Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 21:5 - WAADAA LAMMATAA

5 Ka teessoo ufii irra taa'e, «Kunoo, ani waan maraa haarawa godha!» jedhe; «Jechoonni kun amanama'aa fi dhugaa waan ta'aniif barreessi» naan jedhe. Raawwatameera naan jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

5 Ka teessoo irra taa'ee jiru'llee, «Kunoo! Ani waan maraa haarawa ni taasisa!» ni jedhe, itti aansee'llee, «Dubbiin kun ka amanamee fi dhugaalessa waan ta'eef barreessi!» naan ni jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

5 Ka teessoo ufii irra taa'e, «Kunoo ani waan maraa haarawa godha!» jedhe; «Jechoonni kun amanama'aa fi dhugaa waan ta'aniif barreessi» naan jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 21:5
14 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Daadhiin woyini'ii haarawa ammoo qalqala haarawa keessa kaayama; lachuu wal qabatan.


Kanaafuu eennullee Kiristoosiin keessa yoo ta'e, uumama haarawa. Wonti moofaan lufeera. Kunoo maruu haarawa ta'eera.


Haata'uu ammoo jechi, «Hennaa tokko deebi'ee» jedhu worri hin raaffamne jabaatanii akka jiraatan wonti sochoosu yookiin wonti uumame akka badu mudhisa.


Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.


Eeganaa ka argite, ka amma jiru ka asiin maayii ta'u'uuf ta'ullee barreessi.


Innillee, « ‹Worri hurbaataa cidha Hoolaa Rabbii irratti waamame eebbifamtoota› jedhii barreessi» naan jedhe. Akkasuma, «Kun dubbii Rabbii ka dhuga'aati» naan jedhe.


Teessoo gudda'aa fi adii ka isa irra taa'eerullee hin arge; Ardi'ii fi samiinillee isa afo'oo dheessan. Huleen isaanii hin argamne.


Eennullee dubbii kitaaba raagaa kana keessaa yoo hanqise, hiree isaa muka jireennaa ka kitaaba kanatti barreeffamee, qachattii woyyittii Rabbii keessaa jalaa hanqisa.


Innillee, «Jechoonni kunniin amanama'aa fi ka dhuga'aati. Ayyaanni raattotaa, Waandhi Gooftaan keenna waan dafee ta'u'uuf ta'u garbootatti akka mudhisu, Maleekkaa erge.»


Anillee yoosuu Ayyaanaan guuttame; samii keessa teessoon kaayameera; teessoo san irra namatu taa'eera.


Busaayonnillee ka teessoo irraa ta'ee fi ka baraa haga bara baraa ka jireennaan jiraatu hennaa isaa ulfinna jaju'u fi galata kennaniif,


Ka teessoo irraa ta'eef harka isaa ka mirgaa keessaa fi duuba irratti barreeffame barreeffama erbe'ee ka chaappaa torbaan cufame arge.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ