1 Ergaa Yohaannis 5 - Waadaa HaarawaWaayee Biyya Lafaa Injifachu'uu 1 Yesus Masihii ta'uu ka amanu marrinuu Ilma Waaqaati, ka abbaa jaalatu marrinuu ilma'llee ni jaalata. 2 Ijoollee Waaqaa ka jaalannu ta'uu keenna ka beekinnu, Waaqa yoo jaalannee fi ajajoota isaa'llee yoo raawwanne. 3 Waaqa'llee jaalachuu jechuun ajajoota isaa raawwachu'u, ajajoonni isaa'llee ulffaattotaa miti. 4 Ilma Waaqaa ka ta'e marrinuu biyya lafaa ni injifata, biyya lafaa ka injifannu'llee amantii keennaan. 5 Yesus Ilma Waaqaa ta'uu isaa nama amanu malee, biyya lafaa ka injifatu eennu? Waayee Kristositiif Ragummaa Kenname 6 Cuuphama isaa ka mulidhisu bishaanii fi dhiiga du'a isaa mulidhisuun ka dhufe, Yesus Kristos. Inni ka dhufeef bishaan qofaan uduu hin ta'in bishaanii fi dhiigaan. Kun'llee dhugaa waan ta'eef wonitti kun dhugaa ta'uu isaa, Hafuurri Qulqulluun ragaa ni baya, 7 ragoonni sadihii ni jiran, 8 isaan'llee Hafuura, bishaanii fi dhiiga, kunniin sadiinuu ragumma'aan wolii ni galan. 9 Ragummaa namoonni kennan ni fudhanna, ragummaan Waaqaa garuu mara irraa ni caala. Waaqinni ragummaan waayee Ilma isaatiif kenne'llee kana. 10 Ka Ilma Waaqaa titti amanu ragummaan kun onnee isaa keessa ni jira, Waaqatti ka hin amanne garuu ragummaa Waaqinni waayee ilma isaatiif kenne amanuu dhabuu isaatiin, ka dharaa isaa taasisee jira. 11 Ragummaan isaa'llee Waaqinni jireenna bara baraa akka kennee fi jireenni kun'llee Ilma isaatiin akka jiru, ka ragaa bayu. 12 Ka Ilma Waaqaa qabu jireenna ni qaba. Ilma Waaqaa ka hin qabnne garuu, jireenna hin qabu. Jireenna Bara Baraa 13 Isin worri maqaa Ilma Waaqaa titti amanttan marrinuu, jireenna bara baraa ka qabddan ta'uu akka beekittaniif, kana maraa isiniif barreessee jira. 14 Waanuma kamiinuu akka fedha isaa titti yoo kadhanne, akka nuuf dhagayu ni abiddanna. 15 Wonitti kadhannu marrinuu akka nuuf dhagayu yoo beekinne, waan isa irraa kadhannu maraa ammuma tana, akka fudhannu ni beekinna. 16 Naminni kumi'llee cubbuu obboleessa isaa du'aan gayu cubbuu yoo hojjatu yoo isa argeen haa kadhatuuf, cubbuun namichaa du'aan ka isa hin geenne yoo ta'e, Waaqinni jireenna ni kennaaf. Garuu cubbuun du'aan nama gayu ni jira. Cubbuu bifa kanaatiif haa kadhatu hin jedhu. 17 Hujiin hamaan marrinuu cubbu'u. Haa ta'u malee cubbuun du'aan hin geessine ni jira. 18 Ilma Waaqaa Yesus Kristos waan isa eeguuf Ilma Waaqaa ka ta'e marrinuu, cubbuu akka hin hojjanne ni beekinna, Sheexanni'llee isa hin tuquun. 19 Nu ka Waaqaa ta'uu keenna ni beekinna. Biyyi lafaa garuu marri isaatuu bitamaa sheexanaa ta'anii jiran. 20 Ilmi Waaqaa akka dhufee fi Waaqa dhuga'aa'llee akka beekinnuuf, onnee hubattuu akka nuuf kennee ni beekinna, karaa Ilma isaa Yesus Kristositiin, isa Waaqa dhuga'aa woliin tokkummaa ni qabnna. Yesus Kristos Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati. 21 Yaa ijoolle! waaqolee harkaan hojjataman waaqeffachuu irraa, mataa keessan eeggadhaa. |