Ergaa Yaaqoob 4 - Waadaa HaarawaHammeenna Biyya Lafaa Jaalachuu Dhabu'u 1 Isin jidduu woraanni jiruu fi wol dhabbinni, eessaa ka dhufe? Qaama keessan keessatti ka isin woraanu fedhii keessan ka foonii irraa ka dhufee mitii ree? 2 Waan tokko argachu'uuf ni hawwitan, garuu hin argattan, kanaaf nama ni ajjeefttan. Waan hin kadhanneef'llee, waan barbaaddan hin argattan. 3 Yoma kadhattan'llee deebii kadhannaa keessan ka hin arganneef, wonitti kadhattan gammachuu foonii irra oolichu'uuf, yaada hama'aan waan kadhattaniif. 4 Isin ganttoota nana! Biyya lafaa ka jaalatu diina Waaqaa ta'uu isaa hin beekittanii moo? eegaa ka biyya lafaa jaalatu marrinuu diina Waaqaa ta'uu isaati. 5 Akkuma kana kitaabnni Qulqulluun, «Hafuurri Waaqinni isin keessa bulche isa qofaaf akka taanu, ciminnaan ni hawwa» ka jedhee, tasaan moo? 6 Ta'u''llee kitaabnni, «Waaqinni ufi tuulttota ni morma, gara laafeyyi'iif garuu kennaa isaa ka bilisaa ni kenna» waan jedhuuf, kennaan bilisaa ka Waaqinni kennu, maraa ni caala. 7 Kanaaf Waaqaaf bitamaa, daabiloosiin garuu mormma'aanii, inni'llee isin irraa ni dheessa. 8 Gara Waaqaa dhiyaadhaa, inni'llee gara keessan ni dhiyaata, isin yaa cubbamoota! harka keessan qulqulleessaa, isinii hoola! onnee teessan qulqulleessaa. 9 Sarddamaa, gaddaa, booyaa, kolffi keessan gara booyaa titti, gammachuun keessan'llee gara gaddaa titti haa jijjiiramu. 10 Gooftaa duranatti mataa keessan gad qabadhaa, inni'llee ol isin ni qaba. Nama Irratti Murteessuu Dhabu'uu 11 Yaa obboleeyyan! Ufii keessan wol hin hamatinaa, nama ka hamattu yookiin nama irratti ka murtteessu seera ni hamata, seera irratti'llee ni murtteessa, seera irratti yoo murtteessite ammoo murtteessaa ta'uu keeti malee, seera raawwata'aa miti. 12 Seera ka kennuu fi ka murtteessu Waaqa tokko qofa, fayyisu'uu fi balleessu'uuf'llee ka danda'u isa qofa, eegaa, nama irratti ka murtteessitu ati eennu ree? Waayee Ufi Tuulumma'aatiif Ufi Eeggannaa Kenname 13 Isin, «Adha yookiin boru gara magaalaa akkanaa deeminnee achi'llee woggaa tokkoof ni teenna, daldallee'llee ni buufanna» ka jettan, ufi eeggadhaa. 14 Boru waan ta'u hin beekittan, lubbuun teessan maali'i? Isin yeroo tokkoof mulidhatee, booda ammoo akka duumessa maa'ii baduuti. 15 Kana irra isin jedhuun ka malu, «Gooftaan yoo eeyyameef yoo jiraanne kana yookiin san ni raawwanna» jechu'u. 16 Isin garuu kana jechuu irra ufi tuulummaa keessaniin ni dhaadattan, ufi tuulummaan akkanaa kun marrinuu hama'a. 17 Eegaa waan mishaa raawwachuu uduu beeku naminni hin raawwanne, raawwachuu dabuun isaa isatti cubbuu ni ta'a. |