Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

1 Gara Ximotewoosii 2 - Waadaa Haarawa


Kadhanaa Woldayaa Amanti'ii

1 Waaqaa waaqeffachu'uu fi jireenna ulfinnaan guuttameen kadhata'aa, kadhannaa, worwwaataa fi galanni namoota maraaf, akka taasfamu ni gorssa.

2 Waaqa sodaachu'uu fi amala misha'aan eemarama'aa nagayaa fi tasgabbi'iin akka jiraannu, keesumaanuu nugusotaa fi worra aangoo ol aanaa irra jiran maraaf kadhadhaa.

3 Kun'llee Fayyisaa keenna Waaqa duranatti misha'aa fi waan nama gammachiisu.

4 Fedhiin Waaqaa naminni marrinuu akka fayyanii fi dhugaa akka beekaniif.

5 Waaqinni tokko, jidduu ta'ee namaa fi Waaqa ka wolitti araarssu'llee tokko, inni'llee nama ka ta'e Yesus Kristos.

6 Namoota maraa cubbuu irraa fayyisu'uuf mataa isaa qoricha taasisee ka kenne isa, kun'llee yeroon sirrii ta'e yoo gayutti, ragummaa hujii fayyisummaa Waaqaa hubachiisu.

7 Ani'llee amanti'ii fi dhugaa dubbachu'uuf ergama'aa fi barsiisaa ta'ee, gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ka ergame sababa kanaan. Kana'llee yoo jedhu dhugaa dubbadha malee hin sobu.

8 Eegaa bakka maraa dhiironni jiran dallanssu'uu fi wol dhaba dhabamisiisanii, harka isaanii ka Qulqullaawome qaban gara olii qabu'uun, akka kadhataniif ni barbaada.

9 Akkuma kana dubarttoonni riffeenissa mataa isaani'ii midhaassu'uun yookiin worqqi'iin yookiin dooqaan, yookiin uffata gatiin isaa baayi'ee ta'een ufi bareechisu'uun uduu hin ta'in, saalfachu'uu fi mataa gad qabataan, uffata malu ka nama kabajama'aa haa uffatan.

10 Waaqa ni waaqeffanna dubarttoonni jedhan bifa raawwachuun isaan irra jiru, hujii misha'aan ufi haa bareechisan.

11 Dubarttiin tasgabbi'ii fi ajajamu'uun haa barattu,

12 Dubarttiin dhiira akka barsiifittuu fi yookiin dhiira irratti aangoo akka qabaattuuf hin eeyyamu, isiin caldhisuu ni qabddi.

13 Jalqaba ka uumame Addaamiin ture, maa'ii'llee Hewwaan ni uumamitte.

14 Akkuma kana ta sobamttee fi Seera Waaqaa'llee ka diigidde dubarti'ii malee, ka sobame Addaamii miti.

15 Garuu dubarttiin amanti'ii fi jaalalaan, Qulqullumma'aan'llee yoo jajabaattee, mataa isii'llee toowachu'uun uduu jiraattee, finna dayu'uun ni fayyiti.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ