Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Gara Ibirootaa 3 - Waadaa Haarawa


Yesus Ka Musee Caalu Ta'uu Isaa

1 Kanaaf qoodamtoota waamicha samii ka taatan yaa amanttoota qulqulloofttan nana! ergamittichi amantii keennaatii fi itti gaafatamaa qeesotaa Yesusiin yaadadhaa.

2 Museen Mana Waaqaa mara keessatuu amanamaa akkuma ture, Yesus'llee ka isa muude Waaqaaf amanamaa ni ture.

3 Ka Mana ijaaru mana ijaaru caalaa akkuma ulfinna qabu mara, Yesus'llee Musee caalaa ulfinni ni malaan.

4 Dhugamaanuu tokkoon tokkoon manaatuu ijaaraa ni qaba, waan maraa ka hojjate garuu Waaqa.

5 Ufi durana waan jedhamuu qabuuf ragaa akka ta'u, Museen guutuu Mana Waaqaatiif akka tajaajila'aa, amanamaa ni ture.

6 Kristos garuu Mana Waaqaa titti amanamaa ka ta'e akka ilmaa isaa ta'eeti, manni'llee nu'u, mana isaa ka taanu'llee waan itti amannuu fi ittiin ufi dhaadinu abddii keenna jabeessinee yoo qabanne.


Ufi Eeggannoo Ummata Waaqaatii Fi Kenname

7 Kanaaf Hafuurri Qulqulluun akka jedhutti, «Adha qooniqqa isaa yoo dhageettan,

8 lafa gammoojjii titti yeroo ana qormaattantti, akka bifa kakaatanii titti, onnee teessan morkkattuu hin taasisinaa.

9 Achitti abbootiin teessan ana ni qormmaatan, ana ni doorsisan'lle'e, woggaa afurtamaa waan raawwadhe'llee ni argan» jedha Waaqinni.

10 «Kanaaf dhaloota sanitti dallanee, ‹onneen isaanii yeroo maraa ni dogoggora, karaa kiyya'llee hin beekinne› jedhe.»

11 Dabaleellee, «Gara bakka ani isaaniif kennuu ka boqanna'aa gonkumaa hin galan! Jedhee dallanssuu tiyyaan kakadhee jira.»

12 Yaa obboleeyyan, isin keessaa waan Waaqa jiraataa irraa waan isin fageessu hama'aa fi onnee hin amanne akka hin qabaanneef, ufi eeggadhaa.

13 Kana irra isin keessaa cubbu'uun sobamee onnee isaa didduu akka hin taasfnneef, «Adhaa» jedhamee yeroon waamame haga jirutti, guyyama guyya'aan mari'adhaa.

14 Amantii keenna ka jalqaba irraa qabnnu haga muumme'ee titti jabeessinee yoo qabanne, Kristosiin woliin dhaalttota ni taana.

15 Kun'llee, «Adha qooniqqa isaa yoo dhageettanitti, akkuma bifa yeroo hammeennaa san raawwattanitti, onnee teessan morkkattuu hin taasisinaa!» jedhamee akkuma barreeffame.

16 Haa ta'u malee isaan sunniin qooniqqa isaa eega dhagayaniin duubatti ka hammaatan eennu fa'a? Isaan Museen eemara'aa worra Gibixii bayan mara hin turre ree?

17 Waaqa woggaa afurtamaa guutuu uduu dallansiisaniin ka jiraatan, eennuun fa'a turan? Isaan cubbuu ka hojjatanii fi worra reeffi isaanii lafa gammoojji'ii titti kufee hafee mitii ree?

18 Dabaleellee saniin worra hin ajajamin yoo ta'an malee, «Gara boqannaa kiyyaa titti hin galttan!» jedhee ka isaanitti kakate, eennuun fa'a turan?

19 Eegaa galu'uuf ka hin danda'in, waayee amanuu dhabuu isaaniitiin ta'uu isaa ni argina.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ