Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Mudhata Yohaannisii 16 - Waadaa Haarawa


Duloowwan Dheekkamssa Waaqaa Qabatanii Jira

1 Kanaan duubatti maleyikkoota torbaniin, «Deemaa! dheekkamissa Waaqaa qabatanii ka jiran duloowwan torbban arddii irratti jissaa!» ka jedhu, qooniqqi ol aanaan jedhu, Mana Waaqeffanna'aatii yoo bayu ni dhagaye.

2 Maleyikkaan jalqabaa dhaqeeti duloo arddii irratti ni jisse, malkanni bineenssichaa ka qabanii fi suuraa bineensichaatiif namoota sagadan irratti, bada'aa fi madaan makkaraarssu isaan irratti ni baye.

3 Maleyikkaan lammaffaa'llee duloo garba ciisaa irratti ni jisse, garbi ciisaan'llee akka dhiiga nama du'ee ni ta'e, garba ciisaa keessa'llee ni jiraatan ka turan wonittoonni lubbuu qaban marrinuu, ni du'an.

4 Maleyikkaan sadaffaa duloo laggiinii fi burqqaalee bishaanii irratti ni jisse, isaan'llee diigaa ni ta'an,

5 bishaan irratti maleyikkaan aangoo qabu'llee akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Ka jirttuu fi ka turtte yaa Gooftaa Qulqulluu! Akkana waan murtteessiteef ati sirri'i,

6 Namoonni dhiiga Qulqullootaatii fi nabiyyootaa waan jissaniif dhiiga isaan ni obaaftte, kun'llee ka isaaniin malu!»

7 Furdda isaa titti'llee, «Ee! Maraa ka dandeettu yaa Waaqa Gooftaa! Murtiiwwan kee dhaga'aa fi sirri'i» qoonqqa jedhu, ni dhagaye.

8 Maleyikkaan arfaffaa'llee duloo aduu irratti ni jisse, aduun'llee namoota oo'a isi'iitiin akka gubdduuf huminni ni kennameef,

9 namoonni oo'a ol aana'aan ni gubatan, balaawwan kanniin irratti aangoo ka qabu maqaa Waaqaa ni arrabissan, dhiifamaan'llee gara Waaqaa titti hin deebine, isa'llee hin kabajineen.

10 Maleyikkaan shanaffaa duloo teessoo bineenssichaa irratti ni jisse, mootummaan bineensichaa'llee dukkana ni ta'e, namoonni makkaraarnna isaanii irraa ka ka'een arraba isaanii ni alanishan ture,

11 dhukkubisata isaaniitii fi madaa isaanii irraa ka ka'een Waaqa sami'ii ni abaaran, hujii isaanii hamaa irraa'llee dhiifamaan gara Waaqaa titti hin deebine.

12 Maleyikkaan jahaffaa duloo laga ol aanaa Efraaxiisii irratti ni jisse, nugusota gara baya adu'uutii dhufaniif karaa qopheesu'uuf, bishaan lagichaa ni goge.

13 Afaan xarichaatii fi afaan bineensichaatii, afaan nabiyyicha dharaatii'llee, raachota wonittoonni fakkaatan hafuuronni battiiwwan sadihiin, yoo bayan ni arge.

14 Isaan baasa ka taasisan hafuurota jinniiwwaniiti, hafuuronni kunniin guyyaa woraanaa ka Waaqa maraa danda'uu ta'utti namoota wolitti qabu'uuf, gara nugusota biyya lafaa mara ni deeman.

15 «Kunoo! Ani akka hattu'uu dimmaa ni dhufa! Qullaa isaa akka hin taanee fi qaama isaa ka saalaa namoonni akka jalaa hin argineef, dammaqee uffata isaa naminni eeggatu ka galateeffame!»

16 Hafuuronni'llee nugusota afaan worra Ibirootaatiin Armaagedoon bakka jedhamutti, isaan wolitti ni qaban.

17 Maleyikkaan torbaffaa'llee duloo qilleensa irratti ni jisse, teessoo Mana Waaqeffanna'aa keessa jiru irraa, «Raawwatame!» ka jedhu, qooniqqi ol aanaan ni baye.

18 Qooniqqi bakakka'aa, ka hangasu'uutii fi sochiin arddi'ii ol aanaan'llee ni ta'e, kana ka fakkaate sochiin arddi'ii ol aanaan naminni arddii irratti haga uumamee jalaqabee, ta'ee hin beeku.

19 Magaalaan ol aanttuun'llee bakka sadihitti ni qoodamtte, magaalonni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee'llee ni didiigaman, Waaqinni'llee Baabiloonii ol aanittuu taate ni yaadate, duloo dheekkamissaa cima'aa daadhii woyinnii itti guuttame'llee, akka dhugiddu'llee isii ni taasiseen.

20 Eddoowwan marrinuu achi ni dheessan, gaaronni'llee hin argaminne,

21 Tokkoon tokkoon isaa haga kiilomeetira giraama afurtamii shanii ka ulffaatu baradaan sami'ii namoota irratti ni bu'e, balaan haalaan makkaraarssaa waan tureef namoonni waayee balaa barada'aatiin, Waaqa ni arrabssan.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ