Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Mudhata Yohaannisii 15 - Waadaa Haarawa


Balaawwan Muumme'ee Maleyikkoota Qabatanii Jira

1 Ka bira'aa malikata ol aana'aa fi dinqisiisaa sami'itti ni arge, dheekkamissi Waaqaa ka ittiin raawwatamu ka muumme'ee ka ta'an, balaawwan torbban qabatanii ka jiran, maleyikkoonni torbaa ni arge.

2 Kanaan duubatti ibiddi ka itti makame garba ciisaa daawi'te'ee waan fakkaatu ni arge, akkuma kana bineenssichaa fi suuraan bineensichaa'llee, laakkofssa malikata maqaa isaa'llee worra injifatanii moo'ataniin ni arge, kiraara Waaqinni isaaniif kenne'llee qabatanii, garba ciisaa daawi'te'ee bira dhaabatanii jiran turan.

3 Tajaajilaa Waaqaa faarffannaa Muse'eetii fi faarffannaa Hoolchaa akkana jedha'aa ni faarsan ture, «Maraa ka danddeettu yaa Waaqa Gooftaa! hujiin kee ol aana'aa fi maalalchiisa'a, yaa nugusa ummatootaa! karaan kee sirri'ii fi dhuga'a.

4 Yaa Gooftaa, si'i ka hin sodaannee fi maqaa kee'llee ka hin kabajine eennu? ati qoftti Qulqullu'u, murtiin kee ka dhuga'aa waan muldhateef, ummatoonni marrinuu dhufanii, si duranatti ni sagadan.»

5 Kanaan duubatti ni laale, kunoo, ragummaa ka ta'e dukkaanni Manni Waaqeffanna'aa, sami'itti ni baname,

6 balaawwan torbanuu ka qabatanii ka jiran maleyikkoonni torbaa Mana Waaqeffanna'aatii ni bayan, uffata qulqulluu calaqisu adii leelashe'ee uffatanii jiran turan, laphee isaanii'llee woraanittillee worqqi'iitiin hidhatanii jiran ture.

7 Bineensota arfan keessaa tokkochi maleyikkoota torbaniif, baraa haga baraa titti ka jiraatu dheekkamissi Waaqaa ka itti guuttamee jiru duloowwan worqqi'ii torbaan, isaanii ni kenne.

8 Manni Waaqeffanna'aa'llee ulfinnaa fi huminna Waaqaa irraa ka ka'een aaran ni guuttame, maleyikkoonni torbaan ka qabatanii jiran balaawwan torbaa haga yeroo raawwatamanii titti, eennu'llee gara Mana Waaqeffanna'aa titti aseenu'uuf hin danddeenne.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ