Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Wongeela Maatewos 14:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Heroodis sababaa Heroodiyaadaa haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosiitiif jedhee, Yohaannisiin qabsiisee mana hidha'aatitti hiisisee ture.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

3 Heerodis'llee Yohaanisiin qabssiisee mana hidha'aa titti hisiseenii jira ture, kana'llee ka raawwate haadha worraa obboleesa isaa Filiphosii ka turtte, sababa Heerodiyaada'aatiin.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Heroodis sababaa Heroodiyaadaa haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosiitiif jedhee Yohaannisiin qabsiisee mana hidha'aatitti hiisisee ture.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Wongeela Maatewos 14:3
18 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yohaannis cuuphaan mana hidha'aa uduu jiru hujii Kiristoosii dhagayee, darasoota keessaa lamaan ergeeti,


Haata'uu ammoo guyyaa ayyaana dhaloota Heroodiisii mucattiin Heroodiyaada'aa isaan jiddu'utti sirbiteeti, Heroodiisiin guddiftee gammachiifte.


Yesuus akka Yohaannis dabarfamee kenname hennaa dhagaye, gara Galiila'aa deebi'e.


Gurri Yesuusii waan dhagayameeruuf, mootichi Heroodis waan kana dhagaye. «Yohaannisii cuupha'atu du'aa ka'eera; kanaafuu baafni kun isaan hojjatama'aara» jedhe.


Heroodis haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosii Heroodiyaadaa fuudhee ture; inni isi'iif jedhee itti ergee Yohaannisiin qabsiisee mana hidha'aatitti hiisise.


Herodiyaadaan ammoo Yohaannisitti gadoo qabattee isa ajjeesu'uuf barbaadde. Haata'uu ammoo isi'iif hin danda'amne.


Mucattiin Herodiyaada'aa hennaa ol seentee sirbite, Heroodisii fi worra isa woliin taa'an maraa gammachiifte. Mootiinillee mucatti'iin, «Woma barbaadde maraa na kadhadhu sii kennaa» jedheen.


Yesuus isaaniin, «Laalladhaa'a! raacitii Fariisotaatii fi Heroodiisii irraa uf-eeggadhaa'a» jedhee isaan seere.


Hennaa san namoonni gara Yesuusii dhufanii, namoonni Galiila'aa hennaa ciincaa dhiyeessan, Philaaxoos isaan ajjeesee dhiiga isaanii ciincaa isaan Rabbiif dhiyeessan woliin wolitti make jedhanii Yesuusitti himan.


Hennaa san Fariisota keessaa gari gariin gara Yesuusii dhufanii, Heroodiis si ajjeesuu waan barbaaduuf asii bayii deemi jedhaniin.


Heroodisillee loltoota ufii woliin tuffatee itti balde. Uffata qandhafaa itti uwwisee, deebisee gara Philaaxoosii erge.


Bulchaa Heroodisii keessaa akka ta'e haga beeke, gara Heroodisii erge. Innillee ammoo hennaa san Yerusaalemiin waan tureef.


Hennaa Qeesaari Xabaariyos mooye woggaa kudha shanaffa'aatitti Pheenxeenichi Philaaxoos bulchaa biyya Yihuuda'aa ture, Heroodisi biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Xuriya'aatii fi Xuraakondoositti, Lisaaniyaasillee biyya Saabilamiisiititti bulchitoota turan.


Yohaannaan haadha manaa Kuuza'aa ajajaa Heerodisii Soosina'aa fi namoonni kuuwwanillee heddu ta'anii birrii ufiitiin isa tajaajila'aa turan.


Bara san mootichi Heroodisii rakkinna isaanitti jabbeessu'uuf woldaa kiristaanaa tokko tokko guddisee miidhe.


Ilma kee woyyuu dibame Yesuusiin irratti Heroodisii fi Pheenxeenichi Philaaxoos banii Yihuudota hin taanee fi Isiraa'eliin woliin,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ