Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 5:5 - WAADAA LAMMATAA

5 Mangudoota keessa tokko, «Hin booyin! Kunoo, leenci gosa Yihuuda'aa Inni hidda Daawitii kitaaba banu'uuf chaappaa torbaallee hiiku'uuf mooyateera» naan jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

5 yeroo sanitti'llee jaarsotii keessaa tokko, «Hin booyin, kunoo gara gosa Yihuda'aatii ka ta'e, gaalee dhaloota Daawiitii irraa leenicci ka'e, injifatee moo'ee jira, inni kitaabcha kaldho'oo maramaa fi chaaphawwan torbban banu'uuf ni danda'a» naan jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

5 Manguddoota keessa tokko, «Hin booyin! Kunoo leenci gosa Yihuuda'aa Inni hidda Daawitii kitaaba banu'uu fi chaappaa torbaallee hiiku'uuf mooyateera» naan jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 5:5
25 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yesuus ammoo gara isaanii midhatee akkana jedhe, isin dubartoonni Yeruusaaleemii ufiif ijoollee keessanii booyaa malee naa hin booyinaa'a.


Gooftaan hennaa isii arge, gaddeefii «Hin booyin» jedheen.


Namoonni maruu bade bade jedha'aa booya'aa turan. Inni ammoo, «Hin rafteerti malee, hin duunee hin booyinaa'a» isaaniin jedhe.


Isaanillee, «Intala nana maaf bootta?» isi'iin jedhan. Isiinillee, «Gooftaa kiyya fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beenne!» isaaniin jette.


Oduun Nagayaa kun waan fooniin fiixaa Daawitii irraa dhalateef, akka Ayyaana Woyyu'uutittillee ammoo du'oota keessaa ka'ee, hunna gudda'aan Ilma Rabbii ta'ee mudhatee waan Ilma isaati; Innillee Gooftaa keenna Yesuus Kiristoos.


Akkasuma Isaayyaasillee, «Ka fiixaa Isseyii keessaa dhalatu hin dhufa; inni worra Yihuudii hin taane bulchu'uuf hin ka'a, worri Yihuudii hin taane abdii godhatan» jedha.


Gooftaan keenna gosa Yihuuda'aa keessaa akka dhalate beekkama'a. Muuseen waan gadumma'aa hennaa dubbatu, waan gosa kanaa womaa hin dubbanne.


Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.


«Ani Yesuus tokkummaa woldaa Kiristaanaatitti kana akka isinii ragu Maleekkaa kiyya erge. Ani hidda fiixaa Daawitii, urjii ganamaa ka ifu.»


Akkuma ani mooyadhee teessoo abbaa kiyya irra taa'e, akkasuma ka mooyate na woliin teessoo jeennata kiyyaa irra akka taa'u hin kennaaf.


Manguddoonni diddamii afurii afoo ka teessoo irraa taa'eeruutitti kufanii baraa haga bara baraatitti ka jireennaan jiraatuu, sagada'aa; «Gooftaa keennaa fi Waaqa keenna, «Ati maraa waan uumteertuuf, fedhii keetiif waan jiraataniif, ulfinni, jajamuunii fi hunnillee keeti» jedha'aa afoo teessoo isaatitti sagadan.


Naannaya teessoo isaa teessoo diddamii afurtu jira. Teessoo sanniin irrallee manguddoonni diddamii afurii uffata adii uffatanii badhaadha muudamaa ka worqii irraa hojjatame mata'atti godhatanii tataa'aniiran.


Kitaaballee banuu yookiin laaluun ka malu eennullee waan hin argamneef guddisee booye.


Hoolaanillee hennaa chaappaa torbaa keessaa tokko yoo hiiku arge; busaayaa arfan keessaa tokko laagaa gigissaa fakkaatuun «Koottuu» laali hennaa jedhu dhagaye.


Manguddoota keessaa tokko deebisee, «Kunniin ka uffata adii uffatan eennuun fa'a? eessaa dhufan?» Naan jedhe.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ