Gara Worra Qolasaayisii 1 - Waadaa Haarawa1 Fedhii Waaqaatiin barataa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosii fi obboleessa keenna Ximotewosiin irraa, 2 Qolaasiyaas ka jiraatan, Kristosiin Qulqullu'uu fi amanamttoota amanttoota ta'aniif, Waaqa keenna Abbaa biraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. Galata Phaawulos Namoota Qolaasiyaasiitiif Dhiyeesse 3 Isiniif yeroo kadhannutti Abbaan Gooftaa keenna Yesus Krstosii Waaqa Abbaa yeroo mara ni galateeffannaan. 4 Amantii Yuesus Kristosiin qabddanii fi jaalala amanttoota maraatiif qabddan maraa, dhageennee jirra. 5 Wongeelli dubbii dhuga'aa ta'e jalqaba gara keessan yeroo gayetti abddii isa keessa jiru dhageettanii jirttan, kanaaf amantii keessan fi jaalalli keessan ka hunddaaye sami'itti qophaayee ka isiniif turu, abddii kana irratti. 6 Isin yeroo wongeela itti dhageettanii fi dhugaa ta'uu kennaa Waaqaa ka bilisaa'llee guyyaa itti hubattanii jala qabee, wongeelli kun isin jidduu akkuma ta'e biyya lafaa mara keessatti, daraaru'uu fi guddachuu irra ni jira. 7 Kana'llee bakka keenna tajaajilaa amanamaa Kristosii ka ta'ee fi nu'uun'llee woliin ka hojjatu, jaalatamaan Ephaafraas isinitti himee jira. 8 Akkuma kana inni Hafuura Waaqaatiin ufii keessan wol jaalachuu keessan, nutti himee jira. 9 Kanaaf kana guyyaa itti dhageennee jala qabee isin ogummaa hafuuraya'aa fi hubannaa maraan, fedhii Waaqaa ka hubattanii beekkomissa guutuu akka qabaattaniif, isinii kadhachu'uu fi Waaqa gaaffachuu irraa nu'u addaan hin kunne. 10 Akkuma kana Goofta'aaf karaa barbaachisaa ta'een jiraachu'uun, dhugamaan isa akka gammachiifttan hujii mishaa kamiinuu hojjachu'uun, firii akka daraarttanii fi Waaqa'llee beeku'uun guddata'aa akka deemittaniif ni kadhanna. 11 Gooftaan jajabinna huminna isaa ol aana'aa maraan isiniif haa kennu, obissaan'llee waan maraa danda'uuf gammachu'uun ka qophoofttan ta'uuf isin haa gayu, 12 Dabalee'llee mootummaa ifaa keessatti Qulqullaawotaan woliin qabiyyee akka qoodamttaniif ka isin taasise, Waaqa Abbaa gammachu'uun galateeffadha'aanii. 13 Inni huminna dukkanaatii baasee gara mootummaa Ilma isaa ka jaalatamee, akka gallu nu taasisee jira. 14 Isaan'llee bilisa baanee dhiifama chubbu'uu argannee jirra. Ol Aanttummaa Kristosii 15 Kristos Waaqa hin muldhaneef fakkeenna dhuga'aati. Inni'llee uumama maraa oltti, ol aana'aa fi hangafa. 16 Sami'ii fi arddii irra ka jiran, wonittoonni muldhatanii fi ka hin muldhanne, huminnoonni sami'iitii fi bulchitoonni, itti gaafatamoonnii fi aangoo worri qaban maarrinuu, ka uume isaan, isaaf. 17 Inni waan maraan duranattuu ni jira ture, wonitti marrinuu wol qabatee ka dhaabate isaan. 18 Inni'llee qaama isaa ka taate mataa woldaya amanti'iiti, waan maraanuu durssaa akka ta'u du'aa ka'uun'llee ka duranaatii fi ka jalqabaati. 19 Kun'llee ka ta'e guutummaan Waaqummaa isaa Ilma isaatiin akka jiraatuuf, fedhii Waaqa Abba'aa waan ta'eef. 20 Karaa isaatiin'llee sami'itti ta'ee arddi'itti'llee wonittoota jira maraa mataa isaa woliin ni araarsse, fannoo irratti ka jige diiga Ilma isaatiin'llee, nageenna ni taasise. 21 Duri Waaqa irraa fagaattanii ni jiraattan turttan, waayee yaada keessaniitii fi hujii hamaa keessaniitiin'llee, diinota isaa ni turttan. 22 Amma garuu Qulqullaawomaa fi qulqullinna, ashaan'lleen ka isinitti hin jirre taasisee ufi duranatti isaan dhiyeessu'uuf, sababa Ilmi isaa fooniin du'uu isaatiin, Waaqinni mataa isaa woliin isin ni araarsse. 23 Kun'llee ka ta'u hunddoofttaniitii fi midhaaffattanii abddii wongeelaan argameen uduu hin raafamin, amanti'iin jabaattanii yoo jiraattan qofa, wongeelli kun'llee Kama isin dhageettanii fi namoota biyya lafaa irra jiran maraaf ka lallabame, ani Phaawulos'llee tajaajilaa ka ta'e wongeeluma kanaaf. Tajaajila Ergamittummaa Phaawulosii 24 Amma'llee waayee rakkinna isiniif fudhadhuutiin ni gammada; waayee qaama isaa ka taateetii fi waayee woldaya amanti'iitiif'llee, rakkinna Kristosii qoodamu'uuf ka narraa dhidhate, foon kiyyaan ni guuta. 25 Dubbii Waaqaa guutumma'aan isiniif ibisuu akka danda'uuf, akkaataa itti gaafatama Waaqa biraa naaf kennameetiin, tajaajilaa woldaya amantti'ii ta'ee jira. 26 Kun'llee dubbiin Waaqaa baroota dabrrantti ilmaan namaa jalaa dhokatee ka turee fi amma garuu Waaqinni worra amanan maraaf, dhossaa ibise. 27 Waaqinni Qulqullootaaf ibisuu ka fedhe ka jiru ulfinna dhossaa kana ka durumma'aa, isin ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti, hagam ol aanaa ta'uu isaati. 28 Tokkoon tokkoon namaa Kristosiin nama gayeessaa akka ta'u taasfnnee dhiyeessu'uuf nama maraaf ogummaa mara barsiisu'uu fi gorssu'uun, waayee Kristosii ni lallabnna. 29 Waaqinni huminna isaa ol aanaa ta'een ana keessatti waan hojjatuuf karaa huminna kanaatiin, kaayyoon kun akka raawwatamuuf, ciminnaan woldhaana'aa ni dadhaba. |