Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 22:16 - WAADAA LAMMATAA

16 «Ani Yesuus tokkummaa woldaa Kiristaanaatitti kana akka isinii ragu Maleekkaa kiyya erge. Ani hidda fiixaa Daawitii, urjii ganamaa ka ifu.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

16 «Ani Yesus ragummaa kana akka isinii kennuuf maleyikkaa kiyya woldaya amanti'iitiif ergee jira, ani hiddaa dhaloota Daawiitiitii fi fiixa'a, urjjii bariisa'aa ka'ifu'lle'e.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

16 «Ani Yesuus tokkummaa woldaa Kiristaanaatitti kana akka isinii ragu Maleekkaa kiyya erge. Ani hidda fiixaa Daawitii, urjii ganamaa ka ifu.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 22:16
30 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoosii fiixaa Abrahaamiitii fi fiixaa Daawitii kana.


«Mootiin Yihuudotaa ka dhalate, eessa jira? nu urjii isaa karaa aduun baatutti arginee, isaa sagadu'uuf dhufneerra» jedhanii iyyaafatan.


Yesuus, «Wonti Kiristoosii maal isinitti fakkaataa? Inni ilma eennuuti?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Ilma Daawitiiti» jedhaniin.


Yoo Daawiti Gooftaa jedhee isa waame, attamitti Inni ilma isaa ta'a ree?» isaaniin jedhe.


Waandhi keenna Waaqa araaraatii fi gara-laafessa waan ta'eef, Inni aduun fayyinnaa gubba'aa akka nuu ifu taasisa.


Eega Daawiti, ‹Gooftaa kiyya› jedhee isa waame, attamiin Kiristoos Ilma isaa ta'uu danda'a ree?»


Akkasuma Isaayyaasillee, «Ka fiixaa Isseyii keessaa dhalatu hin dhufa; inni worra Yihuudii hin taane bulchu'uuf hin ka'a, worri Yihuudii hin taane abdii godhatan» jedha.


Abboonnillee ka isaanii waan ta'eef isaan keessaa Kiristoos fooniin dhalate, Inni waa maraa ol ta'ee, bara baraan Waaqa eebbifama'a! Amiin.


Kanaafuu dubbii raattotaan dubbatame caalaa nuu mirkanaayeera. Isinillee haga lafti bariite bakkalchi bariisa'aa garaa keessan keessatti haga bayutti akka namni ibsaa hulee dukkanaatitti ibsu uf eegutti dubbii kanaa uf eegaa'a.


Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.


Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.


Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture, ka ammallee jiru, ka dhufu'uuf ta'uuf, Ayyaanota torban, teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,


Waan Ayyaanni tokkumma Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayuu ka mooyate du'a lammaffa'aatitti hin miidhamu.


«Waan ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf.


«Waan ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›


Baadaa isi'ii jidduu teessoo Rabbiitiif teessoo Hoola'aa waan akka bilille'ee callanqisu laga bisaan jireennaa natti mudhise.


Hamaanillee hammeennuma ufii haa godhuu, battaayaanillee battummama ufii haa godhuu, qajeelaanillee qajeellummama ufii haa hojjatuu, woyyuunillee woyyummaa ufiitiin haa jabaatuu» jedhe.


Ka kana ragu, «Ee, dafee dhufa» jedha. Amiin! Gooftaa Yesuus, dafii koottu.


Innillee, «Jechoonni kunniin amanama'aa fi ka dhuga'aati. Ayyaanni raattotaa, Waandhi Gooftaan keenna waan dafee ta'u'uuf ta'u garbootatti akka mudhisu, Maleekkaa erge.»


Waan Ayyaanni woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagawuu qabu haa dhagayuu.


Waan Ayyaanni Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu haa dhagayuu.


«Waan Ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu, ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayu.


Mangudoota keessa tokko, «Hin booyin! Kunoo, leenci gosa Yihuuda'aa Inni hidda Daawitii kitaaba banu'uuf chaappaa torbaallee hiiku'uuf mooyateera» naan jedhe.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ