Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 3:1 - WAADAA LAMMATAA

1 «Maleekkaa woldaa Kirstaanaa ta Sardeesiin keessa jirtuuf akkana jedhii barreessi. Ayyaanota Rabbii torbanii fi ka urjoota torbaa harkaa qabu akkana jedha. «Hujii kee hin beeka; ati maqamaaf jirta malee duuteerta.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

1 Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi, Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 «Maleekkaa woldaa Kirstaanaa ta Sardeesiin keessa jirtuuf akkana jedhii barreessi. Ayyaanota Rabbii torbanii fi ka urjiiwwan torbaa harkaa qabu akkana jedha. «Hujii kee hin beeka; ati maqamaaf jirta malee duuteerta.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 3:1
30 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ilmi kiyya kun du'ee ture, Amma ammoo hin jira, badee ture amma ammoo argameera› jedhe. Isaanillee hin gammadan.


Haata'uu ammo obboleessi kee kun du'ee ture; amma ammoo jiraataa ta'eera; badee waan argameef, guddifnee gammanna› jedheen.»


Nu Maruu guutuu isaa irraa fudhannee badhaadha irratti badhaani nuu kennameera.


Ani isa hin beeku ture. Haata'uu ammo, Inni ka ani akka bisaaniin cuuphuuf na erge, ‹Ka ati uduu Ayyaanni irratti bu'uu fi irratti harabaafatu argitu, ka Ayyaana Woyyu'uun cuuphu Isa› naan jedhe.


Kana jedhee hafuura isaanitti baafatee, «Ayyaana Woyyuu fudhadhaa'a!


Namni Rabbi erge dubbii Rabbii dubbata; Rabbi Ayyaana ufii bikkee waan hin kennineef


Kanaafuu mirga Rabbiititti ol fudhatameeti dubbii abdii Ayyaana Woyyu'uu Aabbaan irraa fudhatee ka amma isin argitanii fi dhageettan kana gad dhangalaase.


Isin yakkaa fi cubbuu keessaniin worra du'e turtan. Hennaa san isinillee akkanatti hammeenna adunyaa tanaa duukaa deemtanii, ka ayyaana amma qilleensa keessa jiru bulchuu fi ka ammallee ijoollee Rabbii hin ajajamne irratti hojjatuuf, ajajama'aa jiraata'aa turtan.


Sababaa jaalala guddaa nuuf qabuun hennaa hammeenna balleessaa keennaan worra du'e taanee turre, Kiristoosiin woliin jireenna nuu kenne. Isin badhaadha Rabbiitiin fayyitaniirtan.


Isinillee yakka keessaniif foon keessan waan hin gadoomneef, hennaa duutan isa woliin jireenna isinii kenne, cubbuu keessan maraa isinii dhiise.


Ta abbaa manaa hin qabne ta waan adunyaa tanaa callaa jaalattu ammoo, isiin uduu lubbu'uun jirtuu ta duute.


Akkuma foon lubbuu irraa baye ka du'e ta'e, akkasuma ammoo amantaan huji'iin adda fooyame ka du'e.


Ayyaanni Kiristoosii ka isaan keessa jiru, waan rakkoo Kiristoosiitii fi Ulfinna isaan maayessa dhufu firrisee raga'aa, yoom yookaan bara attamii akka raawwatu qorata'aa turan.


Kunniin waamsa jaalalaa keessanitti yoo isin woliin waamaman, waamsa jaalalaa san xureessan. Isaan tissema ufii uf sooran. Isaan akka duumessa rooba hin qabnee, ka qilleensaan oofamuu, akka midhaan hennaa daraaree gawutti ija hin godhanne, akka muka gogee hiddaan buqqa'ee,


Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.


Harka isaa ka mirgaa irraa urjoota torba qaba. Afaan isaa keessa guraadee gara lamaan qarametu baya. Fulli isaallee akka aduu guddiftee iftuutti.


Hiikkaan dhossaa urjii torbaatiif baattuu Worqi'ii ka harka kiyya ka mirgaa irratti argite kana. Urjiin torban Maleekkaa woldaa Kiristaana torbaati. Baattuun Worqii torbanii tokkummaa woldoota Kiristaana torbaati.


Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture, ka ammallee jiru, ka dhufu'uuf ta'uuf, Ayyaanota torban, teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,


«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne.


«Hujii, jaalala, Amantaa, tajaajilaa keetiif ciniinnattee obsuu kee hujii kee ka duraa caalaa ka maayessaa akka caalu hin beeka.


Hujii kee, dadhabbii keetii fi obsa kee hin beeka. Akka ati worra hamaa cadhiftee hin dhiifne worra uduu ergamaa hin taane, «Ergamoota» ufiin jedhan qorattee laaltee akka isaan sobduu ta'an akka beette ani hin beeka.


Rakkinna keetiif hiyyummaa kee hin beeka. Haata'uu ammoo ati dureessa, arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka isaan woldaa seexanaati.


Akka ati qabbanaayaa yookiin oo'aa hin taane hujii kee hin beeka. Qabbanaayaa yookiin oo'aa uduu taatee misha'a.


Kanaafuu dammaqii ka'i waan ani fuula Rabbii kiyyaa afo'otti hujiin kee guutuu ta'uu isaa hin argineef. Waan du'uu gaye sanniin jabeessi.


Hujii kee hin beeka afoo keetitti balbala baname sii kenneera. Eennullee cufuu hin danda'u, hunni kee hagamillee diqqoo yoo ta'e, dubbii kiyya eeddee maqaa kiyyallee hin waakkanne.


Teessoo san keessaa laagaa bakakka'aatii fi gigissa'aatitu baya. Teessoo isaa afoo ifaa ibiddaa torbatu ifa'aa ture. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban.


Teesso'oo fi busaayota arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ