Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 5:13 - WAADAA LAMMATAA

13 Ardii, samii'i, lafa jalattii fi uumamni galaana irra jiranii fi wonti isa keessa jiru martuu hennaa, «Eebbi, ulfinni, galanni, hunni, baraa haga bara baraa ka teessoo isaa irra taa'eef, hoolaa Rabbiitii haata'u» jedhan dhagaye.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

13 Sami'ii fi ardi'itti, ardi'ii gadii fi garba ciisaa keessa isaanii titti uumaminni marri'llee, «Ka teessoo irra taa'ee fi Hoolichaaf'llee, galata, ol aanttummaa, ulfinnii fi huminni'llee, baraa haga baraa titti haa ta'u!» yoo jedhan, ni dhagaye.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

13 Ardii, samii'i, lafa jalattii fi uumamni galaana irra jiranii fi wonti isa keessa jiru martuu hennaa, «Eebbi, ulfinni, galanni, hunni baraa haga bara baraa ka teessoo isaa irra taa'eef, hoolaa Rabbiitii haa ta'u» jedhan dhagaye.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 5:13
29 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Hamaa jalaa nu baasi ataabe'etti nu hin galchin, [jeennanni, hunni, ulfinnillee baruma baraan tanteeti Amiin!]


Bariisaa san Yohaannis uduu Yesuus gara isaa dhufu argee akkana jedhe; «Kunoo! Hoolaan Rabbii ka cubbuu adunyaa irraa balleessu kana.


Maruu isarraa, isaan, isaaf waan ta'eef, bara baraan isaaf ulfinni haata'u! Amiin!


Rabbii ufumatti ogummaa qabuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin baraa haga bara baraa ulfinni haata'u! Amiin.


Abboonnillee ka isaanii waan ta'eef isaan keessaa Kiristoos fooniin dhalate, Inni waa maraa ol ta'ee, bara baraan Waaqa eebbifama'a! Amiin.


Karaa woldaa Kiristaanaatii fi karaa Kiristoos Yesuusiitiin baraa haga bara baraa ulfinni Rabbiif haata'u! Amiin.


Kunillee worra ardi'ii fi samii, worri ardii jala jiran maruu, maqaa Yesuusiitiif akka jilbiinfatan.


Kunillee hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Oduu Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanta'aan dhaabattanii, yoo jiraattan isinii ta'a. Oduun Nagayaa sunillee uumama sami'ii gadi jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.


Waan keetiif barumsa kee midhaassii qabi; kanniin irrattillee jabaadhu kana yoo goote, ufiif worra si dhagayanillee hin fayyifta.


Namni kamuu yoo dubbatu akka dubbii Rabbiititti haa dubbatuu. Ka tajaajilu, hunna Rabbi naa kenneen jedhee haa tajaajiluu. Ulfinnaa fi baalliin baraa haga bara baraatitti karaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiif haa ta'u! Amiin.


Isaaf ulfinninii fi hunni baraa haga bara baraa haa ta'u! Amiin.


ka ufummatti Waaqaa fi qorichaa, barootaan dura, ammaa haga bara baraa, maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ulfinni, gaachenni, hunninii fi baalliin haa dhufu! Amiin.


Rabbii Abbaa isaatii akka hojjannuuf jeennata Abbaa isaatii gadicha akka taanu nu taasisee, baraa haga bara baraa ulfinninii fi hunni isaa haa ta'u! Amiin.


Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafarra jiraatan maruu hin sagadaniif.


Ka teessoo irraa ta'eef harka isaa ka mirgaa keessaa fi duuba irratti barreeffame barreeffama erbe'ee ka chaappaa torbaan cufame arge.


Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame sanii, hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan.


Ardii, sami'itti, lafa jalattillee yoo ta'e kitaaba banuu yookiin laaluun eennullee hin danda'amne.


Teesso'oo fi busaayota arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman.


«Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti, waan qalamteef dhiiga keetiin, Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa, banii maraa keessaa namoota furtee; jeennata Waaqa keennaatiif gadicha akka ta'an gooteerta; adunyaa irrattillee hin mooyan» jedha'aa laagaa haarawaan faarfatan.


Gaarranii fi dhagoonni, «Nu irratti kufaa'a lola ka teessoo irra ta'eetiif lola hoolaa Rabbii jalaa nu dhossaa'a.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ