Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 7:14 - WAADAA LAMMATAA

14 Anillee, «Gooftaa kiyya, situ beeka» jedheen. Innillee akkana naan jedhe, «Kunniin worra rakkoo guddaa keessaa dhufan. Uffata ufiillee miicanii dhiiga hoola'aatiin qulqulleessan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

14 Ani'llee, «Yaa Gooftaa, ati ni beekita» ni jedheen. Inni'llee akkana naan jedhe, «Kunniin rakkinna ol aanaa bira dabrranii worra dhufan, uffata isaanii'llee diiga Hoolichaatiin miicanii, adii taasisaanii jiran.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

14 Anillee, «Gooftaa kiyya, situ beeka» jedheen. Innillee akkana naan jedhe, «Kunniin worra rakkoo guddaa keessaa dhufan. Uffata ufiillee miicanii dhiiga hoola'aatiin qulqulleessan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 7:14
30 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Hennaa san rakkinni guddaan hin dhufa, rakkinni akkasii haga biyyi lafaa uumamte irraa jalqabee haga ammaatitti ta'ee hin beeku, sirimaa deebi'eelle hin ta'u.


Guyyoonni sun guyyoota rakkinni hamaan itti ta'u. Rakkinni akkasii hennaa Rabbi biyya lafaa uume irraa jalqabee haga ammaatitti hin taane, deebi'eellee hin ta'u.


Nageenni na'aan akka isinii ta'uuf kana isinitti himeera, biyya lafaa keessa hennaa jirtan hin rakkattan, haata'uu ammoo jabaadhaa'a! womaa mit ani biyya lafaa mooyadheera.»


Kana calla'aa miti, haata'uu ammoo rakkinni obsa, obsillee ataabee, ataabeenillee abdii akka namaa godhu beeka'aa rakkinna keennaanillee uf janya.


Isin keessallee gariin akka kanniinii turtan. Haata'uu ammoo Maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Ayyaana Rabbii keennaatiin dhiqattaniirtu woyyoomtaniirtan qajeellota taataniirtan.


Kanaafuu ari'amu'uu fi rakkoo isin irra gaye maraa keessatti waan obsitanii fi amanta'aanillee waan jabaattaniif, tokkummaa Woldaa Kiristaanaa keessatti nu isiniin boonna.


Kanaaf Yesuus ammoo dhiiga ufiitiin banii qulqulleessu'uuf karra qachatti'iitiin alatti rakkate.


Dhiinni Kiristoosii ka mudaa hin qabne ta'ee, Ayyaana bara baraatiin, ka Rabbiif uf dhiyeesse, attamitti waan kana caalaa Rabbii jiraataa akka kaddaaman, hujii du'aa irraa sammuu keessan hin qulqulleessine ree?


Haata'uu ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nullee ifa keessa yoo jiraanne, nu martinuu isa woliin tokkummaa qabna. Dhiinni Ilma isaa Yesuus Kiristoosii cubbuu keenna maraa irraa nu qulqullessa.


Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan.


Garba bilille'ee ka ibiddaan makame fakkaatu arge. Bineensaa fi fakii isaa laakkoofsa maqaa isaallee worri mooyatan meeshaa Rabbii kaddaamama'aa qabatanii hennaa galaana bilille'ee irra dhaabatan arge.


Intalti dhiiga woyyootaatii fi dhiiga worra Kiristoosiin ragaa bayaniin machoofte arge; hennaa isii arge guddisee maalalfadhe.


Rakkinna keetiif hiyyummaa kee hin beeka. Haata'uu ammoo ati dureessa, arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka isaan woldaa seexanaati.


Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachati'ii seenu'uuf worri uffata isaanii miicatan eebbifamtoota.


«Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti, waan qalamteef dhiiga keetiin, Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa, banii maraa keessaa namoota furtee; jeennata Waaqa keennaatiif gadicha akka ta'an gooteerta; adunyaa irrattillee hin mooyan» jedha'aa laagaa haarawaan faarfatan.


Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan marraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qacee meexxi'ii harka isaaniititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ