Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Gara Worra Qolasaayisii 2 - Waadaa Haarawa

1 Waayee keessan fi waayee namoota Loodoqiyaa jiraniitiif, akkuma kana fuuluma kiyya'llee arganii waayee namoota hin beekinne maraafuu, hagam woldhaanssoo cimttuu akka taasisu akka beekittaniif ni jaaladha.

2 Ka woldhaanuun'llee onneen isaanii jajabaatteetii fi jaalalaan wolitti hidhamanii, hubannaa mudaa dhabeessa mara buufachu'uun dhossaa Waaqaa ka ta'e, Kristosiin akka beekaniif.

3 Qabeenni Ogumma'aatii fi beekkomisaa dhokatee ka argamu, Kristosiin biratti.

4 Kana'llee ka isiniin jedhu eennu'llee dubbii sossobi'iitiin akka isin hin sobinneef jedheeti,

5 fooniin isin irraa yoma fagaadhe'llee hafuuraan isin woliin ni amala misha'aan jiraachuu keessan fi jira, amantii cimaa Kristosiin irratti qabiddan argu'uun'llee, ni gammada.


Jireenna Guutuu Kristosiin Argamu

6 Akkuma Gooftaa Yesus Kristosiin ufitti fudhattaniinitti isaan jiraadhaa,

7 isaa irratti hundoofttaniitii fi ijaaramttanii akkaataa barattaniiin, amantii keessaniin jabaadha'aatii jiraadhaa, galata guutee hafu'llee dhiyeessaa.

8 Kristosiin irratti ka hunddeeffame uduu hin ta'in aadaa naminni baasee fi seera biyya lafaa irratti hundaaye falaasafamaa tasaatiin, eennu'llee akka isin hin qabnneef ufi eeggadhaa.

9 Guutummaan Waaqumma'aa ka dhuga'aa muldhatee ka jiraatu, Kristosiin.

10 Isin'llee jireenna guutuu ka argattan uumama isaa mara irratti, mataa bulchiinsaa fi aangoo maraa ka ta'e Kristosiin.

11 Isatti'llee amanuu keessaniin gadoomittanii jirttan, gadoomuun keessan kun'llee cubbamaa amala foon keessan isiniif dhabamasiisu'uuf, Kristosiin ka taasfame malee harka namaa titti ka taasfamee miti.

12 Yeroo cuuphamttanitti Kristosiin woliin awwaalamittanii isa woliin'llee du'aa kaatanii jirttan, ka du'aa kaatan'llee Kristosiin du'aa ka kaaseen huminna Waaqaa titti amanuu keessaniin.

13 Cubbuu hojjachuu keessan fi foon keessan cubbamaan sababa Kristostti amanu'uu dhabuu isaatiin waan hin gadoominiif isin du'oota ni turttan, amma garuu Waaqinni Kristosiin woliin jiraattota isin taasisee jira, cubbuu keessan maraaf'llee dhiifama isiniif taasisee jira.

14 Inni san ka nu himatuu fi nu morma ture, Seeraan ka jiru liqaa barreeffamaa ni dhabamisiise, foon irratti woraanee'llee nurra ni dhabamisiise.

15 Huminootaa fi namoota aangoo qaban fannoo isaatiin isaan injifatee, hidhannoo isaanii eega isaan irraa hiikeen duubatti, booji'amittoota ta'anii ifatti akka muldhatan, isaan ni taasisee.

16 Eegaa nyaataan yookiin dhugaati'iin, ayaanota yookiin guyyaa jalqaba ji'aa, yookiin sababaa Sanbbata kabaju'uutiin, eennu'llee isinitti hin murtteessin.

17 Kunniin marrinuu ufi durana ni dhufan wonittoota turaniif akka gaaddisaat, dhugaan ka argamu garuu Kristosiin.

18 Mata gad qabata tasaatiin malayikkoota waaqeffachu'uun ka dhaadatu naminni kumi'llee, gatii malee akka isin hin hanbbfnneef ufi eeggadhaa. Naminni akkanaa kun waayee muldhata arguutiin ufi dhaada'aa, tasaa fi yaada fooniitiin ufi ni dhaada.

19 Naminni akkanaa jiru kun mataa ka ta'e Kristosiin woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, qaama maraa wol qabata hunnaa fi ribu'uutiin wolitti qabsiisee ka sooru, mataa isaati. Waaqinni guddinna gutummaa qaamaatiif ka kennu'llee, bifuma kanaan.


Barsiisa Dogoggore Irraa Ufi Eeeggachuu

20 Kristosiin woliin duutanii biyya lafaa kanatti seerota bu'uraa raawwattanii ka fooyamittan yoo taatan eegaa, amma biyya lafaa irraa akka bifa hin fooyaminii taatanii, waayee maaliif ajajoota akkana jiraniif bitamittan,

21 Ajajoonni'llee, «Hin qabin, hin dhandhamin, hin tuqin!» ka jedhan.

22 Kunniin marrinuu ajajootaa naminni hojjatee fi barsiisa irratti ka hundaayan waan ta'aniif, hujii irra eega oolaniin duubatti badu'uuf ka murtaayan.

23 Ajajoonni kunniin waaqeffannaa fedhii mataa isaa irraa burqqee fi mataa gad qabata tasaatiin qaama'llee hiyyoomissuu irratti waan xiyyeeffataniif waan ogommaa qaban ni fakkaatan ta'a, garuu karaa miira foonii toowachu'uutiin gati dhabeeyyi'i.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ