Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Wongeela Luqaas 11:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Innillee hennaa faateffattan akkana jedhaa'a, Abbaa keenna ka samii jirtu maqaan kee haa woyyoomu, jeennanni tee haa dhuftu, fedhiin kee akkuma samii irratti taate akkasuma lafa irrattillee haa taatu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

2 Yesus'llee, «Yoo kadhattan akkana jedhaa isaaniin jedhe, ‹[samii ka jiraatu] yaa Abbaa keenna! maqaan kee Qulqulluu haa ta'u! mootummaan kee haa dhufittu!

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Inni, «Hennaa Rabbiin kadhattan akkana jedhaa'a, ‹[Abbaa keenna ka samii jirtu] maqaan kee haa woyyoomu, jeennanni tee haa dhuftu, fedhiin kee akkuma samii irratti ta'e akkasuma lafa irrattillee haa ta'u.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Wongeela Luqaas 11:2
45 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ammallee Yesuus, «Ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu, anillee Abbaa kiyya ka samii jiru afo'otti ragaa isaa baya.


Hujii mishaa keessan arganii, Abbaa keessan ka samii jiru akka kabajjan, ifni keessan nama maraa afo'otti haa ifuu» jedheen.


Yesuus hulee takkatti faateffata'aa tureeti, Hennaa faatee fixe, darasoota keessaa tokko, «Gooftaa keenna! Yohaannis darasoota ufii akka barsiise akka faateffannu nu barsiisi» jedheen.


Worra Rabbiin jaalatamtan, woyyoota ta'u'uuf worri waamamtanii fi worri Roomaa keessa jirtan maruu, abbaa keenna Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u.


Isinillee Ayyaana ilmumma'aa ka Aabba Aabbaa jennee ittiin waamnu argattan malee, deebitanii Ayyaana soda'aatii fi garbumma'aa hin arganne.


Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kirstoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isiniif haata'u.


Rabbii Abbaa keenna, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haata'u.


Akka fedha Rabbii abbaa keennaatitti bara hamaa kana keessa nu fayyisu'uuf jedhee, Kiristoos waan cubbuu keennaatiif dabarsee uf kenne.


Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u.


Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u.


Waaqa keennaa fi Abbaa keennaallee baraa haga baraa ulfinni haata'u! Amiin.


Woyyoota Qolaasiyaasiin keessa jiranii fi obboleeyyan Kiristoosiin hedatan, Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaaninii fi nageenni isinii haata'u.


1 Phaawuloos, Siliwaanosii fi Ximootewoosiin biraa: Woldaa Kiristaanaa, ta Rabbi Abba'aatii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii taate, worra Tasolonqee keessa jiraataniif, Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isiiniif haata'u.


Gooftaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Rabbiin Abbaan keenna ka nu jaalate badhaadha, jajjabaachuu bara baraatiif, ka abdii mishaa nuu kenne, onnee keessan haa jajjabeessan. Hujii misha'aa fi dubbii maraan isin haa dhaaban.


Maleekkaan torbaffa'aa xurumbaa afuufe. Sami'itti, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» laagaan guddaan jedhu dhagayame.


Laagaa akka laagaa banii hedduu laagaa akka laagaa bisaan gudda'aa laagaa akka laagaa gigissaa gudda'aa jiru hennaa akkana jedhu dhagaye. «Hallee luyyaa! ka maraa bulchuu Waandhi Gooftaan keenna waan mooyeeruuf.


Teessoollee hin arge. Worra isarra taa'anii baalliin kennameef waan ragaa Yesuusiitiif waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaaf fakii isaatii hin saganne worra malkata kallacha isaaniitiif harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ