Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 7:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Maleekkaan biraa ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara baya biiftu'uutii hennaa bayu arge. Maleekkota arfan lafaaf Galaana miidhu'uuf baalliin kennameefiitti laagaa gudda'aan iyya'aa,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

2 Chaaphaa Waaqa jiraata'aa ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa'llee gara baya adu'uutii yoo dhufu ni argge, arddi'ii fi garba ciisaa akka miidhaniif gara isaan aangoon kennameefii gara maleyikkoota arffanii qooniqqa isaa ol fudhatee,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Maleekkaan biraa ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara baya biiftu'uutii hennaa bayu arge. Maleekkota arfan lafaa fi galaana miidhu'uuf baalliin kennameefiitti laagaa gudda'aan iyya'aa,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 7:2
29 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Hennaa san Simoon Pheexroos, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbii jiraata'aa ti» jedheen.


Yesuus ammoo hin cadhise, Achiin maayessa bulchaan gadootaallee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin si wogee, ati Kiristoosii Ilma Rabbii yoo taate nutti himi» jedheen.


Nyaata baduuf hin hojjatinaa'a. Haata'uu ammoo nyaata jireenna bara baraa ka Ilmi Namaa isinii kennuuf hujaa'a, isa san Rabbi Aabbaan chaapaa ufii waan irra kaayeef.»


Akkasuma ka nu chaappeesse wobii Ayyaana ittiin qabannu ka garaa kennaa keessa kaaye isa.


Isinillee akkasuma dubbii dhuga'aa, innillee Oduu Nagayaa keenna ka isin fayyise dhageettanii akkasuma Kiristoositti amantanii Ayyaana abdi'iitiin Ayyaana Woyyu'uun chaappeffamtaniirtan.


Ayyaana Woyyuu Rabbii ka guyyaa fayyinnaa saniif ittiin chaappeeffamtan hin gaddisiisinaa'a.


Isaanuu gara keessan dhufnee attamitti akka jiraanne, waan keenna waan dubbataniif, Waaqa jiraata'aa fi ka dhuga'aa akka tajaajiltan, Ilma ufii ka du'a keessaa kaase, Yesuusii lola dhufu jalaa nu hambisu, samii irraa akka eeddan waaqota tolfamaa irraa gara Rabbiititti attamitti akka deebitan isaanuu hin ragan.


«Gooftaan worra ka isaa hin beeka» Akkasuma, «Worri maqaa Goofta'aa waamu maruu hammeena irraa haa fagaatuu» ka jedhu bu'uurri Rabbii ka hin sochoone ka chaappaa qabu jabaatee dhaabata.


Haata'uu ammoo gara gaara Tsiyooniitii fi gara ganda Rabbii jiraata'aa bira geettaniirtan. Gara Yeruusaalemii, gara worra sami'itti gammachu'uun wolgayaniiranii, gara Maleekkoota laakkoofsaa olii,


Barri waan dhiyaateeruuf, worri dubbii raagaa kana dubbisan, dhagayaniif worri waan isa keessatti barreeffame eegan eebbifamtoota.


Maleekkaan jabaan biraallee duumeessa uffatee ka sami'ii bu'u arge. Mataa isaa irra funyaan karaabaatitu jira. Fuulli isaallee akka adu'uu, lutti isaallee akka ibidda dhaga'aa ti.


Hennaa gigissaan torbaa dubbatu, barreessuu yaade, «Sami'ii waan gigissaan torbaa dubbate chaappa'aan cufi malee, hin barreessin» laagaa jedhu dhagaye.


Maleekkaan jahaffa'aallee mijuu laga guddaa Efiraaxes jedhamu irratti jisse. Mootota baya biiftu'uutii dhufan, karaan akka isaanii qophaayuuf bisaan goge.


Maleekkaan cimaan kitaaba cufu, chaappoota ka hiikuu malu eennu? Jedhee laagaa gudda'aan hennaa labsu arge.


Maleekkaan biraa dhufeeti girgiraa worqi'ii qabateeti hulee ciinca'aa bira dhaabatee afoo teesso'oo ka jiru ciincaa worqi'ii irratti qulqulloota maraaf faatee akka itti eda'u hixaanni guddaan itti keename.


Maleekkaan xurumbaa qabu ka jahaffa'aa «Maleekkoota arfan laga guddaa Efraaxisitti hidhaman isaan hiiki!» jedheen.


Isaanillee namoota kallacha isaanii irra chaappaan Rabbii hin jirre callaa akka miidhan ajaje malee, waan lafa irra jiru maraa waan lalise yookiin muka kamiinillee akka hin miine isaanitti himan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ