Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

1 Ergaa Phexiros 1 - Waadaa Haarawa

1 Barataa Yesus Kristosii ka ta'e Phexirosiin irraa, Galttoota taatanii Phonxos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Asiya'aa fi Bitaanyaa keessa bittinoofittanii worra jiraattaniif,

2 Waaqinni Abbaan akkaatama bu'uura durssee beekeetiin isin worra filatamittaniif, Yesus Kristosiif ajajamu'uu fi dhiiga isaatiin fiicamttanii, qulqullaayu'uuf, Hafuura Qulqullu'uun'llee ka Qulqulloofttaniif, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa baayi'atu.


Abddii Jiraataa

3 Yesus Kristosii sababaa du'aa ka'uu isaatiin abddii jiraataa ta'e ka nuuf kenne, dhiifama isaa ol aana'aan dhalata haarawaan ijoollee isaa ka nu taasise, Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii haa galatteeffamu,

4 Inni'llee ka hin badinne, ka tajaajilaan ala hin taanee fi qabiyyee hin moofinne sami'itti isiniif qopheesee jira.

5 Isin'llee guyyaa muumme'ee titti fayyinna muldhatuuf karaa amanti'iitiin, huminna Waaqaatiin eegamttanii jirttan.

6 Yoma qormaatonni adda addaa'llee yeroo muraasaaf ka isin rakkisan ta'an'llee, isaan gammadaa.

7 Qormmaanni kun ka isin irra gayu dhugummaa amantii keessan mirkaneessu'uuf, Woriqqimmaan baduu ibiddaan ni qormaatama, woriqqii caalaa ka kabajamu amanitiin keessanuu akkuma kana qormaatamu ni qaba, amanitiin keessan ka qormaatame kun'llee Yesus Kristos yeroo itti mulidhatutti galata, ulfinnaa fi faarfannaa isiniif ni arigamisiisa.

8 Yesus Kristosiin worruma hin arginiin'llee yoo taatan'llee ni jaalattaniin, ammuma'llee worra hin argineen yoo taatan itti ni amanttan, jechaan ibisu'uuf ka hin dandanda'aminnee fi ulfinna ulfaateen ni gammaddan.

9 Amantii keessaniin'llee ka eegiddaniin fayyinna lubbuu keessan ni ariggattan.

10 Ddhimma fayyinna kanaa waayee kennaa bilisaa ka keessan ta'uu nabiyyoonni raagan, qorannaa gad fagoo ta'ee fi qorannaa taasisanii jiran.

11 Ka isaan keessa ture Hafuurri Kristosii'llee Masihicha irra waayee rakkinnaa fi rakkinnaan duubatti'llee waayee ulfinna argamuu, durssee mulidhisee jira ture, isaan'llee kun marri yeroo kamittii fi haala attam jiruun akka ta'u qoratanii ture,

12 nabiyyoonni kunniin'llee ni tajaajilan ka turan isin malee mataa isaanii akka hin turin isaaniif ibisamee jira, ka isin tajaajilan'llee sami'ii ka ergame karaa Hafuura Qulqullu'uutii ka amma namoonni wongeela isinitti himan dubbatan ibisu'uun ture, waan kana maleyikkoonn'llee argu'uuf ni hawwan ture.


Qulqullumma'aan Waayee Jiraachu'uu

13 Kanaaf onnee keessan kakaasa'aatii huji'iif qophaayaa, hagatti jiraadhaa, Yesus Kristos yeroo itti mulidhatutti kennaa isaa ka bilisaa ka argattaniif, abddii guutuu qabaadhaa.

14 Ijoollee ajajamoota taatanii beekkomissa dhabaan duraan ni qabddan ka turttan, hawwa hamaa hin horddofinaa,

15 Garuu Waaqinni isin waame Qulqulluu akkuma ta'e, isin'llee jireenna keessan maraan qulqulluuwwan ta'aa,

16 «Ani Qulqulluu waan ta'eef, isin'llee Qulqulluuwwan ta'aa» jedhamee, barreeffamee jira.

17 Eennuuf'llee uduu hin dalin tokko tokkoofuu akka hujii isaatiin ka murtteessu, Waaqa «Abbaa keenna» jettanii ka waamittaniin eega ta'e, biyya lafaa kanatti keesumumma'aan galttoota taatanii yoo jiraattan, isa sodaachu'uun jiraadhaa.

18 Isin abbootii teessan irraa ka dhaalttan jireenna tasaa irraa ka bitamtan, akkanumaan ka ta'e qarshi'iin yookiin worqqi'iin akka hin ta'in ni beekittan.

19 Isin ka bitamtan heeyibii yookiin akka hoolaa hanqqinna hin qabnnee Qulqullu'uu ka ta'e, dhiiga Kristosii kabajama'aan.

20 Inni ka beekkame biyyi lafaa uduu hin uumaminniin duranatti yoo ta'u, amma bara muumme'ee titti waayee keessaniif mulidhatee jira.

21 Amantiin keessan fi abddiin keessan Waaqaan akka ta'uuf karaa Yesusiitiin isa du'aa ka kaasee fi ulfinna ka isaa kenneen, Waaqaan ni dhaadattan.

22 Amanttootaaf jaalala qajeelumaan guutamtte akka qabaattaniif dhuga'aaf ajajamu'uun lubbuu teessan qulqulleesitanii jirttan, kanaaf onnee teessan guutu'uun ufii keessan jabeessa'aatii, wol jaaladhaa.

23 Lammaffaa ka dhalattan jiraataa ka ta'ee fi bara baraaf jabaatee dhaabatee ka jiraatu, dubbii Waaqaatiin fiixaa hin banne irraa malee fiixaa baddu irraayyii miti.

24 Kitaabnni akka jedhutti, «Ka foon uffatu marrinuu akka margaat, ulfinni isaa marri'llee akka abaaboo raasa'aati, margi'llee ni goga, abaaboon'llee ni harca'a,

25 dubbiin Goofta'aa garuu, bara baraaf jabaatee ni jiraata.» ka isiniif lallabame dubbiin gammachu'uu kana.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ