Gara Filiimona 1 - Waadaa Haarawa1 Waayee Yesus Kristositiif hidhamaa ka ta'e ana Phaawulosii fi obboleessa keenna Ximotewosiin irraa, Ka jaalatame obboleessa keennaa fi waahela hujii keennaa ka ta'e Filemona'aaf, 2 obboleettii teenna Aaphifiiya'aaf, nu'uun woliin'llee lolttuu Kristosii ka ta'e Arkiphosiif, akkuma kana amanttoota mana keetitti wol gayaniif'llee, 3 Abbaa keenna Waaqa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin biraa'llee, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. Jaalalaa fi Amantii Filiimona 4 Kadhannaa kiyyaan si yaadata'aa yeroo mara Waaqa kiyya ni galateeffadha, 5 amantii Gooftaa Yesusiin qabdduu fi jaalala amanttootaaf'llee qabddu dhagayee jira, 6 ka Kristosii ta'uu keennaan wonitti qabnnu mishaan marrinuu ifatti akka beekkamuuf, amantii kee kaanniiniif qoodu'uuf akka hisattu ni kadhadha. 7 Yaa obboleessa kiyya! Waayee keetiin onneen amanttootaa waan haareffameef, gammachuu ol aana'aa fi jajabeenna'llee naaf kennee jira. Worwwaata Phaawulos Waayee Oneesimosiif Dhiyeesse 8 Kanaaf hujii kee raawwadhu jedhee si ajaju'uuf, Kristosiin uggiinsa ni qaba, 9 Ta'u'llee akkas taasisuu irra waayee Yesus Kristositiif hidhamaa ka ta'e, ani jaarssi Phaawulos, jaalalaan kadhachu'uuf ni filadha. 10 Ani mana hidha'aa uduu jiru waayee Oneesimosii ilma kiyya ta'eetiif, si ni kadhadha. 11 Oneesimos asiin durana si hin fayyaduuyyu ture, amma garuu si'ii fi ta'ee ananaaf'llee fayyada'a. 12 Kunoo isaa gara kee deebisee ergeen, isa gara kee yoo erguun'llee onnee mataa kiyyaa akka waan ergee taasisee ni laakkaya. 13 Waayee wongeelaatiin asitti hidhamee yoo jiru bakka kee bu'ee akka ana tajaajiluuf, inni ana woliin uduu ta'ee jiraateetii ni gammada ture, 14 garuu hujiin mishaan kee dirqamaan uduu hin ta'in jaalalaan akka ta'uuf jedhee, si'i uduu hin eeyyamssiisin womaayuu raawwachu'uuf hin barbaadu. 15 Oneesimos haga ammaa yeroo muraasaaf sirraa ka fooyame yookiin asii achitti yeroo maraa si'iin woliin akka jiraachu'uuf ta'a. 16 Ammaa achitti si'iin woliin ka jiraattu'llee akka garbichaa titti uduu hin ta'in, ka garbicha caalu ta'ee akka obboleessa jalatama'aa ta'eeti, inni anaaf obboleessa jaalatama'a, haa ta'u malee foonii inni tajaajila isaatiin waan si fayyaduu fi hafuura isaatiin ammoo Kristosiin obboleessa kee waan ta'eef, si'iif caala'atti jaalatama'a. 17 Eegaa ana akka obboleessa keetii taasfttee yoo ana laakkoftte, akkuma kiyya taasisiitii simadhuun. 18 Miidhaan inni sirraan gaye yoo jiraate yookiin liqaan itti yoo jiraate, liqaa isaa ana irratti herreegi. 19 Kunoo ani Phaawulos «Liqaa isaa siif ni kafala» jedhee harkuma kiyyaan barreessee ni mirkaneessa, ta'u'llee waayee lubbuu keetiitiif ati mataan keetuu, nama liqaan kiyya jiru ta'uu kee ani si yaadachiisuu ana hin barbaachisu. 20 Eegaa yaa obboleessa kiyya! Waan mishaa kana akka naaf raawwattu maqaa Goofta'aatiin si ni kadhadha, yabo'oo onnee tiyya Kristosiin naaf haarawoomiessi. 21 Kana ka si barreesseef akka naaf ajajamttu amanu'uun, ka ani si gaafadhuu olitti, akka raawwattu ni beeka. 22 Achiin'llee Waaqinni kadhannaa keessan dhagayee gara keessan akka dhufu akka naaf taasisu abddii waan qabuuf, mana itti boqadhu naaf qopheessi. Nagaya Muumme'ee 23 Waayee Yesus Kristositiin ana woliin ka hidhame Ephaafraas nagaya si ni dhiyeessa. 24 Akkuma kana Maarqoosiin waahellan hujii kiyyaa ka ta'an Maarqoos, Arisxaarkos, Deemaasii fi Luqaas nagaya si ni dhiyeessan. 25 Kennaan bilisaa ka Gooftaa Yesus Kristosii isin woliin haa ta'u. |