Gara Tiito'oo 1 - Waadaa Haarawa1 Tajaajilaa Waaqaatii fi barataa Yesus Kristosii ka ta'e, namoota Waaqinni isaan filate jabeessu'uu fi amanitii isaanii'llee guutumaa guutu'utti akka beekan isaan taasisu'uuf, ka muudame Phaawulosiin irraa ka ergame, 2 Amantiin kun'llee abddii dubbii jireenna bara baraa irratti ka hunddaaye, Waaqinni hin sobinne jireenna kana kennu'uuf barootaan duranatti, waadaa nuuf ni aseene. 3 Barichi yeroo gayetti'llee ajaja Fayyisaa keenna Waaqaatiin ani akka lallabuuf karaa yaboo natti kennameetiin, Waaqinni dubbii isaa ni muldhise. 4 Amantii wolitti qabnnuun dhugamaan ilma kiyya ka taate Tiitosiif, Waaqa Abba'aa fi Fayyisaa keenna Yesus Kristosiin irraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni siif haa ta'u. Hujii Tiitoosii Qarxeestti 5 Si'i Qarxeestti sababaan dhiiseef waan hin sirraayin akka sirreestuu fi akkaatama si ajajeetiin'llee jaarsotii woldaya amanti'ii, magaalota marattuu akka muuduuf. 6 Jaarssi woldaya amanti'ii ka hin ashamnee fi abbaa worraa haadha worraa takkati'ii ka ta'e, gad dhiifamaa ta'u'uu fi ajajamuu dhabu'uun ka hin gilndifaminne ijoollee amantoota ta'an nama qabu ta'uun ni mala. 7 Ephiis Qophoos (itti gaafatamaa woldaya amanti'ii) ka hujii Waaqaa yabo'oon ka fudhate waan ta'eef ka hin ashaminne ta'uu ni qaba, akkuma kana ka hin boonne, dadafaan ka hin dallanne, ka hin machoofnne, namaan wol dhabaa ka hin ta'in, qarshi'iif ka hin haafofnne ta'uu qaba. 8 Kana irra keessummaa ka simatu, waan mishaa ta'e ka jaalatu, mataa isaa ka toowatu sirrii ka ta'e, tajaajila Waaqaatiif ka fooyame, ka hagatti jiraatu haa ta'u. 9 Barsiisa dhuga'aa barsiisu'uuf, gorssu'uu fi worra Mormmitoota ta'aniif deebii kennu'uuf akka danda'u, akkaataa barateen dubbii amansiisa'aan haa jabaatu. 10 Namoonni baayi'een, gonkumaa gara Yihudotaatii ka ta'an, seera gadoomaa worri horddofan, ka hin ajajaminne, tasaan ka wocanii fi ka nama sossoban'llee ni jiran. 11 Namoota kanniin cadhisiisuun ni barbaachisa, isaan bu'aa saalfachiisu argachu'uuf waan hin malle barsiisa'aa, maatiiwwan maraa ni raasan. 12 Isaan keessaa tokko ka ta'e nabiyyichi mataa isaanii, «Namoonni Qarxeesii yeroo maraa sobddoota, bineensota hamaa, ka hujii hin qabnne worra garaa jaalatu» jedhee jira. 13 Ragummaan kun'llee dhuga'a, kanaaf amantii guutuu akka qabaattaniif, namoota kanniintti baanadhu. 14 Mammaakissa Yihudotaa akka hin horddofinnee fi ajaja namoota dhuga'aan mormmanii akka hin horddofinneef, ciminnaan isaanitti baanadhu. 15 Qulqullootaaf wonitti marrinuu Qulqullu'u, battiiwwanii fi namoota hin amanneef garuu qulqulluu ka ta'e womaayyuu hin jiru, gonkumaa sammuun isaanii ta'ee yaadinni isaanii'llee ka battaaye. 16 «Waaqa ni beekinna» jedhan, hujii isaaniitiin garuu ni waakkataniin, isaan jibbisiiftotaa fi hujii mishaa raawwachu'uuf worra hin dandeenne. |