Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Gara Tiito'oo 2 - Waadaa Haarawa


Waayee Amantii Dhuga'aa

1 Ati garuu barsiisa jireenni ittiin argamu barsiis,

2 umri'iin ka ufi durana deeman worri dhiiraa ka hagatti jiraatan, ulfinna isaanii worra eegan, ufi eeggatoota, amanti'ii fi jaalalaan obissaan'llee fayyaaleyyii akka ta'aniif isaan gorssi.

3 Akkuma kanaan'llee umri'iin ufi durana dubarttoonni deeman, amala isaaniitiin worra ka kabajaman akka ta'aniif malee hamattootaa fi worra araada dhugaati'ii qaban akka hin taanee fi barsiisicha mishaa ta'e akka barsiisaniif, isaan gorssi.

4 Akkuma kana dubarttoonni dargaggoonni abbootii worraa isaaniitii fi ijoollee isaanii akka jaalatan,

5 ufi eeggattootaa fi qulqullaawomota, mishaawwan abbootii worraa isaaniitiif'llee ka ajajaman akka ta'aniif, isaan haa barsiisan. Kana'llee ka raawwataniif dubbiin Waaqaa akka hin ashaminneef.

6 Akkuma kana gayeeyyiin worra mataa isaanii toowachu'uun akka jiraataniif isaan gorssi.

7 Ati'llee waan mishaa ta'e raawwata'aa waan maraanuu fakkeenna isaaniif ta'i, dhugummaa barsiisa keetiitiin'llee, atoomessa ta'uu kee muldhisi,

8 haasaya kee fayyaalessaa hin ashaminneen isaaniif ibisi, bifa kanaan mormmitoonni waan nu irratti dubbatan hamaa yoo dhaban, ni saalifatan.

9 Tajaajilttoonni'llee bulchitoota isaaniitiif akka ajajaman, waan maraanuu akka isaan gammachiisan, jecha haamaa akka isaanii hin deebifnneef,

10 qarshii isaanii'llee akka isaan jalaa hin hanneef isaan gorssi, kana irra barsiifnni Faayyisaa keenna Waaqaa, waan maraanuu akka kabajamu, yeroo maraa amanamummaa dhuga'aa haa muldhisan.

11 Waaqinni nama ka ittiin fayyisu kennaa isaa ka bilisaa nama maraafuu ibisee jira,

12 Kennaan bilisaa kun'llee waakki'ii fi hawwii foonayaa dhiisu'uun mataa ufii toowachu'uun, qajeelumaa fi nama hafuuraa ta'u'uun biyya lafaa kana irra akka jiraannu nu barsiisa.

13 Bifa kanaan abddii keenna ka eebbifame akkuma kana ka Waaqa kenna ol aana'aa, ulfinna fayyisaa keenna Yesus Kristosii muldhachuu isaa ni eegganna.

14 Kristos hammeennumaa mara irraa nu fayyisu'uu fi hujii mishaa hojjachu'uuf hisattootaa fi ummata qulqulluu isaaf adda baye akka taanu, nu qulqulleessu'uuf waayee keennaaf mataa isaa dabarssee ni kenne.

15 Eegaa wonittoota kanniin barsiis, aangoo guutu'uun'llee gorssi, itti baanadhu'lle'e, eennu'llee si hin tuffatin.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ