Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Mudhata Yohaannisii 6 - Waadaa Haarawa


Banamuu Chaaphaawwan Torbanii

1 Kanaan duubatti Hoolchi chaaphaawwan torbban keessaa ka jalqabaa yoo banu ni arge. Bineensota arfan keessaa'llee tokkochi qoonqqa akka hangaasu'uu qoonqqa gigissuun, «Koottu!» yoo jedhu, ni dhagaye.

2 Kunoo fardda adii ni arge, ka farda irra taa'ee jiru'llee xiyyaa qabatee jira ture, gonfataan'llee ni kennameef, inni'llee injifataa ta'ee moo'aa injifanno'oo gara injifanno'oo titti, deemu'uuf ni baye.

3 Hoolichi chaaphaa lammaffaa yeroo banetti, bineenssi lammaffaa, «Koottu!» yoo jedhu, ni dhagaye.

4 Ka bira'aa farddi diimaan ifaan ni baye, ka farda yaabbate nagaya arddii irraa akka dhabamisiisuu fi namoonni ufii isaaniitii akka wol fixan taasisu'uuf aangoon ni kennameef, biloofinni guddaan'llee ni kennameef.

5 Hoolichi chaaphaa sadaffaa yeroo banetti bineenssi sadaffaa, «Koottu!» yoo jedhu ni dhagaye, kunoo farda gurraacha ni arge, ka farda yaabbate'llee meeshaa ulfaatinna ittiin madaalli'ii harka isaa titti qabatee jira ture.

6 Bineensota arfan jiddu'uu waan baye ka fakkaatu qooniqqa ni dhagaye, qoonni kun, «Qamadii kiilogiraam tokko gayu mindaa guyyaa tokkoo, garbuu kiloo tokko gayu mindaa guyyaa tokkootiif haa ta'u, zayiiti'ii fi woyinnii garuu hin miidhin!» yoo jedhu, ni dhagaye.

7 Hoolichi chaaphaa arfaffaa yeroo banetti qooniqqi bineenssa arfaffaa, «Koottu!» yoo jedhu ni dhagaye,

8 Kuunoo farda hamara ni arge, ka farda yaabbatee jiru'llee maqaan isaa du'a ni jedhama ture, siiooli'llee isa ni horddofaan ture, du'aa fi siiooli'llee harka afur keessaa harka tokkoo arddi'ii lolaan, beelaan, dhibe'ee fi bineensota arddi'iitiin akka ajjeesaniif, aangoon isaanii ni kennameef.

9 Chaaphaa shanaffaa yeroo itti banametti, waayee dubbii Waaqaatii fi waayee ragummaa isaan kennaniitiif, lubbuuwwan namoota ajjeefamanii furddaa gaditti ni arge,

10 Isaan'llee qoonqqa ol aana'aan, «Qulqullu'uu fi dhugaalessa, yaa Waaqa jiraataa, namoota arddii irra jiran irratti ka hin murtteesine fi waayee dhiiga keennaatiif'llee haloo ka hin baanne, haga yoomii titti!» jedha'aa ni iyye.

11 Tokkoo tokkoo isaaniitiif'llee uffanni adiin ni kennameef, akka isaanii ufi durana ka ajjeefaman, kuma isaanii tajaajilttoota ka ta'an waahellan isaaniitii fi laakkofssi obboleeyyan isaanii haga guututti, yeroo muraasaaf boqatanii akka turaniif isaanitti ni himame.

12 Kanaan duubatti Hoolichi chaaphaa jahaffaa yeroo banetti gara isaa ni laale, kunnoo sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, aduun akka uffata gurraacha gaddaa titti ni gurraachoftte, jiin marri'llee akka dhiigaa titti ni diimatte,

13 Ji'oota gannaatiin bubbeen cimaan muka harbbu'uu yoo sochoosu akkuma firiin isaa muka irraa harca'utti, urjjiiwwan sami'ii'llee ni harca'an.

14 Samiin'llee akka kitaaba kaldho'oo titti mamaramee ni dhabamsiifame, gaarotaa fi eddoolaan marri'llee bakka isaaniitii ni fudhataman.

15 Nugusonni arddi'ii, bulchitoonni, itti gaafatamoonni woraanaa, dureessitoonni, jajaboonni, tajaajilttootaa fi goofttonni marri'llee, godootaa fi gaarotaa keessatti ni dhokatan,

16 Gaarotaa fi dhagaayyi'iin'llee, «Nu golgaa! Ka teessoo irra taa'een duranaa irraa fi dheekkamssa Hoolichaa jalaa'llee nu dhossaa!

17 Guyyaan ol aanaan dheekkamssaa dhufee jira, eennutu obissee isa durana dhaabachu'uuf uggee ree?» isaaniin ni jedhan.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ