Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Wongeela Maatewos 3 - Waadaa Haarawa


Lallaba Yohaannisii Cuupha'aa
( Mar 1:1-8 ; Luq 3:1-18 ; Yoh 1:19-28 )

1 Yeroo sanitti Yohaannisiin cuuphaan gammoojjii Yihuda'aa keessa lallaba'aa ni dhufe.

2 Yoo barsiisutti'llee, «Kunoo! Mootummaan Sami'ii dhiyaattee jirttiitii, gara Waaqaa deebi'aa!» ni jedha ture.

3 « ‹Karaa Goofta'aa qopheessaa, xurree'llee qajeelchaa!› Jedha'aa qooniqqa nama gammoojji'itti iyyuuti» jedhee nabiyyichi Isaayaas ka dubbate, waayee Yohaannisiiti ture.

4 Uffanni Yohaannisii'llee rifeenissa gaalaa irraa ka hojjatame ture, hidha isaa titti'llee teepha ni hidhata ture, nyaanni isaa'llee awwaannisaa fi daamma daamu'uu ni ture.

5 Yeroo sanitti'llee Yerusaalemii fi arddii Yihuda'aa mara irraa, naannoo Yordaanosii mara irraa'llee, namoonni gara Yohaannisii ni dhufan ture.

6 Cubbuu isaanii himata'aa, laga Yoordaanosii, harka Yohaannisii titti ni cuuphaman turan.

7 Garuu Yohaannis Fariisotaa fi Saduuqoota keessaa baay'een isaanii cuuphamu'uuf gara isaa yoo dhufan yeroo argetti, akkana isaaniin jedhe, «Isin ijoollee boofaa nana! Dheekkamissa dhufuu jalaa akka baataniif eennutu ufi isin eeggachiise?

8 Eegasuu gara Waaqaa deebi'uu keessan hujii muldhisu hojjadhaa.

9 ‹Nu'u ijoollee Abrahaamiiti› jechu'uun, waan jalaa baatan isinitti hin fakkaatin, Waaqinni dhagaayyii kanniin keessaa Abrahaamiif ijoollee kaasu'uufii ni danda'a, isiniin jedha.

10 Amma garuu qottoon mukkiin jala kaayamee jira. Kanaaf mukinni firii mishaa hin daraare marrinuu, muramee gara ibiddaa titti ni gatama.

11 Kunoo, ani gara Waaqaa titti akka deebitaniif bishaaniin isin ni cuupha, ka ana duubaan dhufu garuu Hafuura Qulqullu'uu fi ibiddaan isin ni cuupha, inni ana haalaan ni caala, ani kophee miila isaatuu baadhachu'uuf ka malee miti.

12 Inni manshiin harka isaa ni jira. Isaan'llee ooddii haala misha'aan ni qulqulleessa. Qamadii'llee Gootaraa isaa titti ni galcha, ibbiqiin garuu ibidda hin badinneen ni guba.»


Cuuphamuu Yesusii
( Mar 1:9-11 ; Luq 3:21-22 )

13 Yeroo sanitti Yesus harka Yohaannisii titti cuuphamu'uuf, Galiilaa gara laga Yoordaanosii ni dhufe.

14 Yohaannis'llee, «Kun ammoo hin ta'u, ani harka keetitti cuuphamuu yoo narraa malu, attamitti ati gara kiyya dhuftta!» jedhee, dhooguunii jala ni qabe.

15 Yesus garuu, «Hujii qulqullaayomaa mara karaa kanaan raawwachuun waan nurraa maluuf, amma dhiis, akkuma kana haa taa'u» jechu'uun ni deebiseef. Yohaannis'llee dhimmichatti wolii galee Yesusiin ni cuupheen.

16 Yesus cuuphamee bakkumatti akkuma bishaan keessaa bayeen samiin ni baname, Hafuurri Waaqaa'llee fakkeenna handari'iitiin bu'ee Yesusiin irra yoo taa'u ni arge.

17 Yeroma sanitti, «Kunoo, ka ani itti gammadu fi jaaladhu, Ilmi kiyya kana» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ