Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 3:14 - WAADAA LAMMATAA

14 Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Lodoqiyaa jirtuutiif akkana jedhii barreessi: inni Amiin jedhamu ka amanameef ragaan dhuga'aa ka Rabbiin biratti madda uumama maraa ta'e akkana jedha.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

14 Maleyikkaa woldaya amantii Loodooqiya'aatiif akkana jedhii barreessi, Kun Ameenii ka ta'e, amanama'aa fi ragaa dhugaalessa ka ta'e irraa, uumama Waaqaa maraaf argama ka ta'e irraa ka himame,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

14 Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Lodoqiyaa jirtuutiif akkana jedhii barreessi; inni Amiin jedhamu ka amanamee fi ragaan dhuga'aa ka Rabbiin biratti madda uumama maraa ta'e akkana jedha.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 3:14
22 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Wonti martinuu isaan ta'e, waan ta'e keessaa tokkichillee isaan malee ka ta'e hin jiru.


Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani yoo waan kiyyallee rage, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, ragaan kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu hin beettan.


Abdiin dubbii ka Rabbi kenne maruu, «Ee» dubbi'iin isaan waan ta'eef, Kanaaf Rabbiif ulfinna isaatiif ka nu keessan dubbatu akkasuma «Amiiniin» isaan.


Innillee fakkeenna Waaqa hin mudhanneti. Teessoon mudhatanii fi hin mudhanne, gooftummaan, bulchuun, baalliin, ardi'ii fi samii irra worra jiranillee yoo ta'an, martinuu waan isaan uumamaaniif, uumama maraayyuu hangafa, martinuu isaan isaaf uumameera.


Innillee qaama isaa jechuun, mataa Woldaa Kiristaanaati. Innillee maraa afoo ta'u'uuf, worra du'an keessaa du'aa ka'u'uun hangafa.


Waan keessaniif worra Lodoqiyaa jiran fuula kiyyallee worri hin argine martinuu dadhabbii guddaa attamii akka qabu akka beettan fedha.


Dhaamsi tunillee isin biratti haga dubbifamteen maayessa tokkummaa namoota Lodoqiya'aattillee akkasuma akka dubbifamu godhaa'a. Dhaamsa Lodoqiyaa irraa ergame isinillee akkasuma dubbisaa'a.


Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.


Samii baname arge, kunoo ka farda guddaa ol fagaatu irra taa'e, «Amanama'aa fi ka dhuga'aati» jedhama. Qajeellumma'aan murteessa, hin lolalle'e.


Gara Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Efesooniin keessa jirtuutiif akkana jedhii barreessi. Ka urjoota torbaa harka mirgaatitti qabate ka baattuu worqi'ii torbaa jidduu deddeebi'u akkana jedha.


Ani Aalfa'aa fi oomeega'a, jalqabaa fi dhuma; ka dheebote burqaa jireennaa irraa akkanumaan kennaaf.


Aalfa'aa fi oomeegaa, ka duraatii fi ka maayessaa, ka jalqabaatii fi ka dhumaa ana.»


Innillee, «Jechoonni kunniin amanama'aa fi ka dhuga'aati. Ayyaanni raattotaa, Waandhi Gooftaan keenna waan dafee ta'u'uuf ta'u garbootatti akka mudhisu, Maleekkaa erge.»


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Filaadelifiyaa keessa jirtuu akkana jedhii barreessi. Ka furtuu Daawitii harkaa qabu, ka waan inni cufe eennullee banuu hin dandeenneef waan inni bane eennullee cufuu hin dandeenne woyyichi dhuga'aa akkana jedha.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ