Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 3:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

10 Obissa ka qabddu ta'i dubbii kiyya ka ani siin jedhe waan eegiddeef ani'llee biyya lafaa irra worra jiraattan qormmaatu'uuf arddii mara irratti saa'aatii rakkinni dhufu irraa si ni eega.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

10 Ciniinnattee obsitee ajaja ani sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 3:10
30 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Gosa maraaf ragaa akka ta'u, Oduun Nagayaa ka jeennataa, biyya lafaa maratti hin lallabama. Achiin maayessa muummeen hin dhufti» jedhe.


Akka ataabe'etti hin galle jabaadha'aa faateffadhaa'a; Ayyaanni qophaaya'a, foon ammoo dadhaba'a» jedheen.


Hamaa jalaa nu baasi ataabe'etti nu hin galchin, [jeennanni, hunni, ulfinnillee baruma baraan tanteeti Amiin!]


Ani dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa irratti hulee Oduun Nagayaa kun itti lallabamu maratti, wonti isiin goote akka isiin qaabatamtuuf himama.»


Ji'oota san keessa biyyi lafaa maruu akka galmaayu mootii mootota Awugisxoosiin biraa ajanyi baye.


«Namoota adunyaa irratti naa kennite biratti maqaa kee ibseera. Worra kee turan, ati naa kennite. Isaanillee dubbii kee eeganiiran;


Amantaan keessan adunyaa maraa irratti waan dhagayameef, firrisee waan keessan maraafuu Rabbii kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galateefadha.


Qormaata nama maraa irratti ta'uun ala qormaanni woyiituu isin irra hin geenne; haata'uu ammoo haga dandeettan caalaa akka qoramtan Rabbiin hin eeyyamne amanama'aa. Obsuu akka dandeettan qorumsa woliin karaa baataniinillee isinii qopheessa.


Kanaaf gaafa hamaa dhaabachuu akka dandeettan, mi'a Rabbii ka lolaa maraa hidhadhaa'a.


Yoo obsinee jabaanee dhaabanne, akkasuma isa woliin moona. Yoo isa waakkanne, akkasuma, innillee nu waakkata.


Obboleeyyan tiyya! munni hurbu'uu ejersa yookiin woyiniin hurbuu daraaruu hin dandeettii? Bisaan sooqiddaa keessaa bisaan mi'aayaan hin bayu.


Goshoota tiyya! Rakkinni isin jiddu'utti akka ibiddaa isin qoru'uuf ta'aaru, akka waan rakkinniniif ajaa'ibni woyii isinitti dhufeetitti hin maalalfatinaa'a.


Worra Gooftaa kaddaaman ataabee jalaa baasee worra cubbamoota keessattuu, worra hawwii shinga'aa, dharraa foonii hamaa duukaa deema'aa worra Gooftummaa isaa tuffatan adaba'aa haga guyyaa murti'ii saniif attamitti akka isaan tursiisu hin beeka. Isaan kun worra uf jajaniif goota worra baallii qaban arrabsuu hin sodaanne.


Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbii tiif waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.


Raattonni lamaan kunniin worra lafa irra jiraatan waan rakkisaniif isaanitti gammadan gammachu'uun jiraatan, kennaa wolii kennan.


Eennullee ka booji'amuu barbaadu yoo jiraate gara booju'uu deema. Eennullee ka guraade'een nama ajjeesu yoo jiraate, inni guraade'een haa ajjeefamuu. Obsinii fi amantaan woyyootaa kanaan.


Malkata gugurdaa afoo bineensaatitti ta'u saniin worra lafa irra jiraatan hin dogoggorsa. Ka madaa guraade'ee qabuuf, worra lubbu'uun jiraatan fakii bineensa sanii akka godhatan worra lafa jiraatanitti dubbata.


Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafarra jiraatan maruu hin sagadaniif.


Worri ajaja Rabbii eeganii fi woyyoonni Yesuusiin amanu'uun jabaatan.


Maleekkaan Oduu Nagayaa bara baraa banii, fiixaa, worra afaan gara garaa ka gosa maraaf lallabu samii wodhakka'aa uduu bararu arge.


Waan ayyaana jinni'ii ta'aniif malkata godha'aa guyyaa lola guddaa Rabbii waa maraa bulchuutiif wolitti qabu'uuf gara mootota adunyaa maraa dhaqan.


Mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran, worri lafa irra jiraatan daadhii woyini'ii seebara isi'iitiin machaayan» jedhee natti dubbate.


Bineensi ati argite duri jira, amma ammoo hin jiru, ashuuteen keessaa bayu'uuf ta'a, gara badi'iillee hin deema, worri maqaan isaanii uumama adunya'aa irraa jalqabee Kitaaba jireennaatitti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan akka bineensi jiru, ka amma hin jirre, deebi'ee akka dhufe haga argan hin maalalfatan.


Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.


Hujii kee hin beeka afoo keetitti balbala baname sii kenneera. Eennullee cufuu hin danda'u, hunni kee hagamillee diqqoo yoo ta'e, dubbii kiyya eeddee maqaa kiyyallee hin waakkanne.


«Gooftaa, dhuga'aa fi woyyuu keenna haga yoomii hin murteessitu? dhiigaa keenna worra lafa irra jiraatan harkaa maaf haluu nu hin baafne?» jedhanii laagaa gudda'aan iyyan.


Bajjaan tokko samii wodhakka'aa bararee laagaa gudda'aan waan Maleekkota sadihii xurumbaa afuufu'uuf ta'anii, waan laagaa Maleekkota biraa worra lafa irra jiraataniif isaanii aanne'e! Hennaa jedhu dhagaye.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ