Gara Worra Galaatiyaa 1 - Waadaa Haarawa1 Namootaan yookiin karaa namaatiin uduu hin ta'in, karaa Yesus Kristositii fi karaa ka isa'llee du'aa kaase Waaqa Abba'aan barataa ta'ee ka ergame ana Phaawulosiin irraa, 2 anaan woliin obboleeyyan jiran mara irraa, woldayoota amanti'ii ka Galaatiya'aatiif ka ergame. 3 Abbaa keenna Waaqa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin biraa'llee kennaan bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. 4 Bara hamaa kana jalaa akka nu baasuuf Waaqa keennaa fi fedhii Abbaa keennaatiin, Kristos waayee cubbuu keennaatiif mataa isaa ni kenne. 5 Baraa haga baraa titti Waaqaaf ulfinni haa ta'u! Ameen. Wongeelli Dhuga'aa Tokko Qofa Waayee Ta'uu Isaa 6 Kennaa bilisa ka Kristositiin akkana fooyamu'uu fi gara wongeela bira'aa dabuun keessan, ana maalalchiisa. 7 Kana'llee ka jedheef worri dubbii isinitti bitaa taasisanii fi wongeela Kristosii'llee dabssu'uuf ka barbaadan, namoonni tokko tokko waan jiraniif malee jalqabatti wongeelli tokko qofa. 8 Haa ta'u malee nu'llee taanaan, yookiin maleyikkama sami'ii'llee yoo ta'e, wongeelli nu'u isiniif lallabnne irraa ka adda ta'e yoo isinitti lallabe, ka abaarame haa ta'u! 9 Asiin durana akkuma jedhe amma'llee irra deebi'ee ni jedha, wongeela isin fudhattaniin adda ka ta'e wongeela bira'aa eennu'llee yoo isiniif lallabe, ka abaarame haa ta'u! 10 Eegaa, ani ka barbaadu naminni akka ana galateeffatuuf moo? yookiin Waaqinni akka ana galateeffatuuf? yookiin nama gammachiisu'uuf ka barbaadu isinitti fakkaatee ta'innaa laata? Namoota gammachiisu'uuf ka barbaadu uduu ta'eetii, tajaajilaa Kristosii hin ta'uuyyu ture. Ergamittumma'aaf Waamamuu Phaawulosii 11 Yaa obboleeyyan! Wongeelli ani isiniif lallabe nama irraa ka argame ta'uu dhabuu isaa akka beekittan barbaada. 12 Wongeela kana Yesus Kristosttu naaf ibise malee nama kamiin irraayyuu hin fudhanneen, yookiin naminni kum'llee ana hin barsiifnne. 13 Duraan yeroo horddofaa amantii Yihudotaa turetti attamitti akka jiraadhe dhageettanii jirttan, Mana Waaqeffannaa Waaqaa hagaa olitti ari'aa, balleessu'uuf ni tataafadha ture. 14 Amantii Yihudotaa eegu'uun worroota bara kiyyatti turan baayi'eewwan worra Yihudotaa mara irraa ni caala ture, waayee aadaa abbooti'iitiif'llee hinaaffaa ol aanaa ni qaba ture. 15 Garuu dhalachuu kiyyaan duranatti Waaqinni ana filate, kennaa isaa ka bilisaatiin'llee ana waame. 16 Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee waayee Ilma isaa dubbii gammachu'uu akka dubbadhu Waaqinni Ilma isaa naa ibisu'uuf yeroo jaalatetti, ani eennuun woliin'llee hin mari'anne, 17 yookiin anaan duranatti worra ergamittoota turan woliin gayu'uuf gara Yerusaalemii hin deemnne, garuu durssee gara biyya Arabaa ni deeme, deebi'ee'llee gara Damaasqo'oo ni deebi'e. 18 Itti aanssee'llee woggaa sadiin duubatti Keefaa ka jedhamu Phexirosiin laalu'uuf gara Yerusaalemii ni deeme, achitti'llee isaaniin woliin guyyaa kudha shanii ni ture. 19 Obboleessa Goofta'aa Yaaqoobiin ni arge malee, ergamittoota bira'aa keessaa eennuun'llee hin argine. 20 Kun ka isiniif barreesu dhara akka hin ta'in, Waaqa duranatti isiniif ni mirkaneessa. 21 Kanaan duubatti gara biyya Sooriya'aatii fi gara biyya Kiliiqiya'aa ni deeme. 22 Arddii Yuhuuda'aa ka jiran Woldayoonni amanittoota kristaanaa fuulaa fi fuulatti ana argan'llee, amma'llee ana hin beekinne ture. 23 Isaan ka dhagayan, «Naminni duraan nu ari'aa ture amanitii balleessu'uuf ni barbaada ture san, amma ni lallaba» jecha jedhu ture. 24 Waayee kiyyan'llee Waaqa ni galateeffatan turan. |