Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

2 Gara Ximotewoosii 1 - Waadaa Haarawa

1 Yesus Kristosiin akkaataa abddii jireenna argameetiin, fedhii Waaqaatiin barataa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosiin irraa ka ergame,

2 Ilima kiyya ka jaalatame Ximotewosiif, Waaqa Abbaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin biraa'llee, kennaan isaa ka bilisaa, dhiifamaa fi nageenni'llee si'iif haa ta'u.


Gorssa Ximotewosiif Kenname

3 Yeroo maraa halkanii fi guyyaa kadhanna'aan yoo si yaadadhu, akkuma abbootiin kiyya raawwatanitti ani'llee sammuu Qulqullu'uun Waaqa tajaajilu ni galateeffadha.

4 Imimmaan kee ni yaadadha, kanaaf haalaan akka gammadu si argu'uuf ni hawwa.

5 Amantiin dhuga'aa ka si keessa jiru ni yaadadha, amantiin akkana kun jalqaba akkaakayyuu kee Lo'isii fi haadha tee Ewuniiqee keessa ka ture, si keessa'llee akka jiru hubadhee jira.

6 Sababaa kanaan harka kiyya si irra yeroo kaayetti ka siif kennamee fi akka ibiddaa ta'ee ka si keessa jiru kennaa Waaqaa, deebitee akka qabsiifttuuf si ni yaadachiisa.

7 Waaqinni ka nuuf kenne hafuura huminnaa fi jaalalaa, mataa keenna'llee ka ittiin toowannu malee, hafuura soda'aatii miti.

8 Egaa waayee Gooftaa keennaa ragaa bayu'uuf hin saalifatin, waayee isaatiif ka itti hidhame anatti'llee hin saalfatin, garuu huminna Waaqinni siif kennuun, anaan woliin rakkinna fudhadhu.

9 Inni waayee hujii mishaa nu'u raawwanneetiif uduu hin ta'in, fedhii mataa isaatii fi kennaa isaa ka bilisaatiin nu ni fayyise, Qulqulluumma'aaf'llee nu ni waame, kennaa isaa ka bilisaa kana'llee barootaan duranatti karaa Yesus Kristositiin, nuuf ni kenne.

10 Kennaan bilisaa kun'llee fayyisaan keenna Yesus Kristosii dhufuu isaatiin, amma ni muldhate. Inni'llee huminna du'aa dhabamisiisee karaa wongeelaatiin duuti ka keessa hin jirre, jireenna bara baraa nu'utti ni muldhise.

11 Ani'llee dubbataan wongeela kanaa, ergama'aa fi barsiisaa ta'ee muudamee jira.

12 Rakkinna kana ka fudhadhuuf'llee waayee kanaan, garuu eennuun akka amane waan beekuuf itti hin saalifadhu, yaboo natti kenname'llee haga guyyaa sanii titti, eegu'uuf akka danda'u hubadhee jira.

13 Dubbii amanisiisaa ana irraa baratte akka fakkeennaa taasfttee, Yesus Kristosiin amantii fi jaalala qabnnu eegi.

14 Nu keessa ka jiraatu karaa Hafuura Qulqulluutiin, yaboo mishaa sitti kenname eegi.

15 Worri Asiyaa jiran marrinuu ana dhiisanii akka deeman ni beekitta, isaan keessaa'llee Fiigelosii fi Hermogenesis keessatti ni argaman.

16 Gooftaan maatii Oneesiforsiitiif dhiifama haa kennu, inni yeroo baayi'ee ana jajabeessee jira, hidhamuu kiyyatti'llee hin saalifanne.

17 Gonkumaa gara Roomaa yeroo dhufetti hisataan barbaadee ana argatee jira,

18 Guyyaa muumme'ee titti Gooftaan dhiifama isaaf haa kennu! Efesooniin yeroo jirutti hagam akka ana tajaajile ati mataan keetuu midhaastee ni beekitta.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ