1 Ergaa Yohaannis 3 - Waadaa HaarawaIjoollee Waaqaa 1 Ijoollee Waaqaa jedhamnnee akka waamaminuuf Waaqinni Abbaan jaalala attamii akka nu'uuf kenne laalaa! Dhugamaanuu nu'u ammoo ijoollee Waaqaati, biyyi lafaa Waaqa waan hin beekiniif, nu'u hin beeku. 2 Yaa waaheloota! Nu'u amma ijoollee Waaqaati, ufi durana maal akka taanu amma'llee hin beekkaminne, garuu yeroo Kristos itti mulidhatutti bifa isaa ka dhuga'aa waan arginuuf, isa akka fakkaannu ni beekinna. 3 Kun akka ta'uu Kristosiin abddii ka taasfatu marrinuu Kristos qulqullaawomaa akka ta'e, inni'llee mataa ufii qulqullaawomaa ni taasisa. 4 Cubbuu jechuun seera Waaqaa diiguu waan ta'eef ka cubbuu hojjatu marrinuu, seera Waaqaa ni diiga. 5 Kristos cubbuu namootaa dhabamisiisu'uuf akka mulidhatee fi inni'llee cubbuu akka hin qabnne, ni beekittan. 6 Kanaaf naminni Kristosiin jiraatu marrinuu cubbuu hin hojjatu. Naminni cubbuu hojjatu Kristosiin hin argineen yookiin hin beekinneen. 7 Yaa ijoolle! Eennu'llee isin akka hin sobinne, Kristos qulqullaawomaa akkuma ta'e, ka qulqullummaa raawwatu marrinuu Qulqullu'u. 8 Sheexanni jalqabumaayyuu kaasee cubbuu waan hojjatuuf, cubbuu ka hojjatu marrinuu worra sheexanaati. Ilmi Waaqaa ka muldhateef'llee hujii sheexanaa diigu'uuf. 9 Amalli Waaqaa isa keessa waan jiraatuu fi Waaqa irraa'llee waan dhalateef, Ilma Waaqaa ka ta'e cubbuu hin hojjatu, hojjatu'uuf'llee hin danda'u. 10 Ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen sheexanaa addaan bayanii ka beekkaman kanaan, qulqullaawoma ka hin raawwannee fi obboleessa isaa ka hin jaalanne marrinuu, Ilma Waaqaatii miti. Ufii Keennaa Waayee Wol Jaalachu'uu 11 Ergaan jalqabumaayyuu dhageettan, «Ufii keennaa wol haa jaalannuu» ka jedhu. 12 Gara gosa sheexanaatii ka tureetii fi obboleessa isaa akka ka ajjeesee akka Qaayelii ta'uu nu irraa hin malu, inni obboleessa isaa waayee maali'iitiif ajjeesseen? Hujiin isaa hamaa waan turee fi hujiin obboleessaa isaa garuu sirrii waan tureef. 13 Yaa obboleeyyan! biyyi lafaa yoo isin jibbe hin maalalffatnaa. 14 Nu obboleeyyan keenna waan jaalannuuf du'a gara jireennaa titti ce'uu keenna ni beekinna. Jaalala naminni hin qabnne gaaddisa du'aa keessa ni jiraata. 15 Obboleesa isaa ka jibbu marrinuu ka lubbuu ajjeesu, lubbuu ajjeesaan'llee jireenna bara baraa akka hin qabnne ni beekitan. 16 Jaalalli maal akka ta'e ka beekinnu Yesus Kristos lubbuu isaa nu'uuf dabarssee waan kenneef, nu'llee lubbuu teenna waayee obboleeyyan teennaatiif dabarssinee kennuun ni mala. 17 Naminni biyya lafaa kana irratti qabeenna uduu qabu rakkataa argee garaa yoo hin laafniif, «Waaqa ni jaaladha» jechu'uuf, attamitti danda'a? 18 Yaa ijoolle! Jaalalli keenna dhugaalessaa fi ka huji'iin mulidhattu haa ta'u malee, jechaan yookiin haasaya qofaan hin ta'in. Ufitti amanummaa Waaqa Duranatti Qabnnu 19 Kanaan'llee dhugaaleyyii ta'uu keennaa fi gara Waaqa duranaa titti sodaa malee ufitti amanamumma'aan dhiyaachu'uuf, ka dandeennu ta'uu keenna ni beekinna. 20 Karaa kanaan onneen teenna yoo nu gilndise'llee Waaqinni garuu ka onnee teennaa oliiti, Inni'llee waan maraa ni beeka. 21 Yaa waaheloota, onneen keenna ka nu hin komanne yoo ta'e, Waaqa duranatti abddii guutuu taasfachuu ni qabaanna. 22 Ajajoota Waaqaa ka raawwannuu fi waan isa gammachiisu'llee ka raawwannu waan taaneef, waan kadhannuu maraa isa irraa ni ariganna. 23 Ajajinni Waaqaa maqaa Ilma isaa Yesus Kristosii titti akka amannuu fi akka Kristos nu ajajeen'llee, ufii keennaa akka wol jaalanuuf. 24 Ajaja Waaqaa ka raawwatan marrinuu Waaqaan ni jiraatan, Waaqinni'llee nu keessa jiraachuu isaa ka beekinu, Hafuura inni nuuf kenneen. |