Gara Ibirootaa 8 - Waadaa HaarawaYesus Itti Gaafatamaa Qeesota Waadaa Haarawaa Ta'uu Isaa 1 Eegaa wonittoota irratti dubbannu keessaa ijoon waan kana, sami'itti mirga teessoo Waaqa jiraata'aatiin ka taa'e, akkana ka jiru itti gaafatamaa qeesotaa ni qabnna, 2 Inni ka tajaajilu dukkaana dhuga'aa ka taate Mana Waaqeffanna'aa titti, dukkaanni tun'llee ka dhaabatte harka namaatiin uduu hin ta'in Goofta'aan. 3 Tokkoon tokkoon itti gaafatamaa qeesotaa ka muudamu kenna'aa fi kitimaa dhiyeessu'uuf, kanaaf'llee qeesichi kun ka dhiyeessu waan tokko qabaachuu barbaachisa. 4 Akkaataa seeraatiin qeesonni kennaa Mana Waaqaa dhiyeessan waan turaniif inni arddii irra uduu jiraateetii, qeesicha hin ta'u ture, 5 qeesonni kunniin dukkaanni isaan itti tajaajilan ta sami'ii jirttuu fakkeennaa fi gaadisa qofa, kun'llee ka ta'e Museen dukkaanattii yeroo hojjatutti Waaqinni, «Gaara irratti akka bifa sitti muldhatee titti waan lamaa ufi eegganna'aan raawwadhu!» jedhee, akkaataa isa ajajeen. 6 Amma garuu karaa Yesus waadaa dubbii wolii galchaa ta'eetiin, dubbii waadaa duraanii caaluu fi abddii fooyyaye irratti ka hundaaye akka ta'uu isaatiin, tajaajilli isaaf kenname ka caalu. 7 Waadaan jalqabaa ka ashaan hin qabnne ta'ee uduu arigamee jiraateetii, waadaan lammaffaa hin barbaachisu ture. 8 Waaqinni ummata isaa irra ashaan jiraachuu mulidhisu'uun akkana ni jedha, «Kunnoo ummata Israa'eeliitii fi ummata Yihuda'aa woliin, waadaa haarawa yeroo itti aseennu ni dhufa» jedha Gooftaan. 9 Waadaan kun'llee harka isaanii qabee, biyya Gibxiitii yeroo isaan baasetti, waadaa akka abbootii isaanii woliin aseeneetii miti, isaan waadaa kiyyaan waan jabaatanii hin dhaabatiniif, ani'llee shilla isaanitti ni jedhe, jedha Gooftaan. 10 «Kunnoo, yeroo kanaan duubatti ummata Israa'eelii woliin, waadaan ani aseenu akka itti aanee jiru jedha Gooftaan, ani seera kiyya sammuu isaanii keessa ni kaaya, onnee isaanii titti'llee ni barreessa, Waaqa isaanii'llee ni ta'a, isaan'llee ummata kiyya ni ta'an, 11 ‹Gooftaa beeki› jedhee ollaa isaa ta'ee obboleessa isaa ka barsiisu, eennu'llee hin jiraatu, diqqa'aa eegalee haga gudda'aa titti, marrinuu ana ni beekan, 12 balleessaa isaaniitiif dhiifama isaanii ni taasisa, cubbuu isaanii'llee ammaa achitti isaanitti hin laakkayu.» 13 Eegaa, «Waadaa haarawaa» yoo jedhu, waadaa duraanii taasisee jira jechu'u, kanaaf ka ittiin hojjatamee fi wonnitti moofaan marrinuu, yeroon itti badan dhiyaatee jira. |