Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Gara Ibirootaa 5 - Waadaa Haarawa

1 Tokkoon tokkoon itti gaafatamaan qeesotaa namoota jiddu'uu filatamee dhimma Waaqaan woliin wolitti nama fiduuf bakka namootaa bu'anii kenna'aa fi kitimaa dhiyeessu'uuf, ni muudaman.

2 Inni mataan isaatuu dadhabbii ka qabu waan ta'eef wolaalotaa fi dogoggorttoota, gara laafnnaan isaan laalu'uuf ni danda'a.

3 Inni mataan isaatuu waayee dadhabaa ta'uu isaatiin kitimaa dhiifama cubbu'uu argamisiisu dhiyeessuun ka isaan maluu ummata qofaaf uduu hin ta'in, mataa isaa'llee dabalataan.

4 Akka Aaroonii Waaqaan ka waamame yoo ta'e malee, eennu'llee ulfinna kana mataa isaatiin hin argatu.

5 Akkuma kana Kristos itti gaafatamaa qeesotaa ulfinna ta'uu isaa fedhii mataa isaatiin hin fudhanne, garuu inni itti gaafatamaa qeesotaa ulfinna ta'uu ka arggate, «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadhee jira» Waaqa jedhe irraayyi.

6 Bakka bira'aa titti'llee Waaqinni, «Akka muudama qeesummaa Malkeesadeeqii, ati bara baraaf ati qeesicha» jedha.

7 Yesus nama ta'ee biyya lafaa kana irra yeroo jiraatetti gara Waaqa du'aa isa kaasuu dandda'uu iyyiinsa ol aana'aan, imimmaan baayi'ee kadhanna'aa fi woriwwaataan kadhaa ni dhiyeesse, mataa gad qabataan mataa isaa ajajamaa taasisuu isaatiin, Waaqinni kadhannaa isaa ni dhagaye.

8 Ilma Waaqaa yoma ta'e'llee rakkinna fudhateen, ajajamuu ni barate.

9 Muda maleessa ta'ee eega argameen duubatti'llee worra ajajaman maraaf, sababaa fayyiinsa bara baraa isaaniif ni ta'e.

10 Kun'llee Waaqinni bifa muudama qeesummaa Malkeesadeeqiin, itti gaafatamaa qeesotaa taasisee ni muudeen.


Namoonni Amantii Isaanii Akka Hin Dhiifinneef Ufi Eeggannaa Kenname

11 Waayee kanaa ka dubbannu waan baayi'ettu jira, garuu danddeettiin hubannaa keessan diqqaa waan ta'eef, hubachiisu'uuf rakkisa'a. Hubachiisuuf rakkisa'a.

12 Haga ammaa yeroo turetti isin barsiisota ta'utu isin irra jira ture, garuu dubbiin Waaqaa barsiisa jalqabaatiin naminni bira'aa irra deebi'ee akka isin barsiisu ni barbaachisa, bifa kanaan ka isin barbaachisu aanan malee nyaata jaba'aa miti.

13 Aanan ka woga'amu marrinuu daa'ima waan ta'eef, barsiisa waan misha'aa fi waan badaa addaan baasu hin shaakalle.

14 Nyaata jabaataa worri isaan barbaachisu garuu, waan misha'aa fi waan badaa addaan baasu'uuf shaakala ka qaban namoota gugudda'a.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ