Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

2 Gara Ximotewoosii 4 - Waadaa Haarawa

1 Waaqaa fi akkuma kanaan'llee Mootummaa isaa yeroo dhaabanitti, jiraattotaa fi worra du'oota irratti ka murtteessu, Yesus Kristosiin duranatti yaboo siin ni jedha,

2 dubbii Waaqaa lallabi, yoo tolee fi toluu yoo dhabaate'llee yeroo kamittuu hisadhuutii hojjadhu, hubachiisa'aa, itti baanata'aatii fi gorssa'aa, obissaa fi barsiisu'uun hisadhu.

3 Namoonni barsiisa jireenni ittiin argamu dhagayu'uuf yeroon itti hin barbaadnnetti ni dhufa, barsiisota waan isaan jaalatan isaanitti himan wolitti ni qaban.

4 Kanaaf dhugaa dhagayuu dhiisanii mammaaka dhagayuu ni jaalatan.

5 Ati garuu waan maraanuu ufi eeggataa ta'i, rakkinna fudhachu'uun jabaadhu, hujii lallabduummaa wongeela raawwadhu, tajaajila kee'llee maraa raawwadhu.

6 Ain garuu kitimaa ta'u'uuf dhiyaadhee jira, biyya lafaa kana irraa fooyamee yeroon itti deemu'llee gayee jira.

7 Lola kiyya haala misha'aan lolee jira, woldurssoo fiigicha kiyyaa'llee haga muummee titti fiigee jira, amantii kiyya'llee eegee jira.

8 Ammaa achitti gonfanni qulqullumma'aa qophaayee ana ni eeggata, gonfaa kana'llee Gooftaan murtii sirri'ii murtteessaa ta'e sun guyyaa sanitti naaf ni kenna, ka kennu'llee ana qofaaf uduu hin ta'in, muldhachuu isaa worra jaalatan maraaf.


Waayee Dhimmoota Dhuunffa'aa

9 Dadafaan gara kiyya akka dhufittu haa ta'u,

10 Deemaas biyya lafaa kana jaalatee ana irraa fooyamee jira, gara Tasaloonqee'llee deemee jira, Qeersqiis gara Galaatiya'aa, Tiitoos'llee gara Dilmaaxiyaa deemanii jiran.

11 Ana woliin ka jiru Luqaasiin qofa, Maarqoos tajaajilaaf waan ana fayyaduuf, barbaadii qabiinii koottu.

12 Xikiqoosin gara Efesoonii ergeenii jira.

13 Yoo dhufttutti Xro'aas kaarpustti kaabbaa dhiise naaf qabiitii koottu, kitaabban'llee, keessanuu kitaabban maramaa kaldho'oo'llee naa fidi.

14 Tumitichi sibiila diima'aa Iskindir miidhaa guddaa ana irraan ni gaye, Gooftaan akka hujii isaa isaaf ni kafala.

15 Inni'llee waan nu dubbannu ciminnaan waan mormmuuf, ati mataan keetuu isa irraa ufi eeggadhu.

16 Waayee waan ittiin himatameetiif ragaa ittisaa kiyya ka jalqabaa yeroo dhiyeeffadhetti, marrinuu ana fooyaman malee, ana woliin ta'ee ka ana gargaare eennu'llee hin turre, Waan kana'llee Waaqinni akka balleessa'aa taasisee isaanitti hin lakkaayin.

17 Garuu ergaan karaa kiyyaan marrinuu akka himamuu fi ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu akka dhagayaniif, Gooftaan ana woliin ta'ee ana ni jajabeesse, afaan leenccaatii'llee fayyee jira.

18 Gooftaan waan hamaa kamiin mara irraayyuu ana ni fayyisa, Mootummaa isaa ka samii jirttuun'llee ana ni gaya, isaaf baraa haga baaraa titti ulfinni haa ta'u! Ameen.


Nagaya Muumme'ee

19 Phrisqiila'aa fi Aqiila'aa, maatii Oneesiforsiitiif'llee, nagaya naaf dhiyeessi.

20 Erasxos Qorontoositti hafee jira, Xrofimoos waan dhukkubsateef Miilexoostti dhiiseenii jira.

21 Jiin gannaa uduu hin aseeniin gara kiyya akka dhufttu haa ta'u. Ewuubuloos, Phudenis, Liinosii, Qlaawudiiya'aa fi amanttoonni marri'llee nagaya siif ni dhiyeessan.

22 Gooftaan si'iin woliin haa ta'u. Kennaan Waaqaa ka bilisaa si woliin haa ta'u.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ