Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 6:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Hennaa chaappaa shanaffa'aa hiike, mi'a kennaa irratti dhiyeessan jalatti lubbuu worra dubbii Rabbii eeganii raganiif qalamanii arge.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

9 Chaaphaa shanaffaa yeroo itti banametti, waayee dubbii Waaqaatii fi waayee ragummaa isaan kennaniitiif, lubbuuwwan namoota ajjeefamanii furddaa gaditti ni arge,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9 Hennaa chaappaa shaneesso'oo hiike mi'a kennaa irratti dhiyeessan jalatti lubbuu worra dubbii Rabbii eeganii raganiif qalamanii arge.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 6:9
21 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Mana sagada Yihuudotaa keessaa isin baasanii kana caalaallee akkasuma worri isin ajjeesan maruu akka waan Rabbii hojjataaranii hennaan isaanitti fakkaatu hin dhufa.


Keessattuu nafa akka mana keennaa ta'e kana irraa adda baanee baqa keessa jiraata'aa Gooftaa woliin jiraachu'utu nu gammachiisa.


Waan lamaan kanaan dhiphata'aa deemee Kiristoosiin woliin jiraachu'uuf dharra'a. Inni maraa irra mishaa waan ta'eef.


Haata'uu ammoo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera.


Eegasuu waan Goofta'aa ragu'uuf yookiin anaa waan Goofta'aatiif hidhamettillee hin saalfatin, haata'uu ammoo haga hunna Rabiitiin waan Oduu Nagayaatiif na woliin rakkadhu.


Lubbuun tiyya amma akka dhibaayu'uutitti jigu'uuf taati; hennaan deemullee gayeera.


gara worra sami'itti maqaan isaanii barreeffamee, gara tokkummaa hangafa abbaa murti'ii maraatuu ka ta'u, gara Rabbii, gara lubbuu qajeellota guutu'uu,


Innillee dubbii Rabbiitiif waan Yesuus Kiristoosii waan arge maraa rage.


Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbii tiif waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.


Maleekkaan biraallee ka ibidda irratti baallii qabu hulee ciinca'aatii bayee, ka haamtuu qaramaa qabuun, «Sanyiin gayeera, haamtuu kee qaramaa gadi ergiitii muka woyini'ii ka lafa jiru maraa hurbuu isaa kuti» jedhee laagaa gudda'aan waame.


Waan kennaa irratti dhiyeessan keessaa, «Ee, Waaqa Gooftaa maraa bulchitu, murtiin kee dhuga'aa fi sirri'i» jedha'aa hennaa dubbatu dhagaye.


Anillee isaa sagadu'uuf luka isaa jalatti kufe, innillee, «Akka akkas hin goone uf eegi! Anillee obboleeyyan kee kaawwan woliin akkuma worra ragaa Yesuusii qabanii garbicha, ragaan Yesuusii Ayyaana raaga'aa waan ta'eef, Rabbii sagadi» naan jedhe.


«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne.


Teessoollee hin arge. Worra isarra taa'anii baalliin kennameef waan ragaa Yesuusiitiif waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaaf fakii isaatii hin saganne worra malkata kallacha isaaniitiif harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan.


Maleekkaan biraa dhufeeti girgiraa worqi'ii qabateeti hulee ciinca'aa bira dhaabatee afoo teesso'oo ka jiru ciincaa worqi'ii irratti qulqulloota maraaf faatee akka itti eda'u hixaanni guddaan itti keename.


Maleekkaan jahaffa'aa xurumbaa afuufe. Gaafa worqii irraa hojjatame ka kennaa irratti dhiyeessan ka Rabbiin afoo jiru keessaa laagaa tokko dhagaye.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ