Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

2 Gara Ximotewoosii 3 - Waadaa Haarawa


Guyyoota Muumme'ee Titti Wonittoota Hamaa Ta'an

1 Guyyoota muummee titti yeroon sarddamissiisu akka dhufu beeki,

2 Namoonni mataa isaanii ka jaalatan, qarshi'iif ka haafayan, ufi dhaaddota, ufi tuultota, worra nama arrabissan, maatii isaaniitiif ka hin ajajaminne, galata dhabeeyyii, qulqullummaa ka hin qabnne,

3 jaalala ka hin qabnne, dhiifama worra hin taasfnne, maqaa namaa worra balleessan, mataa isaanii ka hin toowanne, gara jabeeyyii, waan mishaa ta'e ka jibban,

4 ganttoota, ufi eeggannaa ka hin qabnne, ufi tuulummaan ka afuufaman, Waaqa jaalachuu irra gammachuu foonii isaanii ka jaalatan ni ta'an.

5 Waaqa ka waaqeffatan fakkaatanii ni muldhatan, huminna waaqeffanna'aa garuu ni waakkatan, namoota akkana jiran irraa fagaadhu.

6 Namoonni kunniin gara mana maraa huluuqanii aseenu'uun, dubarttoota cubbuun baayi'een isaan irratti tuulameef, hawwii adda addaatiin worra eemaraman, dubarttoota hafuuraan dadhabddootaa ta'an, akka namoota isaan qabaniiti.

7 Dubarttoonni akkanaa kunniin yeroo maraa ni baratan, garuu dhugaa gara beeku'uu gayu'uuf hin danda'an.

8 Yaaneesii fi Yaambres akkuma Muse'een mormmanitti namoonni kunniin sammuun isaanii worra badee fi waayee amanti'iitiin'llee worra kufaatiin isaan irra gaye waan ta'aniif, dhugaa ni mormman.

9 Gowwummaan Yaaneesii fi Yaambresii akkuma muldhatetti gowwummaan namoota kanniinii'llee, nama mara duranatti waan muldhatuuf isaanii hin mijaayu.


Gorssa Muumme'ee

10 Ati garuu barsiisa kiyya, akkaataa jireenna kiyyaa, kaayyoo kiyya, amantii kiyya, obissa kiyya, jaalala kiyyaa fi waan qabadheen jajabaachuu kiyya horddof,

11 akkuma kana ari'atama kiyyaa fi rakkinna kiyya ni beekitta, Anxokiya'aa fi Iqoniiyumi, Lisxira'aatti'llee waan ana irra gayee fi obissaan ari'atama fudhadhe'llee ni beekitta, Gooftaan garuu mara jalaayyuu ana ni fayyise.

12 Worra gosa Yesus Kristosiin ta'anii jireenna hafuuraa jiraachuu worri barbaadan marinuu, ari'ataminni isaan irra ni gaya.

13 Garuu namoonni hamaaleyyi'ii fi fakkeesitoonni garuu, namoota dogoggorssa'aatii fi mataa isaanii'llee dogoggorssa'aa, hamaa irratti hammeenna dabala'aa ni deeman,

14 Ati garuu ka baratte eennuun irraa akka ta'e waan beekittuuf, ka barattee fi dhugaa hubatteen'llee jabaadhu.

15 Akkuma kana ijoollummaa keetii jala qabddee Yesus Kristostti amanu'uun, barsiisa fayyinni ittiin argamu ka siif kennan kitaabban Qulqulluu ta'an beekittee jirta.

16 Kitaabnni Qulqulluun marrinuu eemarittii Hafuura Waaqaatiin ka barreeffame, isaan dhugaa barsiisu'uuf, worra dogoggoran itti baanachu'uuf, dogoggora sirreessu'uu fi eemarittii jireenna sirrii ta'eef tolu kennu'uuf ni fayyada.

17 Ka fayyadu'llee naminni Waaqaa muda maleessa akka ta'uu fi hujii mishaa kamiinuu hojjachu'uuf, gayaa ta'ee akka argamuuf.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ