Mudhata Yohaannisii 8 - Waadaa HaarawaBanamuu Chaaphaa Torbaffaa 1 Hoolichi caaphaa torbaffaa yeroo banetti haga wolakkaa saa'aati'iif sami'itti caldhisiinssi ni ta'e, 2 Waaqa durana ka dhaabatan maleyikkoota torban'llee ni arge, isaaniif'llee xurunbbaawwan laali'ii torbban ni kennamaniif. 3 Girgiraa worqqi'ii ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa dhufeeti, furdda biraan ni dhaabate, teessoo duranaan ka jiru furdda worqqi'ii irratti'llee, kadhannaa Qulqullu'uu woliin ka dhiyeessu ixaanni baayi'een ni kennameef. 4 Aarri ixaanaa kadhannaa Qulqullu'uu woliin harka maleyikkichaatii, gara durana Waaqa titti ni baye. 5 Kanaan duubatti maleyikkichi girgiraa qabatee furidda irraa ibidda itti guutee gara arddi'ii ni darbbeen, qoonqqa hangaasu'uu, bakakka'aa fi sochiin arddi'ii'llee ni ta'e. Afuufamuu Xurunbbaawwan Iilaali'ii 6 Xurunbbaawwan laali'ii torbaa malayikkoonni qabatanii jira, xurumbbaawwan isaanii ka laali'ii afuufu'uuf ni qophaayan. 7 Maleyikkaan jalqabaa xurunbbaa isaanii ka laali'ii ni afuufe, barada'aa fi dhiiginni ka itti wolitti makame ibidda ni ta'e, gara arddi'ii titti'llee ni gatame, harka sadihi keessa harki tokkoon arddi'ii ni gubate, mukkiin keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni gubate, margi lalise marri'llee ni gubate. 8 Maleyikkaan lamaffaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, gaara guddaa wonitti fakkaatu bobaya'aa gara garba ciisa'aa titti ni gatame, harka sadihi keessaa harki tokkoon garba ciisa'aa'llee diigaa ni ta'e, 9 garba ciisaa keessa ka jiraatan uumamittoota lubbuu qaban keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni du'an, harka sadihi keessa harki tokkoon dooniiwwanii'llee ni dhabame. 10 Maleyikkaan sadaffaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, urjjiin ol aanaan akka xomborra'aa titti gubatu'llee sami'ii ni kufe, ka kufe'llee harka sadihi keessaa harka tokkoo laggiin irrattii fi burqaawwan bishaanii irratti. 11 Maqaan urjjichaa'llee «Hadheeso» ni jedhama, harka sadihi keessaa harki tokkoon bishaanii'llee hadhaayaa ni ta'e, waayee bishaan hadaayaa ta'eetiin'llee, namoonni baayi'een ni du'an. 12 Maleyikkaan arfaffaa xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, harka sadihi adu'uu keessaa harki tokko, harka sadihi ji'aa keessaa harki tokko, harka sadihi urjji'ii keessaa harki tokko ni dhayame, kanaaf isa keessaa harka sadihi keessaa harki tokko ni dukkanaaye, bifa kanaan guyya'aa keessaa harki tokkoon guyya'aa, ifa malee ni ta'e. 13 Kanaan duubatti yoo laalu risaan tokko samii irra barara'aa qoonqqa ol aana'aan, «Maleyikkoonni hafan sadiin qoonqqa guddaa xurunbbaa isaanii ka ilaali'iitiin yeroo dhageessisanitti, namoota arddii irra jiraatan isaanii uunsha'a! uunsha'a! uunsha'a!» jedha'aa, yoo iyyu ni dhagaye. |