Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 6:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Isaan maraafuu uffanni adiin kenname akkasuma akka isaaniititti worra ajeefamu'uuf ta'an haga laakkofsi garbootaa, goshoota isaaniitiif obboleewwanii haga raawwatamutti ammallee haga bara diqqo'oo haa harabaafatanii jedhaman.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

11 Tokkoo tokkoo isaaniitiif'llee uffanni adiin ni kennameef, akka isaanii ufi durana ka ajjeefaman, kuma isaanii tajaajilttoota ka ta'an waahellan isaaniitii fi laakkofssi obboleeyyan isaanii haga guututti, yeroo muraasaaf boqatanii akka turaniif isaanitti ni himame.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

11 Isaan maraafuu uffanni adiin kenname akkasuma akka isaaniititti worra ajjeefamu'uuf ta'an haga laakkobsi garbootaa, goshoota isaaniitiif obboleewwanii haga raawwatamutti ammallee haga bara diqqo'oo haa harabaafatanii jedhaman.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 6:11
19 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Obboleessi obboleessa ufii, abbaanillee ilma ufii dabarsee du'aaf kenna. Ijoolleen worra ufii irratti hin ka'an, hin ajjeesanille'e.


Abbaan isaa garuu garboota ufiitiin akkana jedhe, ‹Ariifadha'aatii, uffata, uffata maraa caalu fida'aatii itti uwwisaa'a; quba isaatiif qubee, luka isaatiif kophee fida'aatii itti godhaa'a!


Mana sagada Yihuudotaa keessaa isin baasanii kana caalaallee akkasuma worri isin ajjeesan maruu akka waan Rabbii hojjataaranii hennaan isaanitti fakkaatu hin dhufa.


Haata'uu ammoo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe, innillee Oduu Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na birratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.


Wondhaansoo mishaa bayeera; fiigicha kiyya fixeera. Amantaa kiyya eeggadheera, uf afo'otti badhaasaaf qajeellummaan naaf qophaayeera.


gara worra sami'itti maqaan isaanii barreeffamee, gara tokkummaa hangafa abbaa murti'ii maraatuu ka ta'u, gara Rabbii, gara lubbuu qajeellota guutu'uu,


Namni gara harabaafataa ufii seene akkuma Rabbi hujii ufii irraa harabaafate, innillee hujii ufii irraa harabaafateera.


Sami'ii fi waan samii keessa jiran, lafaa fi waan galaana keessa jiran, galaanaa fi waan galaana keessa jiran ka uumeef baraa haga bara baraa jiraataa ta'ee ka jiraatuun kakatee, «Ammaa achi hin turu!


Hennaa fakiin bineensaa qaaqu, fakii bineensaatii worra hin saganne maraa ajjeesisu'uun fakii bineensaatii hafuurri akka kennamuuf taasifame.


Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye.


Intalti dhiiga woyyootaatii fi dhiiga worra Kiristoosiin ragaa bayaniin machoofte arge; hennaa isii arge guddisee maalalfadhe.


Anillee, «Gooftaa kiyya, situ beeka» jedheen. Innillee akkana naan jedhe, «Kunniin worra rakkoo guddaa keessaa dhufan. Uffata ufiillee miicanii dhiiga hoola'aatiin qulqulleessan.


Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan marraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qacee meexxi'ii harka isaaniititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ