1 Gara Ximotewoosii 6 - Waadaa HaarawaTajaajilttootaaf Gorssa Kenname 1 Maqaan Waaqaatii fi barsiifnni isaa'llee akka hin arrabssaminneef tajaajilttoonni marrinuu bulchitoota isaanii kabajuu akka qaban, taasisanii haa yaadan. 2 Bulchitoonni isaanii tajaajiltoota worri ta'an Gooftaa Yesusiin obboleeyyan isaanii waan ta'aniif, isaan hin tuffatin, gonkumaa tajaajila isaanii irraa worri faayiddaa argatan, bulchitoota isaanii ka amanttoota ta'anii fi obboleeyyan isaanii ka jaalataman waan ta'aniif, waan duraanii caala'atti isaan haa tajaajilan. Ati'llee barsiisu'uu fi gorssuu ka qabddu kana. Barsiisa Sobaatii Fi Qabeenna Dhuga'aa 3 Barsiisa Waaqa dhuga'aa waaqeffachu'uu woliigalaa ka ta'e, dubbii qulqulluu Goftaa keenna Yesus Kristosii dhiisee barsiisa addaa ka barsiisu naminni kum'llee yoo jiraate, 4 ufi tuulumma'aan ka afuufamee fi womaayyuu ka hin beekinne, garuu waayee jechaa mormmu'uu fi hawwiin hamaa wocaa isa irra bulee jira, kun'llee ka itti aanssu hinaaffaa, woldhaba, arraba, shakkii hamaa, 5 sammuun isaanii ka battaayee fi namoota dhugaan isaan jalaa badeen ka raawwatamu mormmii addaan hin cinne, namoonni akkana kunniin Waaqa waaqeffachuun isaaniif toofittaa qabeenna ittiin argatan fakkaatee, isaanitti ni muldhata. 6 «Ka qabuu ana gaya» nama jedhuuf Waaqa waaqeffachuun faayiddaa guddaa isaaf ni argamisiisa. Nama hafuuraa ta'uu waan ittiin buufatuuf, amantiin isaaf burqqaa qabeennaati. 7 Gara biyya lafaa kana womaayyuu qabannee hin dhufinne, biyya lafaa kana irraa'llee qabannee wonitti deeminnu woyiituu hin jiru. 8 Waan nyaannuu fi waan uffannu yoo arganne nu gaya. 9 Dureeyyii ta'u'uuf worri barbaadan garuu qormmaataan ni kufan, hawwii hamaa namoota faayida'aan ala taasisuu fi balleessu ka tasaatiif hammaataa ta'e, woshaadoo baayi'e'een ni qabaman. 10 Kun'llee ka ta'u jaalalli qarshi'ii, burqaa hammeenna maraa waan ta'eef. Ajaja Fi Gorssa Phaawulos Ximotewosiif Kenne 11 Yaa nama Waaqaa! Ati garuu kana mara irraayyuu dheessi, qulqullummaa, nama hafuuraa ta'uu, amantii, jaalala, obissaan jajabaachuu, gara laafummaa horddof. 12 Lola mishaa amanti'ii loli, ati gara isaa yeroo waamamittetti ragoota baayi'ee duranatti ragummaa sirri'ii ta'e ka kenniteef, jireenna bara baraa qabadhu. 13 Waan maraafuu jireenna ka kennu Waaqaa fi Philaaxosiin pheenxanaawicha duranatti ufitti amanamummaa misha'aan ka ragaa baye, Yesus Kristosiin duratti'llee si ni ajaja. 14 Gooftaan keenna Yesus Kristos haga guyyaa itti mulidhatuu titti ajaja kana, dogoggoraa fi ashaa malee eegi. 15 Mulidhachuun Kristosii'llee ka eebbifamee fi adduma isaa titti bulichaa ka ta'e Ngugusa nugusotaa, Gooftaan goofttotaa guyyaa muritteessetti ni ta'a. 16 Inni qoftti ka hin duune, eennu'llee itti dhiyaachuu ka hin danddeenne ifa keessa ni jiraata, isa gonkumaa eennu'llee hin argineen, eennu'llee isa argu'uuniif hin danda'u, ulfinnaa fi huminni bara baraa isaaf haa ta'u! Ameen. 17 Dureeyyiin biyya lafa kanaa akka ufi hin dhaanneef yookiin abddii isaanii qabeenna amansiisaa hin ta'in irratti akka hin taasfnneef isaan ajaji, akkuma kana abddii isaaniitiin nu'llee akka gammannu, waan maraa irraa hafaa taasisee ka kennu Waaqa irratti akka ta'u isaan ajaji. 18 Akkuma kana hujii mishaa akka hojjataniif, hujii misha'aan'llee dureeyyii akka ta'aniif, arijjoomu'uu fi waan qaban'llee qooduuf qophaayota akka ta'aniif, isaan ajaji. 19 Bifa kanaan jireenna dhuga'aa argachu'uuf qabeenna hunddeen isaa jabaa ta'e, bara dhufutti mataa isaaniitiif ni kuufatan. 20 Yaa Ximotewos! Yabo'oon waan sitti kenname eegi, beekkomissa uduu hin ta'in, «Beekkomissa» waan fakkaatu, woca tasaa irraa'llee fagaadhu. 21 Tokko tokko beekkomissa akkanaa kana ni qabnna jechu'uun, karaa amanti'iitii bayanii jiran. Kennaan Waaqaa ka bilisaa isin woliin haa ta'u. |