Wongeela Luqaas 9 - Waadaa HaarawaErgamittoonni Kudha Lamaan Barsiisu'uuf Ergamuu Isaanii ( Mat 10:5-15 ; Mar 6:7-13 ) 1 Yesus ergamittoota isaa kudha lamaan gara isaa waamee, huminna jinniiwwan baasu'uutii fi dhibee mara fayyisu'uuf'llee aangoo isaaniif ni kenne. 2 Dhufaatii Mootummaa Waaqaa nama maratti akka himan, dhukkubisatoota akka fayyisaniif isaan ni erge. 3 Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Adeemissa keessaniif ka ta'u womaayyuu hin qabatinaa, ulee'llee yoo ta'e, qaraciitii'llee yoo ta'e, dhalee'llee yoo ta'e, qarshii'llee yoo ta'e, uffatuma jijjiirataa'llee yoo ta'e hin qabatinaa. 4 Bakka keessumumma'aan aseenttan marattuu, ganda san keessaa baatanii haga deemittanitti achumatti turaa. 5 Namoonni ka isin ufitti hin fudhanne yoo ta'e garuu, magaalaa san dhiifttanii yoo deemittan, awwaara miila keessan dhadhawadha'aatii deemaa, kun'llee ragaa isaanitti ni ta'a.» 6 Kanaaf ergamittoonni achii bayanii wongeela barsiisa'aatii fi dhukkubisatoota fayyisa'aa, gandoota mara keessaan ni dabrran ture. Heerodis Waayee Maqaa Yesusii Dhagayuu Isaa ( Mat 14:1-12 ; Mar 6:14-29 ) 7 Namoonni tokko tokko, «Yohaannisiin Cuuphaan du'aa ka'ee jira» jedhanii, ni odeessan waan tureef, bulchaa biyya Galiila'aa ka ture Heerodis, waan Yesus raawwate maraa dhagayuu isaatiin ni naye. 8 Akkuma kana tokko tokko, «Nabiyyichi Eliyaas deebi'ee dhufee jira» yoo jedhan, kuunniin ammoo, «Nabiyyoota duraanii keessaa tokkochi du'aa ka'ee jira» ni jedhan ture. 9 Heerodis'llee gara isaatiin, «Ani mataa Yohaannisii mursiisee ture, eegaa, waan kana maraa ni raawwata jedhama'aa ka dubbatamuuf, inni eennu?» jedha ture. Isa arguuf'llee ni barbaada ture. Yesus Namoota Kuma Shanii Nyaachisuu Isaa ( Mat 14:13-21 ; Mar 6:30-44 ; Yoh 6:1-14 ) 10 Ergamittoonni bakka itti ergamanii deebi'anii dhufaniiti, waan raawwatan maraa Yesusitti ni himan. Inni'llee gara magaalaa Betsayidaa biratti argamittu gara bakka udume'ee titti isaan qabatee ni deeme. 11 Ummanni'llee Yesus eessa akka jiru yeroo beeketti ni horddofaniin, inni'llee isaan ufitti fudhatee waayee Mootummaa Waaqaa isaan ni barsiise, dhukkuba irraa fayyu'uuf barbaadanii dhukubbisatoota dhufan maraa, isaan ni fayyise. 12 Guyyaan dhiiyu'uuf yoo dhiyaatutti, barattoonni isaa kudha lamaan gara Yesusii dhiyaatanii, «Bakki jirru kun gammoojji'i, kanaaf namoonni gara magaalotaa fi baadiyyoota naannoo jiranii deemanii, nyaataa fi bakka bultti'ii akka soqataniif, isaan geegessi» jedhaniin. 13 Yesus garuu, «Isin mataan keessanuu waan nyaatan isaanii kennaa» isaaniin jedheen. Isaan'llee, «Nu ka qabnnu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa, kanaaf deeminnee nyaata yoo beekinne malee, ummata kana maraaf hin gayu» jedhaniin. 14 Baay'inni namootaa'llee haga kuma shanii ni gaya ture. Yesus'llee barattoota isaatiin, «Namoonni shantama, shantamaan qoodamanii akka taa'an taasisaa!» isaaniin jedhe. 15 Barattoonni isaa'llee, akkuma inni isaan ajajetti namoonni akka ta'an ni taasisan. 16 Kanaan duubatti'llee Yesus buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee gara samii ol jedhee laaleeti Waaqa ni galateeffate, kukkutee'llee namootaaf akka qoodan barattoota isaa titti ni kenne, 17 marrinuu nyaatanii ni quufan, barattoonni isaa'llee ummata irraa ka hafe, hanbbaa butute ginddoo kudha lama guutuu ni kaasan. Yesus Masihii Ta'uu Phexiros Ibissuu Isaa ( Mat 16:13-19 ; Mar 8:27-29 ) 18 Guyyaa tokko Yesus adda isaa uduu kadhata'aa jiru, barattoonni isaa dhufanii isa woliin ni taa'an, inni'llee, «Namoonni anaan eennu naan jedhan?» jechu'uun, isaan ni gaafate. 19 Isaan'llee, «Tokko tokko, ‹Yohaannisii Cuuphixicha› kuunniin, ‹Eliyaas› siin jedhan, ‹nabiyyoota duraanii keessaa tokkochi du'aa ka'ee jira› ka jedhan'llee ni jiran» jedhanii, ni deebisaniif. 20 Isin hoo anaan, «Eennu naan jettan?» jedhee, isaan ni gaafate, Phexiros'llee, «Ati Masihii Waaqaati» jechu'uun, ni deebiseef. 21 Yesus'llee kana eennutti'llee akka isaan hin dubbanneef, cimssee isaan ufi ni eeggachiise. Kristosiin Horddofuun Woreegama Gaafatu ( Mat 10:38-39 ; 16:24-28 ; Mar 8:34-38 ; Luq 14:25-27 ) 22 Itti aansee'llee Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Ilmi Namaa rakkinna baayi'ee fudhachuun isaan ni mala, jaarsotaa fi itti gaafatamoota qeesotaa, barsiisota seeraa biratti'llee ni tuffatama, ni ajjeefama'lle'e, haa ta'u malee guyyaa sadaffaa titti, du'aa ni ka'a.» 23 Maraanuu ammoo akkana ni jedhe, «Ana horddofu'uuf ka barbaadu yoo jiraate mataa isaa haa waakkatu, guyyama guyya'aan'llee fannoo isaa baadhatee, ana haa horddofu, 24 ana irra ka lubbuu isaatiif yaadu marrinuu ni balleesaan, waayee kiyyaaf lubbuu isaa dabarssee ka kennu garuu, ni fayyifataan. 25 Naminni qabeenna biyya lafaa mara uduu argatee, lubbuu isaa garuu yoo balleesse maal isa fayyada? 26 Anaa fi dubbii kiyyatti ka saalfatu mara irrattuu, Ilmi Namaa'llee ulfinna isaatii fi ulfinna Abbaa isaa, akkuma kana ulfinna maleyikkoota isaa Qulqulluuwwaniitiin ulfinnaan yeroo dhufutti, isatti ni saalfata. 27 Dhugamaan isiniin jedha, amma worra asi jiran jiddu'uu Mootummaan Waaqaa yoo dhufittu haga arganitti, ka hin duune tokko tokko ni jiran.» Jijjiiramuu Bifa Yesusii ( Mat 17:1-8 ; Mar 9:2-8 ) 28 Yesus kana eega dubbate guyya saddeetiin duubatti Phexiros, Yohaannisii fi Yaaqoobiin ufi duukaa qabatee kadhachuuf, gara gaara tokkoo irra ni baye. 29 Yeroo kadhatutti'llee biftti isaa ni jijjiirame, uffanni isaa'llee adii ta'ee calaqise, 30 Kunnoo, dimmaa namoonni lamaa dhufanii isa woliin ni haasayan ture, isaan'llee Muse'ee fi Eliyaasiin ni turan. 31 Ulfinnaan muldhatanii ni haasayan ka turan'llee, Yesus Yerusaalemitti rakkinna akka fudhatuu fi akka du'u ture. 32 Yeroo kanatti Phexirosii fi waahellan isaa hirribaan injifatamanii rafanii ture, yeroo damaqanitti garuu, ulfinna Yesusiitii fi namoota isa woliin turan lamaanii, ni argan. 33 Namoonni lamaan Yesusiin biraa fooyamanii yeroo deemanitti Phexiros Yesusiin, «Yaa barsiisaa, asi ta'uun keenna nu'uuf misha'a, kanaaf tokko si'iif, tokko Muse'eef, tokko Eliyaasiif ka ta'an daaseewwan sadihii haa ijaarruu!» jedheen, Phexiros kana yoo dubbatu waan jedhu hin beeku ture. 34 Uduma Phexiros kana dubbata'aa jiru duumessi dhufee isaan ni golge, duumessi'llee yeroo isaan golgetti'llee ni sodaatan. 35 Duumessa keessan'llee, «Ilima kiyya ka ani filadheen kana, isa dhageeffadhaanii» qooniqqi jedhu, ni dhufe. 36 Qooniqqi eega dhagayameen duubatti'llee, Yesus adda isaa ta'ee ni argame, barattoonni isaa'llee yeroo sanitti, waan arigan maraa eennutti'llee uduu hin himin, ni caldhisan. Yesus Intala Hafuurri Battiin Irra Bule Fayyisuu Isaa ( Mat 17:14-18 ; Mar 9:14-27 ) 37 Guyya itti aanutti'llee Yesusii fi barattoonni isaa sadiin gaara irraa yoo bu'anitti, ummanni baayi'een gara Yesusii ni dhufe. 38 Ummata jiddu'uu'llee naminni tokko akkana jechu'uun ni iyye! «Yaa barsiisaa, kun anaaf ilma tokkochaatii, akka naa fayyifttuuf si ni kadhadha, 39 kunoo hafuurri battiin dimmaa qabeenii ni iyyisiisaan, lafa irratti kuffiseenii hoomacha ni hoomacheeseenii, ni wixxifachiisaan, qaama isaa'llee madeessaa rakkinnaan gad dhiisaan. 40 Hafuura battii akka isaa baasaniif'llee barattoota kee gaafadhee ture, garuu isaan hin dandeenne.» 41 Yesus'llee akkana ni jedhe, «Isin worra amantii hin qabnne dhaloota dabaa nana! Haga yoomii titti isin woliin jiraadhaa? Haga yoomii titti'llee isiniif obissa? Mee mucaa kee garana fidiin.» 42 Mucaan'llee gara Yesusii yeroo dhiyaatetti jinnii lafa irratti kuffisee ni wixxifachiiseen, Yesus garuu hafuura batti'itti ni baanate, mucaa'llee fayyisee, abbaa isaatii ni kenneen. 43 Ummanni marri'llee huminna Waaqaa ol aanaa ariguu isaaniitiin ni maalalan. Marrinuu waan Yesus raawwate maalffachuu irra uduu jiran, inni barattoota isaatiin akkana ni jedhe, Yesus Waayee Du'a Isaa Yeroo Lammaaffaatiif Dubbachuu Isaa ( Mat 17:22-23 ; Mar 9:30-32 ) 44 «Dubbii isinitti dubbata'aa jiru kana hubadhaa onne'etti qabadhaa! Kunoo, Ilmi Namaa harka namootaa titti dabarffamee ni kennama.» 45 Isaan garuu waan kana hin hubanne, dhossaan haasayaa'llee isaan jalaa dhokatee ture, akka isa hin gaafanneef'llee ni sodaatan. Ka Maraa Caalu ( Mat 18:1-5 ; Mar 9:33-37 ) 46 Barattoonni isaa, «Nu mara keenna ka caalu eennu?» jechu'uun, mormmii kaasanii turan. 47 Yesus garuu yaada onnee isaanii beekee, daa'ima tokko fidee ufi bira ni dhabachiiseen, 48 Inni'llee, «Daa'ima kana maqaa kiyyaan ka ufitti fudhatu marrinuu ana ufitti ni fudhata, ana'llee ka ufitti fudhatu marrinuu ka ana erge ufitti fudhata. Isin jiddu'uu ka isin mara irra diqqaatu, inni ka maraa caalu ni ta'a» isaaniin jedhe. Ka Hin Mormmine Marrinuu Hirmmaataa Ta'uu Isaa ( Mar 9:38-40 ) 49 Kanaan duubatti Yohaannis Yesusiin, «Yaa barsiisaa, naminni tokko maqaa keetiin hafuurota yoo baasu ni argineen, garuu nu'u woliin waan hin ta'iniif, ni dhoogineen» jedhe. 50 Yesus'llee, «Ka isin hin mormine marrinuu isin woliin waan ta'eef dhiisaa, hin dhoogina'aanii!» jedhe. Namoonni Samaariya'aa Yesusiin Ufitti Fudhachuu Barbaaduu Dhabuu Isaanii 51 Guyyaan Yesus gara sami'ii ol itti deebi'u yeroo dhiyaatetti, gara Yerusaalemii deemu'uuf kutatee ni ka'e. 52 Isaan durana durssanii ka deeman ergamoota ni erge, isaan'llee waan maraa qopheessu'uuf, samaariya'atti gara ta argamittuu gara ganda tokkoo ni dhaqe. 53 Garuu inni achiin dabrree gara Yerusaalemii ka deemu ta'uu isaa beekanii waan tureef, namoonni ganda sanii isa ufitti fudhachu'uuf hin barbaanne. 54 Barattoonni isaa Yaaqoobii fi Yohaannis kana yeroo arganitti, «Yaa Gooftaa! Sami'ii ibiddi bu'ee namoota kanniin akka gubu akka ajajinuuf nuuf eeyyami?» ni jedhaniin. 55 Yesus garuu gara isaanii deebi'ee isaanitti ni baanate. [Isin hafuura attamii irraa akka taatan hin beekittan, Ilmi Namaa ka dhufeef lubbuu fayyisu'uuf malee, balleessu'uufii miti.] 56 Achii'llee ka'anii gara ganda bira'aa, ni deeman. Horddofttoota Yesusii Rakkinna Qunnamu ( Mat 8:19-22 ) 57 Yesusii fi barattoonni isaa adeemissa itti fufanii karaa irra uduu jiran naminni tokko Yesusiin, «Ani gara ati deemittu maraa si horddofu'uuf ni barbaada,» jedheen. 58 Yesus'llee, «Jeedallan boolla ni qaban, sinbirroonni samii'llee mandhee ni qaban, Ilmi Namaa garuu matama isaatuu bakka itti boqachiisu hin qabu» jechu'uun, ni deebiseef. 59 Nama bira'aatiin'llee, «Ana horddofi!» jedheen. Namichi garuu, «Yaa Gooftaa! Jalqaba deemee, abbaa kiyya akka awwaaluuf naa eeyyami» jedheen. 60 Yesus'llee, «Worra du'ootaa isaan dhiisaa!, du'oota isaanii haa awwaalanii, ati garuu deemiitii waayee Mootummaa Waaqaa barsiis!» jechu'uun, ni deebiseef. 61 Naminni bira'aa tokko ammoo, «Yaa Gooftaa, ani si horddofu'uuf ni barbaada, garuu jalqaba deemee maatii kiyyatti nagaya akka dhaamadhuuf, naa eeyyami» jedheen. 62 Yesus'llee, «Qotu'uuf irffii qabatee gara duubaa naminni laalu, Mootummaa Waaqaatiif ka malee miti!» jechu'uun ni deebiseef. |