Gara Worra Galaatiyaa 4 - Waadaa HaarawaIjoollee Waaqaa Waayee Ta'uu Keennaatiif 1 Ammallee ka jedhu kanuma, dhaalaan daaima ta'ee yeroo argamutti yoma abbaa qabeenna maraa ta'e'llee, garbicha irraa woyiinuu adda hin jiru. 2 Garuu yeroon abbaan isaa isaaf murteesseef haga gayutti, harka guddifttootaa fi soorttotaa jala jira. 3 Akkuma kana nu'u waan hafuuraatiin akka daai'maa yeroo turretti naamusa biyya lafaa kanaaf bitamttoota taanee, garboota ni turre. 4 Garuu barri murttaaye yeroo gayetti Waaqinni Ilma isaa nuuf ni erge, Inni dubarttii irraa ni dhalate, seeraaf'llee ajajamaa ni ta'e. 5 Kana'llee wonitti raawwateef seera jala worra jiran fayyisu'uu fi nu'llee ijoollee Waaqaa akka taanu, nu taasisu'uuf. 6 Ijoollee Waaqaa ta'uu keennaan'llee Waaqaan, «Abbaa» jedha'aa ka isa waamuun, Hafuura Ilma isaa gara onnee keennaa ni erge. 7 Kanaaf ammaa achitti ilma malee ati garbichaa miti, ilma eega taate'llee ati dhaalaa Waaqaati. Sarddama Phaawulos Namoota Galaatiya'aatiif Ni Qaba Ture 8 Kanaan durana waayee Waaqa beekuu dhabuu keessaniitiin, amala isaaniitiin waaqota ka hin ta'iniif garbootaa taatanii ni bitamittan ture. 9 Amma garuu Waaqa beekittanii jirttan, caala'atti ammoo Waaqinni isin beekee jira, eegasuu, gara isaan dadhabiddootaa fi bu'aa ka hin qabnne naamusa biyya lafaa san attamitti deebitan? Attamitti'llee deebitanii garboota isaa ta'uuf barbaaddan? 10 Guyyootaa fi ji'oota adda addaatiin kutaawwan wogga'aa ka murttaayanii fi woggootaaf ufi eeggannaa taasisu'uun, ulfinna addaa ni kennitan. 11 Isin jiddu'utti dadhabbiin huji'iin dadhabe marrinuu, tasa ta'ee hafa jedhee ni sodaadha. 12 Yaa obboleeyyan! Ani akka keessan waan ta'eef isin'llee akka kiyya ta'aa jedhee isin ni kadhadha, isin womaayyuu ana hin miine. 13 Yeroo jalqabaatiif dubbii gammachu'uu isinii lallabu'uuf carraa ka argadhe, dhibee irra yeroo turetti ta'uu isaa ni beekittan. 14 Yoma dhukkubsanni kiyya qormmaata isinitti ta'e'llee isin ana hin tuffanne, yookiin ana hin balfine, gonkumaa maleyikkaa Waaqaa akka nama ufitti fudhatuu taatanii ufitti ana ni fudhattan, akkuma kana akka waan Yesus Kristosiin ufitti fudhattanii taasfttanii ufitti ana ni fudhattan. 15 Gammachuun asiin durana qabddan marri eessa bade? Uduu dandda'amee ijuma keessanuu baafittanii naaf kennitan akka ture, ani mataan kiyyaa isiniif ragaa ni baya. 16 Eegaa, amma dhugaa isinitti waan dubbadheef, diina keessan ta'ee arigamee ree? 17 Namoonni kuunniin waayee keessaniif sarddamu'uun ni yaadan, haa ta'u malee kana ka raawwatan waan misha'aafii miti, fedhiin isaanii isin nu'u irraa akka fooyamittanii fi yeroo maraa isaaniif akka yaaddaniif. 18 Kaayyoon mishaa yoo ta'e hisachuun yeroo maraa misha'a, garuu hisachuun keessan kun, yeroo ani isin woliin jiraadhu qofatti hin ta'in. 19 Yaa ijoolle tiyya! Kristosii isin irratti bocamee haga muldhatutti, deebi'ee waayee keessaniif sarddama ciniinsu'uu irratti ni argama. 20 Ka duraanii irraa haala adda ka ta'e akka muldhifttantti amma isin woliin ta'uu ni barbaadaayyu ture, garuu womaayyuu raawwachuu akka hin barbaachifnne beekuu dhabuu kiyyaan, dubbiin bitaa natti ta'ee sarddamee jira. Fakkeennummaa Aggaariitii Fi Saara'aa 21 Isin worri Seeraaf bitamittoota taatanii jiraachuu barbaadan mee natti himaa, waan Seerri jedhu hin dhageettan moo? 22 Kitaabban qulqullaayomota keessatti, «Abrahaam ijoollee lama qaba ture, tokkochi ka dhalate dubarttii tajaajilttuu irraa yoo ta'u, ka bira'aa ka dhalate dubarttii bilisa taate irraa ture» jedhamee barreeffamee jira. 23 Ilima garbbitti'ii ka dhalate akka aadaa foonayaa baratameetiin yoo ta'u, ka dubarttii bilisa taatee garuu, akkaataa bu'ura dubbii abddi'ii ka kennameetiin ture. 24 Kun'llee fakkeenna ture, dubarttoonni lamaan tunniin fakkeenna waadaawwan lamaanii turan, Gaara Siina'aatii ka taate fakkeenni takkatiin Aggaariin turtte, isiin'llee ijoollee ka deettu garbumma'aaf ture. 25 Aggaar biyya Arabaa titti ka arigamu Gaara Siina'aatiif fakkeenna ni turtte, kanaaf Yerusaalemii ammatti'iitiin wol ni fakkaatti, isiin'llee ijoollee isi'ii woliin garbrumma'atti ta arigamttu. 26 Ol sami'ii ka taate Yerusaalem garuu isiin bilisa, isiin'llee haadha mara keennaati. 27 «Ati ta ijoollee hin deenne dhabdduun, gammadi! ati dayu'uuf miixxee ta hin beekinne, ilili jedhi, dubarttii abbaa worraa qabddu irraa dubarttiin abbaa worraa hin qabnne ijoollee baayi'ee ni qabddi» jedhamee barreeffamee jira. 28 Yaa obboleeyyan, isin'llee akkuma Yishaaqii ijoollee dubbii abddi'iiti. 29 Garuu ka yeroo sanitti fooniin dhalate ka hafuuraan dhalate akka hin ariineeniif, adha'llee akkuma kana. 30 Garuu kitaabnni Qulqulluun ka jedhu maal'i? kitaabnni Qulqulluun, «Ilimi dubarttiin tajaajilttuun deette ilmi dubarttiin bilisa taate deetteen woliin waan hin dhaalleef, tajaajilttuu ilmi isi'ii woliin garas baasiin» jedha. 31 Kanaaf yaa obboleeyyan, nu'u ijoollee dubarttii bilisa taateeti malee, ijoollee dubarttii tajaajilttu'uutii miti. |