Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

2 Gara Ximotewoosii 2 - Waadaa Haarawa


Lolttuu Amanamaa Kristosii Ta'uun Rakkinna Fudhachuu

1 Eegaa yaa ilma kiyya! Kennaa isaa ka bilisaa ka Yesus Kristosiin argamuun jabaadhu.

2 Ragoota baayi'ee duranatti barsiisa ana irraa baratte kaanniin barsiisu'uuf, dandeettii worra qabanii fi namoota amanamaniif yaboo kenni.

3 Ati'llee lolttuu Yesus Kristosii mishaa ta'u'uun anaan woliin rakkinna fudhadhu.

4 Loltumma'aan naminni tajaajilu ajajaa isaa ka woraanaa gammachiisu'uuf qophaayaa ta'uu qaba malee, dhimma lolttummaa hin ta'in irra hin oolu.

5 Akkuma kana naminni fiigichaan dorgomu akkaata seeratiin yoo dorgomuu dhabaate, kennaa gonfaan injifanno'oo hin argatu.

6 Qotee bulaan huji'iin dadhabu firii hujii isaa irraa argamu, ka jalqabaa argachuu ni qaba.

7 Gooftaan waan maraanuu hubannaa waan siif kennuuf, waan ani jedhu hubadhuutii yaadi.

8 Ka du'aa ka'ee fi fiixaa Daawiitii ka ta'e Yesus Kristosiin yaadadhu, wongeelli ani lallabu'llee kana.

9 Waayema wongeela kanaatiin'llee akka yakkamaa titti birbiraataan hidhamee rakkinna ni fudhadha, dubbiin Waaqaa garuu hin hidhamu.

10 Kanaaf isaan'llee karaa Yesus Kristositiin fayyinniissa argamuu fi ulfinna bara baraa akka argataniif, namoota Waaqinni isaan filateef jecha waan maraa ni obissa.

11 Jechi jedhu ka amaname, «Isaan woliin yoo duune, isa woliin ammoo lubbu'uun ni jiraanna.

12 Obissaan dhaabannee yoo argaminne, isaan woliin ni moona yoo waakkanneen inni'llee, ammoo nu ni waakkata.

13 Nu'u amanamoota yoo ta'uu dhabaanne, inni garuu mataa isaa waan hin waakkaneef, yeroo maraa amanamaa ta'ee in jiraata,»


Hojjataa Hisataa

14 Waan kana isaan hubachiis, waayee jechootaatiin akka wol hin mormmineef'llee Gooftaa duranatti isaan ufi eeggachiis, mormmiin jechaa kun'llee namoota dhagayan ni balleessa malee, womaafuu hin fayyadu.

15 Dubbii dhuga'aa qajeelatti akka gayuu fi hujii isaatiin'llee akka hojjataa hin saaliffachiifnne ta'ii, mataa kee Waaqa duranatti dhiyeessu'uu fi fudhatama'llee argachu'uuf, yaalii taasisi.

16 Woca biyya lafaa ka tasa ta'ee irraa'llee fagaadhu, wocinni akkanaa kun namoota caala'atti Waaqa irraa akka fagaatan isaan ni taasisa,

17 haasofnni isaanii akka madaa hin fayyinee keessa ni baldhisa, isaan keessaa'llee Himnewosii fi Filexoos ni argaman.

18 Namoonni kunniin, «Du'aa ka'iinssi worra du'anii duraan ta'ee jira» jedha'aa mormmuu isaaniitiin dhugaa irraa fagaatanii jiran, amantiin namoota tokko tokkoo'llee ni raasan.

19 Garuu, «Gooftaan worra ka isaa ta'an ni beeka» akkuma kana, «Ka maqaa Goofta'aa waamu marrinuu hamaa irraa haa fagaatu!» chaaphaan jedhu ka irraa jiru, ka hin sochoone hundeen Waaqaa jabaatee ni jiraata.

20 Mana guddaa keessa woriqqi'ii fi meetaa irraa meeshaawwan hojjataman qofa uduu hin ta'in, mukaa fi faaraa irraa meeshaawwan hojjataman'llee ni argaman, isaan keessaa'llee tokko tokko tajaajila ulfinnaatiif, kuunniin'llee tajaajila ulfinna hin qabnneef ni oolan.

21 Kanniin wonittoota ulfinna hin qabnne irraa fooyamee qulqulluu ta'ee naminni jiraatu, akka meeshaa tajaajila kabajameef ooluu ni ta'a, tajaajila mishaa kamiifuu ka qophaaye, Goofta'aaf ka qulqullaawome fayyadaa itti fayyadamaati.

22 Hawwii hamaa dargaggumma'aa jalaa dheessi, onnee Qulqullu'uun namoota Gooftaa waamataniin woliin ta'iitii qulqullummaa, amantii, jaalalaa fi nagaya horddof.

23 Wol dhabbii akka fidu beekittee wol mormmii gowumma'aatii fi woca tasaa irraa fagaadhu.

24 Tajaajilaa Gooftaa Yesusii naminni ta'e mara biratti gara laafessa, ka danddeettii barsiisu'uu qabuu fi obissaa ta'uu qaba malee, wol dhabuu hin qabu.

25 Inni namoota wol dhaban gara laafumma'aan ka sirreessu ta'uu qaba, yookiin dhugaa akka beekaniif Waaqinni carraa dhiifamaan gara isaa deebi'u'uu isaanii ni kenna ta'a.

26 Bifa kanaan gara qalbbii isaanii deebi'anii fedhii sheexanni akka raawwatan, woshaadoo isaan qabe keessaa ni bayan.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ