Gara Worra Qolasaayisii 4 - Waadaa Haarawa1 Yaa gooftota! Isin'llee sami'itti gooftota akka qabddan beekittanii tajaajiltoota keessan, qajeelumma'aa fi wol qixxumma'aan isaan bulchaa. Gorssa Dabalataa 2 Waaqa dammaxxanii galateeffachu'uun, uduu addaan hin kutin kadhadhaa 3 kanaan woliin'llee Waaqinni dubbii isaatiif balbala akka nuuf banuu fi waayee isaatiin hidhamee bakka ani itti argamu kanatti, dhossaa Kristosii lallabu'uuf akka dandda'u nuuf'llee kadhadhaa. 4 Ani'llee akka narraa malutti dubbii isaa ifatti akka dubbadhuuf, naa kadhadhaa. 5 Yeroo carraa kamii tittuu fayyadama'aa namoota hin amanne biratti, ogumma'aan jiraadhaa. 6 Tokkoo tokkoo namaatiif deebii barbaachisaa ta'e kennuu akka beekittaniif, yeroo maraa haasofnni keessan bifaa fi mi'aa ka qabu haa ta'u. Nagaya Muumme'ee 7 Xikiqoos waayee kiyya waan maraa isinitti ni hima, inni obboleessa jaalatamaa, tajaajilaa amanama'aa fi hujii Goofta'aatiin'llee waahela kiyya ka tajaajilaati. 8 Isa waayeen gara keessan ergeef waayee haala keenna akka isinitti himuu fi onnee teessan'llee akka jajabeessuuf. 9 Isa woliin'llee worra keessan ka ta'e ka amanamee jiruu fi ka jaalatame obboleessi keenna Oneesimos gara keessa ni dhufa, isaan waayee waan bakka kana jiru maraa isinitti ni beekisisan. 10 Anaan woliin ka hidhame Arisxaarkos'llee nagaya isiniif ni dhiyeessa, yeroo tokko «Gara keessan yeroo dhufutti akka ufitti fudhattaniin» jedhee, isin yaadachiisee ka ture, ilma abbeeraa Baarnaabaasii Maarqoos'llee, nagaya isinii dhiyeessa. 11 Iyosxoos jedhamee'llee ka waamamu Iyyaasuun nagaya isinii ni dhiyeessa. Waayee Mootummaa Waaqaatiif anaan woliin namoota hojjatan jiddu'uu worra Yihudotaa ka ta'an kanniin qofa, ana'llee jajabeessanii jiran. 12 Worra keessan ka ta'e tajaajilaan Yesus Kristosii Ephafaarm nagaya isiniif ni dhiyeessa, jireenna hafuuraatiin guddachu'uun jabaattanii akka dhaabattanii fi fedha Waaqaa maraa akka raawwattaniif, inni yeroo maraa isiniif ni kadhata. 13 Waayee keessan Loodooqiya'aa fi magaalota Heraapholisii waayee namoota jiraniitiif'llee haalaan akka dadhabu, ani mataan kiyyaa ragaa ni bayaaf. 14 Ka jaalatame ogeessi fayya'aa Luqaasii fi Deemaas'llee, nagaya isinii ni dhiyeessan. 15 Obboleeyyan Loodooqiya'aa jiran Nimufu'uu fi woldaya amanti'ii ta mana isi'ii jirttuuf'llee, nagaya naa dhiyeessaa. 16 Ergaa kana isin eega dubbiffattaniin duubatti namoota Loodooqiyaa bira woldaya jirttutti'llee akka dubbiffamttu taasisaa, isin'llee ergaa Loodooqiyaa isiniif ergamu dubbisaa. 17 Arkiphosiin'llee, «Tajaajila Gofta'aatiin hujii si'iif kenname ufi eegganna'aan akka raawwatu» jedha'aatii itti naa himaa. 18 Nagaya kana harka kiyyaan ka barreesse ana Phaawulos, birbiraataan hidhamee akka jiru yaadadhaa. Kennaan Waaqaa ka bilisaa isin woliin haa ta'u. |