Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 7:17 - WAADAA LAMMATAA

17 Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

17 teessicha jidduu Hoolichi jiru'llee tissee isaanii ni ta'a, gara burqqaa bishaan jireennaa'llee isaan ni eemara, Waaqinni'llee imimmaan isaanii mara ija isaanii irraa, isaaniif ni haqa.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

17 Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 7:17
42 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

‹Ati Beeteliheemii Yihuudaa keessaa! qachoota gugurdaa Yihuuda'aa maraa keessaa ati horoma hin diqqaattu; Sababaanillee ka banii kiyya Isiraa'eliin bulchu, Bulchaan si keessatti dhalata› jedhamee barreeffameera» jedhaniin.


Worri gaddan worra eebbifame; jajjabina waan argataniif.


«Tisseen mishaan ana. Tisseen mishaan hoolota ufiitiif lubbuu ufii dabarsee kenna.


Tisseen mishaan ana. Aabba akkuma na beeku akkuma anillee Aabbaan beeku, Ani hoolota tiyya hin beeka. Hoolonni tiyyallee na beekan. Lubbuu tiyyallee hoolota tiyyaaf dabarsee kenna.


Yesuus deebisee, «Kennaa Rabbiitii fi ka bisaan na obaas siin jedha'aaru eennuun akka ta'e uduu beettee, silaa situ na kadhata. Innillee silaa bisaan jireennaa sii kenna» isi'iin jedhe.


Dubartittiin sunillee akkana jetteen, «Gooftaa kiyya, ati waan woraabbattuun hin qabdu; boollillee gad fago'o, eegasuu bisaan jireennaa kana eessaa argatta ree?


Ka bisaan Ani kennu irraa dhugu maruu ammoo baraa haga bara baraatitti hin dheebotu. Bisaan Ani kennu isa keessatti burqaa jireennaa ka bara baraan isa keessaa burqu ta'a» isi'iin jedhe.


Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.


Tika Rabbii ka Rabbi akka isin tissitan isinitti kenne eegaa'a, hunnaan uduu hin taane akka fedha Rabbiititti, jaalalaan bulchaa malee, giddi'iin hin bulchinaa'a. Dhara bada'aanii miti, fedha mishaa'an malee.


Worri kun qulqullumma'aan uf eeganiiran. Worra dubartii bira dhaqanii uf batteessanii miti; isaan kunniin qeerro'o. Worri gara hoolaan Rabbii deemu faanaa deeman kanniin fa'a. Rabbii fi hoolaa Rabbiitii akka hangafa isaanii ta'an namoota keessaa worri fayyan kanniin fa'a.


Waandhi Gooftaan maraa bulchuu fi hoolaan mana woyyu'uu isii keessa jiran; mana woyyuu isi'ii keessatti hin argine.


Qachatti sanii waan ulfinni Rabbii isi'ii ifuuf ibsoon isi'ii hoolaa waan ta'eef, ifni adu'uutii fi addeessaa isii hin barbaachisu.


Imimmaan ija isaan maraa irraa haqa. Duuti ammaa achi hin jiru, seerri duraanii waan lufeeruuf jedhee hennaa dubbatu dhagaye.


Ani Aalfa'aa fi oomeega'a, jalqabaa fi dhuma; ka dheebote burqaa jireennaa irraa akkanumaan kennaaf.


Baadaa isi'ii jidduu teessoo Rabbiitiif teessoo Hoola'aa waan akka bilille'ee callanqisu laga bisaan jireennaa natti mudhise.


Teesso'oo fi busaayota arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ