Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Wongeela Luqaas 11:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Akkuma nu worra nu yakkaniif dhiifne, yakka keennallee nuu dhiisi. Hamaa jalaa nu baasi; ataabe'etti nu hin galchin.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

4 Akkuma nu worra nu miidhaniif dhiifama taasfinnu, balleesaa keenna nuuf dhiis. Gara qormaataatti'llee nu hin galchin› [hamaa jaalaa nu baasi malee.]»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Akkuma nu worra nu yakkaniif dhiifne, yakka keennallee nuu dhiisi. [Hamaa jalaa nu baasi]› ataabe'etti nu hin galchin.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Wongeela Luqaas 11:4
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Maarre isin keessaa tokko tokko obboleessa ufiitiif gara'aan yoo dhiisu'uufii dhabaate, Abbaan kiyya ka sami'iillee akkasuma isin irratti godha» isaaniin jedhe.


Akka ataabe'etti hin galle jabaadha'aa faateffadhaa'a; Ayyaanni qophaaya'a, foon ammoo dadhaba'a» jedheen.


Inni akkana isaaniin jedhe, «Isin keessaa namni hiriyyaa qabu tokko, halkan wodhakkaa gara hiriyyaa ufii san dhaqee, ‹Jaalalloo kiyya mee buddeena sadihii naa liqeessi,


Namoota kudha saddeetii ka Saalihoomitti dalloofni dhaga'aa isaanitti jigee ajjeese sun namoota Yeruusaalemiin keessa jiraatan caalaa cubbamtoota isinitti fakkaataa?


«Maaf raftan? ataabe'etti akka hin galle ka'aatii dammaqaa faateffadhaa'a!» isaaniin jedhe.


Sanyiin lafa biyyee guddaa hin qabne ka jalli isaa dhaka'aa irratti bu'e sunillee worra dubbii dhagayanii gammachu'uun fudhatan. Isaan garuu hidda waan hin godhaneef haga hennaa diqqo'ootiif amanan malee, yoo ataabamuun isaan irra gaye, hin ganan.


Hamaa irraa akka isaan eedduuf malee biyya lafaa tana keessaa akka isaan baaftu si hin kadhadhu.


Qormaata nama maraa irratti ta'uun ala qormaanni woyiituu isin irra hin geenne; haata'uu ammoo haga dandeettan caalaa akka qoramtan Rabbiin hin eeyyamne amanama'aa. Obsuu akka dandeettan qorumsa woliin karaa baataniinillee isinii qopheessa.


Obsa woliif qabaadhaa'a. Eennullee hiriyyaa ufii irratti komii yoo qabaate, dhiifamsa wolii godhaa'a. Akkuma Kiristoos isinii dhiise, isinillee akkasuma wolii dhiisaa'a.


Haata'uu ammoo Gooftaan isin dhaabu ka hamaa irraa isin eegu amanama'a.


Gooftaan hamaa maraa jalaa na hambisa. Jeennata sami'iititti nagayaan na galcha, isaaf bara haga bara baraa ulfinni haata'u! Amiin.


Ka namaan hin araaramne, murtee araara hin qabnetu isa eeggata. Araarri murtii injifata.


Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.


Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ