddii Galiila'aatii fi magaalaawwan kurnan irraayyuu, Yerusaalemii fi Yihudaa, laga Yoordaanosiitiin gamaa'llee namoonni dhufan baayi'een, Yesusiin ni horddofaniin. |